Heeytii: Biyya wanbadoonni kumoota hidhaarraa miliqsan, MM biyyatti galchuu dhorkan

Madda suuraa, Getty Images
Heeytiin biyya Karibiyaanii Ameerikaa Kabaa fi Ameerikaa Kibbaa gidduutti argamtu dha.
Tibbana wanbadootni hidhatan mana hidhaa guddaa cabsanii hidhamtoota 3,700 erga miliqsanii biyyattiin jeeqama keessa jirti.
Inumaa Ministirri Muummee biyyattii aangoo akka gadhiisu ta'uu baannaan ''waraanni waliin'' akka ka'u dhaadatu.
Biyyattiin sochii wanbadoota hidhataniif haaraa miti. Uggurri qondaaltotaa, ajjeechaa fi saamichi irra deddeebiin mudata.
Jimaata darbe wanbadootni kun mana hidhaa magaalaa guddoo biyyattii Poort Oo Priinsiifi dhiyeenya sanitti argamu mancaasanii hidhamtoota yoo hiiksisan, namootni 12 ajjeefamanii ture.
Ergasii mootummaan biyyattii labsii yeroo muddamaa labseera. Wanbadootni garuu magaalittii harka 80 to'ataniiru.
Guyyoota darban kana magaalaa guddoo biyyattii keessattii buufata xiyyaaraa argamu to'achuuf yaalaa turan.
Buufata doonii guddicha biyyattiirratti haleellaa raawwachuun konteenara saamaaniiru.
Konkolaattotni fe'umsaa 20 ta'an meeshaale waldhaansa fi wantoota barbaachisoo baatan qabeenyummaan isaanii kan Sagantaa Nyaataa Addunyaa ta'an danqamaniiru.
Dhaabbatichi rakkoo nageenyaa kanaaf tajaajila geejibaasaa adda kutuu beeksiseera.
Ejensiin gargaarsa namoomaa UN sirni fayyaa biyyatti kufaatiirraa gahaa jiraa jechuun akeekkachiiseera.
Mootummaan biyyattii labsii yeroo muddamaa Dilbata darbe guyyoota sadiif labse ji'a tokkoof dheeresseera.
Mootummaan Ameerikaa kaaraa Minisitira Haajaa Alaa isaa Ministirri Muummee Heeyitii adeemsa ce'umsa siyaasaa akka saffisiisan, mootummaan hunda hammataa akka ta'u dhaameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wanbadootni hidhatan kun haleellaa kan banan Ministirri Muummee biyyattii Eriyaal Heneriin yaa'ii biyyoota naannichaarratti hirmaachuuf wayita biyyaa bahaniidha.
Heneriin Kibxata biyyatti debi'uuf yoo ka'an biyyi raafamaa jirti. Lafa US Poortoo Riikoo keessaa qabdutti dahachuuf dirqaman.
Magaalaa guddoo Heeyitii, Poort Oo Piriis, kan qubachuu hin dandeenye buufatni xiyyaaraa biyyattii harka wanbadootaa akka hin gallee lola gadhameen cufamee waan tureefi.
Hogganoonni Siviil Aviyeeshinii biyya ollaa Heeytii ammoo xiyyaarrii Ministira Muummichaa baate akka garasaanii hin balaliine dhorkaniiru. Sababni ammoo sagantaa balalii kanarratti odeeffannoon gahaan hin kennamne kan jedhuudha.
Heneriin torban darbe gara Keeniyaa hafuun pireezidantii biyyattii Wiiliyaam Ruutoo waliin erga maraiyatanii booda ibsa hin laanne.
Keeniyaan Heeytii keessatti tasgabbiin akka bu'u loltoota 2,000 bobbaasuuf karoora qabaattus mormitootni manni murtii biyyattii seera qabeessa akka hin goone gaafachaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Biyya keessa jiraachuu dhabuu Muummicha Ministiraa akka carraatti kan fayyadaman wanbadoonni kun haleellaawwan qindaa'oo gaggeessaa jiru.
Buufata xiyyaaraa to'achuun Heneriin biyyattii akka hin deebine dhorkuuf yaalaniiru. Manneen hidhaa lama cabsuun hidhattoota kumaan lakkaa'man miliqsaniiru.
Akkaadamii Poolisii tokko ibiddaan yoo mancaafamu, hanga ammaatti poolisoonni jaha ajjeefamaniiru.
Adeemsa mana hidhaatii miliquuf godhame keessatti reeffi hidhamtoota osoo miliqanii ajjeefmanii ammallee daandiiwwan gubbaa jira.
Hokkorri amma biyyattii mudate rakko namooma duranuu biyyattii raasaa jiru hammeesseera. Amma ammoo deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf wanbadoota hidhatan waliin marii gaggeesuun dirqama ta'eera.
Akka dhaabbileen gargaarsaa jedhanitti jeequmsa torban darbe eegaleen walqabatee namootni 15,000 ta'an qe'eessaanii dhiisanii baqataniiru.
Kaayyoon wanbadoota hidhatan kanaa maal akka ta'e ifatti hin beekamu. Wanti ifatti gaafatan takkittiin Ministirri Muummee biyyaattii Heneriin aangoo haa gadhiisan kan jedhudha.
Poolisii biyyattii duraanii kan ta'e amma garee wanbadootaa G9 kan hoogganu muummichi aangoo hin gadhiisan yoo ta'e ''waraana waliiniitu dhalata'' jedhe. ''Dhumni isaa duguuggaa sanyii ta'a'' jedhe.
Bara 2023 keessa hokora ademaa ture keessa namootni 2,300 ta'an nannawaa magaalaa guddoo biyyattii ajjeefamuu dhaabbatni Medecins Sans Frontieres jedhamu ibseera.












