Raashiyaan 'biyya hamtuu hin amanamne' jedhan Zeleniskiin

Volodmir Zeleniskii

Pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskii Kora Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) irratti haasaa taasisaniin, Raashiyaan biyya "hamtuu hin amanamneedha" jechuun addunyaan tokkummaa fuldura akka dhaabbatu gaafatan.

Kora UN magaala guddoo Niiw Yorkitti gaggeeffamerratti dhiibbaa Raashiyaan taasistu akka dhaabsisaniif biyyoota addunyaatiif waamicha dhiyeessan.

Raashiyaan nyaatafi anniisaa dabalatee waan hundumaa meeshaa waraanaa gootee dhimma itti bahaa jiraachuus komatan.

Zeleniskiin haasaa isaanii kanarratti irra caalaa Raashiyaan yaaddoo addunyaa akkaataa itti taateerratti xiyyeeffatan.

"Raashiyaan addunyaa waraana isa dhumaatti yeroo oofaa jirtutti, biyyi kamuu humnan qaba jedhee abbaa barbaade weeraruu akka hin dandeenye gochuuf Yukireen waan dandeesse hunda gochaa jirti," jedhan.

Raashiyaan ijoollee Yukireen hattee fudhachuun "duguuggaa sanyii raawwatteetti," jechuunis dubbatan.

Ji'a Bitootessaa keessa Manni Murtii Yakkaa Idila Addunyaa (ICC) ijoollee Yukireen gara Raashiyaatti seeraan akka geeffaman gochuusaanif Puutin irratti ajaja hidhaa baasee ture.

Mooskoon himannaa Yukireen kana irra deddeebiin haalaa turte.

Waraanni kun dhumarratti addunyaa mara miidhuu akka danda'us Kora Waliigalaa UN kanarratti dubbatan.

Kaayyon Raashiyaa "Yukiree akka meeshatti isiniifi sirna addunyaarratti fayyadamuudha," jedhan Zeleniskiin.

Haasaa taasisan kanaan tarsiimoo nagaa akka qopheessaniifi karoorri nagaa kun Yukireen qofaaf osoo hin taane addunyaa biroof illee akka ta'u himan.

Volodmir Zeleniskii galma UN keessatti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaan weerara Yukireen irratti banuurraa kan ka'e biyyoonni Lixaa Yukireen irra goranii Raashiyaa addunyaarraa adda baasuf yaaliifi qoqqobbii garaa garaa godhanis biyyoonni heddu hanga ammaa Raashiyaa wajjin hidhatasaanii cimsatanii jiru.

Pirezidaantin Yukireen garuu haasaa Joo Baayidan Kora UN kanarratti taasisan akka fakkeenyatti fudhachuu galateeffataniiru.

Baayidan haasaa isaanii keessatti Raashiyaan ammayyuu haleellaa gaggeessitu hin dhaabdu taanan balaan dhufu salphaa akka hin taane dubbatanii turan.

"Raashiyaan kan yaadde biyyoonni addunyaa nuffanii sana booda Yukireen akka barbaaddetti cafaquu barbaadde," jechuun Yukireen akka mataa ol-qabattu gochuun walabummaan biyya kamiituu akka eegamu gochuu akka ta'e dubbatan Baayidan.

Iraan gamasheen waraana Yukireen kan hammeessu Ameerikaa akka ta'e ibsite.

Pirezidaantin Iraan Ibraahim Raa'isii Kora Walii Galaa UN kanarratti, "US biyyoota Awurooppaa dadhabsiisuf jecha waraana Yukireen akka hammaatu gochaa jirti. Akka carraa ta'ee kuni karoora waggaa dheeraaf [US] qopheesssiteedha," jedhan pirezidaantin Iraan.