Bataskaanonni Ortodoksii Yukireen hambaa seenaa ta'an sababa waraanan balaarra jiru- UNESCO

Kaatediraala Seent Soofiya

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaanni Seent Soofiyaa bakka seena qabeessafi hawwata turistii jaarraa 11ffaa keessa ijaarameedha

Bataskaanonni Ortodoksii Yukireen magaala Kiivifi Laviiv keessa jiran sababa waraanan balaa keessa jiru jedhe UNtti dhaabbanni kunuunsa hambaalerratti hojjatu UNESCOn.

Hambaalen seenaa kun Bataskaana Seent Soofiyaa magaala guddoo Yukireen Kiiv keessatti argamuufi 'gadaamii' Lavraa achuma Kiivitti argamuufi bara giddu galeessaa keessa ijaarameedha jedhame.

Akkasumas ijaarsi walakkeessa magaala Laviivitti argamuus hambaa seenaa biyyattii yaaddoo manca'uu jala jiruudha jechuun galmeesse UNESCOn.

Ulaagaleen hambaalee kana badiirraa eeguf kaa'ames hin eegamne jedhe.

Halleellaa magalota kanarratti [Raashiyaan] gaggeessituuf kallattiin saaxilamoo akka ta'aniidha jechuun "yeroo haleellan gaggeeffame dambalii kirkiraa mudatuuf kan saaxilameedha," jedhe UNESCOn.

Dabaluunis bataskaanonni kun hambaalee seenaa yaaddoo mancaatii jala jiran jedhamanii galmaa'un isaanii miseensonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hambaalee seenaa ittisuuf itti gaafatamummaa qaban yaadachiisufi deeggarsa fayinaansifi ogummaa akka taasisaniif balbala banuuf akka ta'e hime dhaabbatichi.

Raashiyaan 'yeroon haleellaa gaggeessu hambaalee seenaa Yukireenif eeggannoo nan taasisa' jechuun UNdhaf mirkaneessitus, Yukireen garuu 'Raashiyaan hambaalee seenaa koo mancaasaa jirti' jechuun himataa turte.

UNESCOn ijaarsawwaniifi bataskaanota Ortodoksii kana hambaalee seenaa yaaddoo mancaatii jala jiran jedhee galmeessunsaa isa jalqabaa miti.

Magaala buufata doonii kan taate magaala Odeessaas UNESCOn galmeessee ture. Sababni ammoo yeroo garaa garaatti haleellaa Raashiyaan magaalattii irratti raawwattuuf hambaalen seenaa Yukireen magaalattii keessa jiran akka hin mancaanefi.

Halleellan Raashiyaan yeroo garaa garaatti magaalota Yukireen irratti gaggeessituun yeroo tokko tokko dhaabbata UN hambaalee seenaa tiksu UNESCO irra komiin irratti dhiyaata.

Ji'a Adoolessaa keessa Raahsiyaan gamoo seena qabeessa Lixa Yukireen magaala Laviivitti dhiyootti argaamu mancaasuusheen dhaabbatichi Raashiyaa komatee ture.

Ijaarsawwan seena qabeeyyii Laviiv

Madda suuraa, Getty Images

Magaalattiin bara giddu galeessaa keessa kan hundoofte yoo taatu, jarraa 13ffa kaastee ijarsawwan, gamoowwan manneen amantiifi aadaa akkasumas wiirtuwwan daldalaa hanga ammaatti kunuunsun tursiisuu kan dandeessedha.

Magaalattiin bara 1998tti Galmee Hambaalee Addunyarratti galmoofte.

Haa ta'u garu bataskaanni Ortodoksii magaala Kiiviti argamu Bataskaana Seent Soofiyaa jaarraa 11ffaa keessa kan ijaarame yoo ta'u, Turkiitti kan argamu Hagaayi Soofiyaa dorgomuuf kan ijaarameedha jedhama.

Bataskaanni Ortodoksii kun ijaarsawwan jaarraa 11ffaa hafan keessaa tokkoodha.

'Gadaamin' Kiiv akkuma Bataskaana Soofiyaa hambaalee seenaa waggoota dhibba heddu lakkoofsise yoo ta'u jaarraa 11ffaa keessa ijaarame.

Ijaarsi kun bara giddu galeessaa keessa uummata Rus jedhamaniifi kan Baha Awurooppaa keessa jiraataniif wiirtuu amantiifi aadaa beekamaa ture.