Ramaddii Chaampiyeens Liigiin Arsenaal fi Baayern, Siitii fi Maadiriid walitti dhufan

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota nuusa xumuraa Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaan Arsenaal Baayar Muunik waliin, Maanchistar Siitiin ammas Riyaal Maadiriid waliin ramadame.
Ramaddiin kuni guyyaa har'aa waajjira muummee Uefa Niyon, Siwizerlanditti argamutti gaggeeffameen ifoome.
Haaluma kanaan Arsenaal v Baayer Muniik waliin, Atileetikoo Maadiriid v Buriisiyaa Dortimund, Maanchester Siitiin v Riyaal Maadiriid, PSG v Baarseloonaa waliin isaan qaqqabeera.
Shaampiyoons Liigii Awurooppaa baranaatiin Laaligaan Ispeen kilaboota sadii-Riyaal Maadiriid, Baarseloonaafi Atileetikoo Maadiriidiin nuusa-xumuraatiif dabarsuu danda'eera.
Piriimer Liigii Ingiliiz ammoo kilaboota lama-Arsenaaliifi Maanchester Siitii dabarse.
Akkuma kana Bondasliigaa Jarmaniirraa Baayer Muniikiifi Boruusiyaa Dortimund kilaboota saddet nuusa-xumuraaf qaqqaban keessa galaniiru.

Madda suuraa, Uefa Shaampiyoons Liig
Liigiin 1 Firaans ammoo kilaba tokko dabarseera.
Kilaboonni Xaaliyaan kan kanaan dura keessaa dhabamanii hin beekne bara kana hin milkaa’iin hafaniiru.
Waancicha waggaa darbe kan mo'ate Maanchistar Siitiin barana yeroo sadaffaa sadarkaa kanatti Riyaal Maadiriid waliin kan ramadame.
Xaphni nuusa-xumuraa marsaa jalqabaa Ebla 9-10, marsaan lameessoo ammoo Ebla 16-17tti gaggeeffama.
Taphni marsaa jalqabaa xumura-walakkaa ammoo Ebla 30 fi Caamsaa 1 kan gaggeeffamu yoo ta'u, marsaan lameessoo Caamsaa 7-8 gaggeeffama.
Xumurrri Shaampiyoons Liigiin Awurooppaa bara kanaa Sambata Waxabajji 1, 2024 Wambileetti gaggeeffama.
Arsenaal fi Siitiin wal arguu?
Nuusa-xumuraa kanaan Arsenaaliifi Baayiren Muniik keessaa abbaan mo’atee darbe tapha xumura-walakkaa irratti Maanchester Siitiifi Riyaal Maadiriid keessaa abbaa mo’ate waliin walitti dhufu.
Kana jechuun Arsenaal yoo Baayen Muniikiin mo’ate, Maanchester Siitiin ammoo Riyaal Maadiriidiin kan mo’atu yoo ta’e, kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz biyya tokko keessaa ta’an wal morkatu jechuudha.
Bara darbe xumura-walakkaa Chaampiyoons Liigiirratti Maanchester Siitiin Riyaal Maadiriidiin dhaqaa galatti goolii waliigalaa 5-1n mo’atee darbuun shaampiyoonaa ta’uun isa ani yaadatama.
Kanaaf, gareen Peep Gaardiyoolaa kun bara kanas akkuma bara darbee ni milkaa’uu?
Ramaddii Yurooppaa Liig
Ramaddii Yurooppaa Liigiin immoo Liivarpuul fi Atilaantaa, akkasumas kilaboonni Xaaliyaanii lamaan AC Miilaaniifi Roomaan waliin ramadamaniiru.
Kilabiin Jarman Baayer Liivarkuusan kilabii Ingilizii West Haam yoo morkatu, Kilabiin Porchugaal Benefikaan immoo kilabii Faransaay Maarsee waliin ramadame.
Liivarpuul morkataa isaa yoo injifate Benefikaafi Maarsee keessaa kan injfate waliin morkata.












