Yukireeniifi Keeniyaan 'wiirtuu midhaanii' Baha Afrikaa Mombaasaatti hundeessuuf

Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduu eegaluun gatiin midhaanii sadarkaa addunyaatti akka dabalu taasiseera

Madda suuraa, KENYA PRESIDENCY

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduu eegaluun gatiin midhaanii sadarkaa addunyaatti akka dabalu taasiseera

Rakkoo hanqina nyaataa to'achuuf jecha Yuukireen 'wiirtuulee miidhanii' Keeniyaa fi kutaalee Afrikaa biroo keessatti akka hundeessitu beeksiste.

Pirezidant Volodmiir Zeleeniskii hoggantoota Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa waliin Niw Yoorkitti erga wal arganii booda waajjirri isaanii karoora kana beeksisuus, odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Yukireen biyyoota Afrikaatti midhaan gabaaf ergan keessaa jalqabarra argamti.

Baatii Adoolessa keessa Raashiyaan waliigaltee akka nyaati Yukireen keessaa ba’uuf eeyyamu diiguunshee Ardii Afrikaa keessatti sodaa hanqina uuma jedhu uumeera.

Erga Raashiyaan Guraandhala bara darbee keessa Yuukireeniin weerartee as addunyaa guutuutti gatiin midhaanii dabaleera.

Kibxata Marii Walii galaa UN irratti Pirezidant Zeleeneskii haasaa taasisaniin, Raashiyaan nyaataa fi annisaa dabalatee waan hunda waraanaaf fayyadamaa jirti jechuun himataniiru.

Yeroo Niw Yoork jiranitti Pirezdaant Zeleneskii, Pirezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruto fi Pirezdaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa waliin wal arganiiru.

Wiliyaam Rutoo waa’ee marii isaanii irratti ibsa kennaniin, rakkoo hanqina nyaataa Bahaa Afrikaa keessa jiru furuuf akka gargaaru magaalaa Keeniyaa buufata doonii taate, Mombaasaatti, Yukireen ''wiirtuu miidhanii'' hundeessuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Ta’us akkamiin miidhaan kun akka Baha Afrikaa gahu ykn karoorri kun maal akka of keessatti akka qabatu odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Weerara Raashiyaa booda biyyootii Afrikaa Yukireeniin deeggaran keessaa isheen ijoo Keeniyaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Afrikaan Kibbaa gama kaaniin ejjennoo gar tokkotti hin caalsifne qabatteetti.

Baatii Waxabajjii keessa, Pirezidant Raamaaposaa jila hoggantoota Afrikaa araarri akka bu’u gaafatuufi gara Yukireeniifi Raashiyaa imale hooggananii turan.

Pirezidant Raamaaposaan Pirezidantiin Yukireen waliin dhimma nagaafi akkaataa midhaan Yukireen karaa Galaana Gurraacha gabaatti dhihaatuu danda’uurratti mari’atuu himan.

Zeleniskiin gama isaaniin midhaan gara Afrikaa erguuf ulaa biroo adda baasuuf yaalaa akka jiran Pirezidantii Afrikaa Kibbaaf himuun isaanii gabaafameera.

‘’Haala rakkisaas ta’u dooniiwwan midhaan fe’an ulaa kanaan darbaniiru,’’ jedhan Zeleniskiin.

Raashiyaan waliigaltee Yukireen waliin qabdu keessaa bahuun biyyattiin midhaaniifi al ergii kaan gama ulaa Galaana Gurraacha Afrikaatti erguu akka hin dandeenye taasisa.

Midhaan Yukireen ergitu biyyoota hiyyeeyyii gahaa hin jiru jechuun Pirezidantiin Raashiyaa waliigaltiichi Adoolessa keessa eega xumuramee booda itti fufsiisuu hin feene.

Yoo biyyoonni Lixaa qoqqobbii diinagdee Raashiyaarra kaa’an kaasan malee waliigaltee kanatti akka hin deebine Putiin ibsan.

Raashiyaan baatii Adoolessa keessa biyyoota Afrikaa jaha; Burkina Faasoo, Zimbaabwee, Maalii, Somaaliyaa, Giddugala Afrikaafi Ertiraaf tolaan dhiheessiteetti.