Miseensonni poolisii Keeniyaa Heeyitii bobbaafaman dhugaa wanbadoota injifatuu laata?

Madda suuraa, EPA
Biyyi Heeyitii kan Keeniyaarraa kilomeetira kuma heddu fagaattuu fi wanbadootaan dararamaa jirtu keessatti nagaa buusuu gargaaruuf Keeniyaan miseensoota poolisii ishee 1000 erguuf.
Ministirri Muumme biyyattii olaantummaa seeraa kabachiisuun humna waraana biyyattiin ol akka ta'e ibsuun biyyoonni akka gargaraniif waamicha dhiyeessan. Ergaan kana hordofeeti Keeniyaan humna nageenyaa erguuf kan jirtu jirti.
Heeyitiin waggoota hedduuf hokkora wanbadoonni kaasaniin jeeqamaa turte. Bara 2021 erga pirezidaantin biyyattii Joveneel Moyisee ajjeefamanii as garuu baay'ee seera maleessummaan baayyee hammaate.
Wanbadoonni kun magaala guddoo biyyattii walakkaa ol harkatti galfachuun namoota nagaa saamafi ajjeessaa jiru.
Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez wanbadoota kana adabachiisuun nagaa deebiisuuf humna guddaatu barbaachisa jedhan.
Keeniyaan maali gochuuf waliigalte?
Keniyaan poolisota hattootaafi wanbadoota humna mootummaa Heeyitii ol ta'an kana adaba qabsiisu jette 1000 erguuf akka jettu beeksifteetti.
Humni nageenyaa Keeniyaan erguuf jirtu kun wanbadoota mootumma Heeyitii rakkisan kana dhabamsiisuufi hidhannoo hiikkachiisuuf jedhame.
Ministiirri Dhimma Alaa Keeniyaa Alfireed Mutiwaa BBC'tti akka himanitti, Keeniyaan humna nageenyaa ergu qofa osoo hin taane bu'uraalee manca'an ijaaruurratti Heeyitii akka gargaartus himan.
Hanga ammaa humna nageenyaa erguuf akka ta'e ifa kan Keeniyaa ta'us biyyoonni akka Ispeen, Seneegal, Chiili, Jamaayikaa fa'aas humnoota nageenyaa erguuf akka jiran himantu himame.
Keeniyaan humnoota nageenyaa kana erguun dura Manni Maree Nageenyaa UN dhimmicha raggaasisuu akka qabuufi kuni ammoo torbanoota muraasa keessatti akka ta'u himan Ministiirri Dhimma Alaa Keeniyaa.

Madda suuraa, AFP
Heeyitiin Keeniyarraa fageenya kilomeetira kuma kudhaniin lakkaa'umarratti kan argamtu ta'uufi humnoonni nageenyaa Keeniyaa ergamuuf jiran haala qabatamaa Heeyitii bal'inaan kan hin beekne ta'uunsaanii oppireeshinii Keeniyaan gaggeessuf jettu balaarra buusuu danda'a kan jedu sodaanis jira.
Magaala guddoo Heeyitii kan taate Port-au-Prince 80% kan ta'u kallattiin wanbadoota harka jira. Lammiilee biyyaattii shororkeessuu saamufi ajjeesuu irratti bobba'anii jiru.
Wanbadoonnii fi saamtonni kun garee garaa garaa kan qabaniifi meeshaalee heddu kan US irraa karaa seeran alaa bitaman sirriitti hidhatanii jiru.
Daandiwwan gurguddoo magaala guddittii biyyattii seensisan to'ataniis jiru.
Keeniyaan maaliif Heeyitii gargaarti?
"Heeyitiin waan deeggarsa gaafatteef obboloota keenya gargaarufi fedha Waaqayyoo raawwachuuf murteessine," jedhan Ministiirri Dhimma Alaa Keeniyaa Alfireed Mutiwaa.
Gama biraan ammoo Keeniyaan Heeyitiif humna nageenyaa erguusheetiin addunyaarratti maqaa gaarii akka horattuuf akka ishee gargaaru kaasan qondaalli kun.
US biyya humna nageenyaa Heeyitiitti erguuf maallaqa dolaara miliyeena 100 akka qopheessite beeksiftee turte. Kanaadanis akkasuma maallaqa akka rammaduu beeksifteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Gahuumsi poolisii Keeniyaa hagami?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisonni Keeniya yeroo heddu sarbama mirga namoomaa raawwachuun himatamu. Humni poolisii lammiilee Keeniyaarratti sarbama mirgaa raawwatu akkamitti ardii qaxxamuree biyya biraa akka gargaarurratti gaaffii kaasee jira.
Amnestii Intarnaashinaal ji'a Hagayyaa keessa xalayaa banaa Mana Maree Nageenyaa UNf ergerratti humnoonni nageenyaa Keeniyaa humna gitaan olii fayyadamuun sarbama mirgaa akka raawwatan eeree ture.
Ajjeechaa, reebicha hamaafi gaazii imimaanessuun namoota hiriira mormii Keeniyaatti bahanii turan irratti raawwatanii akka turanis dhaabbanni kun xalayaa kana keessatti eeree ture.
Mootummaan Ministiirri Muummee Heeyitii Ariyaal Heenrii seer-maleessumaa biyyattii keessa jiru dhabamsiisuf poolisoota Keeniyaa qofa osoo hin taane humnoota gamtooman kan biyyoota garaa garaa akka barbaachisu ibse.
UN dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa heddus wanbadoota Heeyitii dhabamsiisuf humni cimaan biyyoota garaa garaarraa walitti babahe akka barbaachisu dhaaman.












