Galata Saanchoo, Dortimund kilaboota nuusa xumura Shaampiyoons Liigiif darbanitti makame

Jeedan Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Kilaboonni Awurooppaa saddet nuusa xumuraa Shaampiyoons Liigiif darban adda ba’aniiru.

Torban kana keessa taphoota afur Kibxataafi Roobii (Bitootessa 12 fi 13) galgala gaggeeffamaniin Arsenaal, Baarseloonaa, Atileetikoo Maadiriidiifi Boruusiyaa Dortimund morkattootasaanii mo’achuun nuusa xumuraaf darbaniiru.

Boruusiyaa Dortimund oolmaa Jeedan Saanchoo fi Maarkoo Re’us oolaniifiin waggaa sadii booda nuusa xumura Shaampiyoons Liigiif darbuu danda’eera.

Kilabni Jarmanii kun tapha Roobii galgala PSV Eindhoven waliin taphatan irratti daqiiqaa sadaffaarratti ture Saanchoon goolii kan lakkoofsise.

Boodarra daqiiqaa 72 irratti Saanchoo bakka bu’ee kan gale Maarkoo Re’us ammoo daqiiqaa dhumaarratti PSV irratti lakkoofsisuun Boruusiyaa Dortimund 2-1n walumaagalatti dhaqaa-galaan 3-1n mo’achuun darbeera.

Amajji darbe ergisaan gara Dortimunditti kan deebiye Saanchoon, morkii kanarratti taphataa cimaa ta’uun filatameera.

Morkii Shaampiyoons Liigii biraa Roobii galgalaatiin Atiletikoo Maadiriidiifi Inter Miilaan gidduutti kan gaggeeffame ture.

Taphni garee kanneen lamaan galchii waliigalaa 2-2n waan xumurameef rukkutaa penaaliitii adda baasuuf kennammeen Atileetikoo Maadiriid injifatee darbuu danda’eera.

Tapha Kibxata galgala Arsenaaliifi Poortoo gidduutti tureen goolii dhaqaa galaa 1-1n walqixa waan bahaniif rukkuttaa penaaliitii adda baasuuf kennameen Arsenaal gahumsa addaa karra eegaan isaa Daavid Raayyaa agarsiiseen mo’atee darbuu danda’eera.

Arsenaal waggaa14 booda nuusa xumura Shaampiyoons Liigii Awurooppaaf kan qaqqabe.

Taphoota Shaampiyoons Liigii Awurooppaa torban darbe gaggeeffameen ammoo Maanchester Siitii, Ryaal maadiriid, Baayren Muniikiifi PSGn morkattoota isaanii mo’achuun Shaampiyoons Liigii Awurooppaaf darbaniiru.

Ramaddiin tapha nuusa xumuraa Shaampiyoons Liigii waajira muummee Uefa Niyon, Siwizerlanditti argamutti bor bahuuf ta’a. Ramaddiin kun yeroo ba’uttis marsartiitiin BBC Sport kallattiin waan dabarsuuf namuu hordofuu ni danda’a.

Tarreeffama kilaboota saddet nuusa xumura Shaampiyoons Liigii Awurooppaaf qaqqabanan:

Arsenaal (Ingilaand)

Atileetikoo Maadriid (Ispeen)

Baarseloonaa (Ispeen)

Baayeren Muuniik (Jarmanii)

Boruusiyaa Dortimund (Jarmanii)

Maanchester Siitii (Ingilaand)

Paaris St-Jermeen (PSG) (Firaans)

Riyaal Maadiriid (Ispeen)

Kana jechuun Ispeen kilaboota sadii, Ingilaand fi Jarmaniin tokkoo tokkoon isaanii kilaboota lama lama dabarsuu kan danda’an yoo ta’u, Firaans kilaba tokko dabarsite jechuudha.

Kilaboota Xaaliyaan kan Kanaan dura keessaa dhabamanii hin beekne bara kana hin milkaa’iin hafaniiru.

Shaampiyoons Liigiin Awurooppaa bara kanaa Sambata Waxabajji 1, 2024 Wambileetti gaggeeffama.