Barsiistuu Morookoo barattoota ishee daree guutuu balaa kirkira lafaan dhabde

Korojoo barattootaa

Madda suuraa, ADASEEL SCHOOL

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota 3,000 ol balaa kirkira lafan dhuman keessatti barattoonni daree tokkoo gutuun ni argamu

Kirkira lafaa hamaa magniitiyuudii 6.8 torbee dura Morookoo mudateen barattoota daree tokko guutuu kan dhabde barsiistuu Nasiriin Abu Alfadiil, taatee yeroo sana ture irratti dubbatteetti.

Barsiiftuun kun magaalaa Maaraakesh turte, manni barumsaa ishee ammoo ganda gaaraan marfamte Adaseel keessa ture, bakka kirkirri lafaa itti mudateedha.

Afaan Arabaa fi Firaansi kan barsiiftu Nasiriin Abu Alfadiil wayita balaan kun mudatu barattootashee ilaaluuf gara Adaseel imalte.

Barattoota umriinsaanii waggaa ja'aa hanga 12 dareetti barsiisaa turte 32 reeffasaanii argite.

Barattootashee hunda maqaadhaan gaafachuu eegalte, hunduu du'uu itti himan.

''Barattoota kiyya tartiiba maqaasaaniitiin maqaa waamuun hawwe. Amma hundisaanii du'aniiru, eessaa fideen waama?'' jechuun BBCtti himte.

Barattoota mana barumsaa Adaseel

Madda suuraa, ADASEEL SCHOOL

Barattoonni kunneen balaa kirkirkira lafaa Morookoo keessatti isa hammaataadha jedhamee fi lubbuu namoota 3,000 caalanii galaafateen, daree guutuun akkuma jiranitti dhuman.

Iddoon akkaan miidhame kun kibba Maraakesh kan gaarreeniin marfaman keessatti argama.

Barsiistuun kun reeffa barattootashee, obboloota afur- Kadiijaa, Mohammad, Miinaa fi Hanaan walbira ciisanii wayita argitu guddoo rifachuu dubbatte.

''Kadiijaan barattuun baayyee jaal'adhu. Barattuu qaxalee fi hedduu jaal'atamtu turte. Mana kiyya dhufaa turte. Ishee waliin qo'achuu fi waliin haasa'uun baayyee na gammachiisa,'' jette.

Barsiistuun afaanii kun barattootasheen akkaan babbareedoo fi ijoollee amala gaarii qaban akkasumas kabaja guddaa namaaf qabaniidha jechuun ibsiti.

Maatiin barattoota kunneenii harka qalleeyyiidha, sanarratti qaala'iinsi jireenyaa akkaan dabalee biyyattii raasee ture isaanis guddoo miidhe.

Isaan garuu barnoonni addunyaaf murteessaa ta'uu hubatanii waan hunda dura ijoolleesaanii barsiisuuf xiyyeeffannaa kennan.

Barsiiftuu AlFadiil sagalee dadhabaa fi gaddaan guutameen dubbatti, rifaatuun yeroo sanaa ammallee miirasheetiin taphataa jira.

''Waan barattoota kiyyarra ga'e amanee fudhachuu hin dandeenye. Hirriiba rafuu hin dandeenye. Rifannaa hamaa keessan jira,'' jetti.

''Namoonni lubbuun hafuu kootti carra qabeettiidha naan jedhu. Ani garuu akkamiin akkan jireenya kiyya itti fufullee bitaa natti galeera.''

Itti fuftee barsiisuu ni feeti, aanga'oonni mootummaa mana barumsaa Adaseel deebisanii akka ijaaran gaafatti.

Manni barumsaa kun balaa kirkira lafaan guutummaatti barbadaa'eera.

Manni barumsaa Alfadiil itti barsiiftu balaa kirkira lafaan baayyee miidhame

Walumaagalatti dhaabbileen barnootaa 530 ta’an sadarkaa adda addaatiin miidhaan irra gaheera, isaan keessaa tokko tokko guutummaatti barbadaa'uu isaanii ibsi aanga’ootaa ni mul’isa.

Mootummaan Morookoo naannolee haalaan miidhaman keessatti daree yeroof dhaabsisee jira.

"Tarii guyyaa tokko yeroo isaan mana barumsichaa deebi'anii ijaaranii fi dareewwan barnootaa deebi'an ijoollee 32 sana yaadannee seenaa isaanii himuu dandeenya," jetti Aadde ElFadel.