Kufaatii Saakaaf peenaalitiin kennamuu qaba turee, Baayern Muunikiifoo?

Madda suuraa, Getty Images
Morkiin Shaampiyoonsi liigii dirree Emireetsitti Arsenaaliifi Baayeern Miiyuuniik gidduutti gaggeeffamee fi morkii jabaa ture lama qixxee goolabame.
Warri Arsenaal, dursanii goolii galchuun tapha kana injifachuuf abdii horanis, Baayeern duubaa ka'ee 2-1 dursaa ture. Booda Leyaandiroo Tiroosaard jijjiiramee galuun Arsenaaliin qixxeesse.
Dubbii ijoo tapha kanaa kan ta'e garuu taphichi xumuramuuf sekeendiiwwan muraasa dursee Bukaayoo Saakaa iddoo rukuttaa Peenaalitii kennisiisu keessatti goolii eegaa Baayern Imaanu'eel Nuyeeritti bu'ee kufuudha.
Dirree guutuun Saakaarratti dogoggorri hojjetameera jechuun peenaalitiin akka kennamu iyyan. Daanyaan taphichaa Gileen Naayibeerg garuu komii dhiyaate kufaa godhee daqiiqa tokkollee osoo hin guutiin taphicha xumure.
Tirosaard tapha booda yaada TNT Sport irratti kenneen ''irra deebi'ee hin ilaalle, dirree keessa dhaabadhee yoon ilaalu garuu anaaf peenaalitiidha, itti bu'ameera'' jedhe.
Tapha kana irratti Baayern rukuttaa peenaalitii dogoggora Looreey Saaneerratti hojjetameef argatee Haarii Keen gooliitti jijjiireera. Leenjisaa Toomaas Tuheel garuu rukuttaan peenaalitii kan biraallee kennamuufi kan qabu akka ture komate.
Sababni ammoo wanta baratamaa hin taane tokkodha. Kubbaa ala baate goolii eegaansaa miilaan dhiitee kenneef taphichi erga eegale booda Gaabri'eel harkaan fuudhee lafa kaa'e deebisee dhiituun eegaluuf yaaluusaati.
''Daanyaan rukuttaa peenaalitii nuuf malu nuu kennuuf hamiilee hin arganne'' jedhe Tuuhel.
''Wanti baayyee nu aarsee sababa dirree keessatti kennameedha. Taphattoota keenyaatti 'dogoggora ijoolleeti' jedhe dorgommii nuusa xumuraa irratti wanta akkasiif peenaalitii hin kennu jechuun hime.''
Eenyutu caala miidhame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiinxaltootni TNT Sport Riyoo Ferdinaandiifi Martiin Keewon Saakaan peenaalitii dhorkamuu amanuu hin dandeenye.
''Akkamitti kennamuu dhabe? Amanuu hin danda'u, Osoo VAR jiruu akkamitti peenaalitiin kennamuu dhaba'' jedhe ittisni duraanii Maanchistar Yunaayitiid Riyoo Ferdinaand.
''Istaadiyoomii keessan jira amanuu dadhabeen harka koo mataa koorra kaaheen oliifi gadi deemaan ture'' jedhe.
Ittisni duraanii Arsenaal Martiin Keewon ammoo ''daanyonni jajjaboon Awurooppaa 10 galgala kana osoo as jiraatanii isaan keessaa sagal peenaalitii ni kennu. kan penaalitii hin kennine daanyaa kana qofa ta'a. Baayyen rifadhe'' jedhe.
''Adeemsi Nuyeer gara kubbaatti itti qajeele peenaalitii ni kennisiisa'' jedhe.
Namootni gariin ammoo rukuttaa peenaalitii dhorkuun sirrii turee jedhu. Kana warra jedhu keessaa tokko taphataa sarara gidduu duraanii Arsenaal Maatiiw Apsooni.
''Peenaalitii kennuu dhabuun sirriidha jedheen yaada,'' jedhe.
''Jalqaba yeroo ilaaltu ni fakkaata, garuu irra deebiin viidiyo yeroo ilaaltu Bukaayo Saakaatuu ta'e jedhee itti bu'e'' jedhe.
Daanyaan dhiibbaa guddaa keessatti murtee gaarii murteesse jechuunis jaje.
Taphataan sarara gidduu duraanii Maanchister Siitii Maayikil Biraawon gama isaan ''wantichi peenaalitii hin kennisiisu jechuu qabna'' jedhe.
Saakaan haalli Nuyeer bira darbuuf yaale haala idilee miti. Murtee kana barbaadee miila harkiseera jedhe.
Leenjisaa Mikeel Arteettaa muggutii kana keessa galuuf badaa fedha hin horanne. battala taphicihi raawwatetti garuu fuulasaarra gammachuun hin turre.
''Quqlulleeffannerra jedhanii peenaalitii miti jedhaniiru'' jedhe.
Akkuma dhimmi Sakaa falmisiisaa ta'e Baayernis peenalitii dhorkamneerra jedhun komateera.
Riyoo Ferdinaand aarii Tuuheliin waliigala. Inumaa ''Arsenaaliin caalatti Baayern peenaalitii argachuu male'' jedhe.












