Garee Bishkileetii Biyyaalessaa Itoophiyaafi qormaata inni keessa jiru

Dorgommiiwwan bishkileetii Afriikaa keessatti beekkamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e Tuur Da Ruwaandaan dhiheenya kana xumurameera.
Dorgommii kanarratti kilaboonni akka Israa’el Piriimiiyeer fi UAE kan addunyaa kanarratti jiru jedhaman dabalatee gareewwan biyyaaleessaa hedduun irratti hirmaataniiru.
Gareewwan biyyaaleessaa hirmaatan keessaa tokko garee Bishkileetii Biyyaaleessa Itoophiyaati. Dorgommii magaalaa Ruwaandaa- Kiigaaliifi kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti Guraandhala 18-25, 2024 gaggeeffameen kiloomeetira 740 fudhate.
Kilaboonniifi gareewwan biyyaaleessaa dorgomicha irratti hirmaatan hedduunis Ruwaandaatti ilmaluun shaakala gaggeessuu kan eegalan yoo xinnaate torbaniin dura ture.
Gareen Itoophiyaa Kigaalii kan qaqqaban garuu Jimaata galgala Guraandhala 16 ture. Leenjiisaa garee biyyaaleessaa dabalatee, dorgomtoonni garee biyyaaleessa Itoophiyaa bakka bu’uun deeman shan federeshinichi qophii hin qabu jechuun komatu.
Kana malees, rakkoo hidhannoo dhiyeessuufi bishikileetii akka qabu dubbatanilleen, Federeshinichi garuu kanaan walii hin galu. Ofii garee biyyaaleessa Itoophiyaa Ruwaandaatti maaltu mudate? Qabxii attamis argate?
‘Hirmaachuun keenyaa waan tokko’
Bara 2023tti shaampiyoonaa biyyaaleessaa Itoophiyaa kan ture Bizaay Tasfuu dabalatee, dorgomtoonni shan garee biyyaaleessa Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti hirmaatan.
Dorgomtoota shaman keessaa Dirree Dawaa irraa kan dhufe Amiir Jaafaar Xaahaa baasii ofiisaatiin torban tokko dursee Kiigaalii dhaquun Waldaa Bishkileetii Addunyaa waliin shaakalaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgomtoota shanan keessaayis dorgommii guyyoota torba fudhate xumuruu kan danda’e Amiir qofaadha.
Lenjiisaan garee biyyaaleessaa Instiraaktar Yooseef Alamaayyoo ‘‘yeroo dhaqnu qophii omaatuu hin taasifne’’ jedhu.
‘‘Dorgomaan bishkileetii tokko ejjannoo attam irratti argama kan jedhu baruu qabna. Qophii taasisuu qabna. Dorgomaan bishkileetii tokko gara biyya biraa deemuun yoo dorgomu, yoo xinnaate baatiiwwan afuriif qophii taasisuu qaba. Nuti garuu osoo qophii oomaa hin taasisiin kan hirmaannu’’ jechuun ejjannoo gareesaanii BBC'tti hima.
Itti dabalunis, ‘‘Amiir qofaatu xumure. Arfan isaanii adda kutanii bahaniiru. Kunis qophii akka hin taasifne kan agarsiisuudha,’’ jedhan.
Waan tibba Shaampiyoonaa Afrikaa Gaanaatti isaan mudatee ture kan yaadatan leenjiisaan kun, dorgommii Ruwaandaatiifis dursanii qophaa’udhaaf carraa akka hin arganne ibsan.
‘‘Dursinee wal arguun yeroo itti wal barru waan hin turreef hojii garee hojjachuu hin dandeenyu. Gaanaas deemnee kan ta’e kanuma ture.’’
Bizaay Tasfuus yaada leenjisaa kanaan waliigala. Rakkoon bishkileetiifi uffata dorgommiif barbaachisuu jiraachuu kan dubbatu Bizaay, bishkileetii qabeenyaa kilabii ta’een dorgome.
‘‘Yeroo ittaanuutti rakkoon kun ni furama jedheen abdadha’’ kan jedhu Bizaay, Tuur Da Ruwaandaa irratti hirmaachuun mataansaa waan guddaa akka ta’e amana.
Leenjiisaa Yooseef dorgomtoonni yaalii isaaniif danda’ame akka raawwatan, garuu rakkoon kan Federeshinii Bishikileetii akka ta’e dubbatu.
‘‘Dorgomtoonni maal gochuu danda’u? Hojiinsaanii yoo filataman dhufuudha. Badii guddaan kan Federeshinichaatti. Waan guddaan biyyaaf yaaduudha. Biyyaaf yoo yaadame dursanii qophaa’uun ni danda’ama. Dursanii filachuun ni danda’ama. Ispoortichaa dhabaa jirra.’’
Keessattuu ‘‘kan naaf galuu hin dandeenye” qopheessitoonni dorgommichaa hanga baasii hotelichaa kan kanfalan ta’etti ‘‘maaliif dursinee tikkeettii bitachuun dhufnee leenjii’uu hin dandeenyeedha’’ jedhu.
‘‘Hoteelli nu qophaa’eera. Nyaanni jira. Tikkeettii xiyyaaraa nuuf bitanii yoo xinnaate torban tokko dura osoo dhufnee qophaa’uu dandeenya ture. Kan dhufne barfanneeti. Biyyattii hin beeknu,’’ jechuun qophiin dursaa dhabamunsaa qabxii gariichaarratti dhiibbaa akka taasise kaasu.

Rakkoo hidhannoo
Dhiheenya kana dorgommii bishkileetii kan dhaabe dorgomaa beekamaan Tsigaabuu Girmaay dabalate, yeroo sadii dorgommii Tuur Da Ruwaandaa kan injifate lammiin Ingiliiz Kiriis Firuum fi lammiin Eritraa Marihaawii Qiduus dorgomicha irratti hirmaatanii ture.
Gareen biyyaaleessaa Ertiraa kilabiidhaan tokkooffaa ta’ee yoo xumuru, Akliiluu Arafa’ayinee dorgomaa bishkileetii dargaggeessa cimaa jedhamuun filatameera.
Tsigaabuu Girmaay fi dorgomaa Diree Dawaa gara biraa Kiiyyaa Roogooraa Waldaa Bishkileetii Addunyaa bakka bu’uun hirmaatan.
Tsigaabuu dabalatee, leenjiisaa Yooseef fi dorgomtoonni Itoophiyaa federeshinichi bishkileetiifi hidhannoo mataasaan hin qabu, kun ammoo miidhaadha jedhu.
Leenjiisaa Yooseef akka jedhanitti, gareen biyyaaleessaa osoo dhaabbilee deeggaran qabaatee rakkoo bishkileetiifi hidhannoo furuun ni danda’ama ture.
‘‘Yeroo hunda yoo dorgommii bishkileetiif deemnu sababiin nuuf dhiyaatu bajanni hin jiru kan jedhudha. Gaaffii kanaaf deebiin dhibunsaa bitaa natti gala’’ jedhu.
“Shaampiyoonaawwan biyyootaa uffata isaanitiin beekamu. Fakkeenyaaf, shaampiyoonaan Ertiraa uffata isaaniitiin adda baasuu dandeessa. Kan keenya Bizaay Tasfuu malayaa hin qabu ture’’ kan jedhan leenjiisaa Yooseef, hirmaachusaaniitu kan baran guyyoota muraasaan dura ta’uu himu.
BBCn bakka dorgommichaatti akka taajjabetti, gareewwan biyyaaleessaafi kilaboonni baayyeen bishkileetoota dorgommii gosa tokkoo fi lamaaf ta’an qabatanii Ruwaandaa seenan.
‘‘Nuti bishkileetii dulloomaa sharaa jedhamutti fayyadamna. Osoo bishkileetii diiski jedhamu ta’ee, wayita irraan gadee bu’amu hin ulfaatu ture. Gargaarsa Waaqaatiin miidhaan tokkoo osoo ijoollee keenyarra hin qaqqabiin xumuran malee, bishkileetii sharaan balaadha. Diiskii eessaa fiduree’’ jedhe leenjiisaan kun.
Gareen biyyaaleessaa ispoonsara dhabuun baayyee yaaddeessaadha. Dhaabbileen gargaarsa taasisan jiru garuu irratti hin hojjatamne malee jedhu.
‘‘Ispoonsarri nu barbaachisa. Eenyuun gadi? Biyya guddaadha. Itti fufiinsaan qaana’uu hin qabnu. Amma kan dhufne bara darbe waamamne waan hafneefi yoo deebiine hafne lammaffaa waan nuu hin affeerreefiidha. Kanaaf malee, hirmaachuu hin barbaadnu turre.’’
Kana malees, BBC wanti taajjabe kan biraa dorgomtoonni garee biyyaaleessaa Itoophiyaa akka dorgomtoota warra biraa nyaanni humna kennu gahaan akka hin dhiyaanneefidha.
Dorgommii bishkileetiin bakki ‘Fiidiing Zoon’ jedhamuufi dorgomtoonni wayita dorgommiirra jiranitti nyaataa fi dhugaatii humna kennu kan itti fudhataniidha.
‘‘Nuti kan qabannee chakoleetiifi muuzii ture. Garuu dorgomtootaaf Jeel, Baar… fi wantoota barbaachisan kan biraa jira. Osoo dorgommiirra jirruu gareewwan kaan nu gargaaraniiru. UCI fi UAEn nyaata humna kennan nuuf kennaa turan,’’ jedhan.

Federeshinichi maal jedha?
Tsigaabuu Girmaay ispoortiin bishkiliitii kan maallaqa gaafatu ta’uu kaasuun, garuu ammoo federeshiniin bishkileetii Itoophiyaa ‘‘humna hin qabu’’ jedha.
‘‘Bishkileetiin akka fiigichaa miti. Maallaqa gaafata. Meeshaalee akka kophee, bishkiliitii fa’i bitachuuf dolaarri ni barbaachisa. Federeshinichi kana hin danda’u. Rakkoon kun yeroo kiyyas ture, ammas jira.’’
Tsigaabuun akka jedhutti, rakkoon federeshinichaa guddaan, ‘‘namni muudamu osoo hin turre gadhiisee deemuudha.’’
Namni tokko gara federeshinichaatti makamuun waggaa sadii, afur hojjatee gadhiisee deema. Erga zeeroo irraa ka’uun waa’ee ispoortichaa barateen booda gara biraa deema. Achiin haaraatu dhufa. Boodas haaluma walfakkaataatu ta’aa jira’’ jedha Tsigaabuun.
Haalli kun yoo fooyya’uu baatee akksumaan itti fufe ,dorgomtoota bishkileetii booddeetti deebiisuun ispoortii bishkileetii biyyattii akka hin miine yaaddoo qabu kaasa.
‘‘Dargaggoonni bishkiiliitiin dorgoman kun akka isaan hin dhaabneen gorsaan. Yoo rakkinicharratti xiyyeeffatame booddeetti deebiisa. Rakkoon bara koo ture ammas jira. Garuu ijoollee bahaa jiru. Federeshinichi gaarii waan ta’ef ykn haalli qabatamaan lafa jiru mijataa ta’e miti. Yaalii mataasaanitiin. Dorgaggoonni amma dhufanis kanuma gochu qabu.’’
Itti gaafatamaan waajira Federeshinii Obbo Fitsuum Walda’aab hir’ina bajataafi ispoonsariitiin waliigalan illeen, dhimmi Ruwaandaa irra tureef federeshinichi itti gaafatamaa miti jedhu.
Dorgommiin Ruwaandaaa tikkeetiin alatti baasiin guutuun kan kanfalame qopheessitootaan ta’uu dubbatu.
Obbo Fitsum Feereshiniin Bishkileetii Itoophiyaa bishkileetii tokkolleen akka hin qabne amanuun, dorgomtoonni yeroo dorgommiif deemanitti kan mataasaanii ykn kan kilabii qabatanii akka deeman dubbatan.
‘‘Gatii bishkileetii duraanuu kuma 200 ol ture. Amma ammoo dabaleera,’’ jechuun, dorgomtoonni bishkileetii mataasaanii qabatanii deemuunsaanii ‘‘kan addunyaa kamiittuu ta’aa jiruudha’’ jedhan.
Haata’u malee, Federeshinichi mootummaa waliin ta’uudhaan bishkileetoonni gibira irraa bilisaan gara biyyaa akka seenaniifi kilabootaaf akka dhiyaatan gochuuf ‘‘hojjataa jirra’’ jedhan.
Itti dabalunis, isponsarii argachuuf yaalii taasisaa jiraachuu, garuu ‘‘sababii haala amma Itoophiyaa keessa jiruutiin dorgommii bishkileetii taasisuu hin dadneenye’’ jechuun rakkoo federeshinichi qabu kan dubbatan.
Leenjiisaa Yooseef bara itti aanutti gareen Biyyaaleessa Itoophiyaa Tuur Da Ruwaandaa irratti yoo hirmaatu wanti hedduun jijjiramee arguu fedhu.
‘‘Carraan osoo nuuf kennamee qabxii ni fidna ture. Osoo hojjennee bu’aa qabeessa ni taana. Yeroo tokkollee baatii sadii ykn afuriif leenjii raawwannee hirmaannee hin beeknu. Leenjiisaa garee biyyaaleessaa yeroon itti ta’ee kaasee, jijjiramni oomtuu hin jiru.
“Kanaan booda wagga tokko qabna. Salphaa miti. Hojjechuu qabna,’’ jechuun dorgommii bara dhufaatiif qophii barbaachisaa gochuun barbaachisaa ta’uufi yoo qophaa’an ammoo qabxii akka fiduu danda’an abdatu.












