Liibiyaatti manni jireenyaa kantiibaa magaalaa Dernaa mormitootaan gubate

Liibiyaatti manni jireenyaa kantiibaa magaalaa Dernaa gubate

Liibiyaatti manni jireenyaa kantiibaa magaalaa Dernaa namoota hiriira mormii bahaniin gubate.

Liibiyaa magaalaa balaa lolaan tibbana rukutamte Dernaa keessatti namootni dhibbaan lakkaa’aman waa’ee balaa lolaa namoota kumaataman torban darbe galaafatee irratti deebii barbaanna jechuun hiriira mormii bahan.

Wiixata darbe galgala magaalichatti masjiida seena qabeessa tahe Sahaba jedhamutti walitti qabamuun sagalee mormii dhaggeessisaa turan.

Qondaalonni olaanoo mootummaa Baha Liibiyaas aangoo akka gadhiisaniif gaafachaa turan.

Miseensonni mana maree magaalaa Dernaa hundi hojiirraa gaggeeffamaniiru.

Tajaajilli bilbilaa fi interneetii akka cufametti jira.

Yeroo haleellaan miidiyaa irratti raawwataa jirus gaazexessitootni gadhiisanii akka bahan ajajamaniiru.

Hidhi lama cabuun balaa lolaa hamaa fidee erga magaalittiin bishaniin liqimfamtee namootni kuma 10 tahan ammayyuu osoo hin argamaniin jiru.

Lakkoofsi namoota du’anii himamaa jiru garaagarummaa qabaatus UN namootni 4,000 tahan du’uu isaanii mirkaneeffadheera jedhe.

Haa tahu malee gareen isaa Dernaa akka hin galle dhorkamuu UN himeera.

''Gareen lubbuu baraartotaa, gareen ogeessota fayyaa yaala ariifachiisaa kennanii fi hojjettootni UN duraanuu magaalaa Dernaa keessa turan ammayyuu itti fufuun hojjechaa jiraachuu isiniin mirkaneessa,'' jechuun Rooyitarsitti himan, qaama deeggarsa namoomaa UN kan tahe OCHA irraa, Najwaa Mekii.

Haa tahu malee, gareen biraa Beengaazii irraa Dernaa deeman akka galaniif eeyyama hin arganne jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni jireenyaa kantiibaa Dernaa, Abdulmenaam al-Gaayitii, namoota sababa balaa Kanaan miidhamuun aarii guddaa qabaniin gubate.

Jiraattotni magaalichaa qondaalonni mootummaa rooba guddaan dhufaa jiraachuu isaa dursanii uummata hin akeekkachiifne jechuun mufii isaanii himan.

Dabalataan magaalicha gadhiisaa bahaa jedhamuu irra manuma keessan turaa akka jedhaman himan.

Qondaalonni mootummaa garuu himata kana haalu. Erga Kolonel Mohaammar Gaadaafii ajjeefamanii as Liibiyaan qoqqooddaa aangoof jecha raafama guddaa keessa jirti.

Amma mootummoota lamaan bulaas jirti. Mootummaan UN irraa beekamtii qabu magaalaa Tiriippoolii keessa buufatee bulchaa jira.

Kan lammataa ammoo baha biyyattii qabatee kan jiru yoo tahu, Jeneraal Kaliifaa Haftaariin gaggeeffama.

Bulchaan baha Liibiyaa kun balaa uumamaati jedhanis jiraattotni kanatti wlaii hin galan.

Mootummaan baha Liibiyaa haala sodaachisaa hidhichi irra jiru durumaanuu osoo beekuu maaltu na dhibdeen calliseera jechuun komatu.

Jiraataan magaalaa Dernaa amma Bengaaziitti hospitaala ciisuun yaalamaa jiran hidhi naannichaa akka dhimphisu arginee bulchitoota naannichaatti akka rakkoo qabuu fi suphaa barbaadu waggaa lama dura himnee turre jedhan.

‘’Amma osoo beekanii du’a keenya ilaalaa jiru,’’ jedhan.

Kibxata hiriira mormiin booda ministeerri bulchiinsa baha Liibiyaa tokko hojii garee lubbuu baraartotaa waan danqaniif gaazexeesitootni hunduu magaalaa Dernaa keessaa bahu qabu jedhan.

Qaamni milishaa biyyicha keessatti wal waraanaa jirus deeggarsa namoomaa dhaabbileen idiladunyaa erganiin dabalata meeshaalee akka ciisichaa, uffataa fi nyaataa ergaa jiru.

Jiraattotni mormiif bahan garuu ammayyuu deeggarsa gahaan nu barbaachisa jedhu.

Ragaalee fi qabeneyi qaban lolaan waan fudhatameef gidduugalli tokko banamee paaspoortiin jalaa bades akka haaraadhaan bakka buufamuuf gaafataa jiru.