'Namoota Liibiyaatti balaa lolaan du'an keessaa %10 baqattoota' - IOM

Madda suuraa, Rooyitarsi
Namoota balaa lolaa Liibiyaan torban darbe du’an keessaa %10 kan tahan baqattoota jedhe Jaarmiyaan Dhimma Baqattoota Idil-adunyaa [IOM].
Liibiyaan biyyoota Afrikaa keessaa kan baqattoonni itti heddummatanidha.
Akka ragaa Jaarmiyaa Dhimma Baqattootaa qaama UN tahe, IOM'tti, ji’a Guraandhalaa darbe keessa baqattootni 706,000 tahan biyyattii keessa jiraatu.
Gariin isaanii waggoota dheeraaf Liibiyaa keessa hojjechaafi jiraachaa turan.
Gariin isaanii gara ardii Awurooppaatti ce’uuf akka hulaa ce’umsaatti itti fayyadamu.
IOM akka jedhetti baqattootni 400 tahan balaa mudateen du’uun isaanii galmaa’eera.
Ammayyuu reeffi namootaa argamaa waan jiruuf lakkoofsi isaa dabaluu akka danda’us eereera.
Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa fi IOM, hanga ammaatti namootni 3,900 tahan du’uu mirkaneessaniiru.
Haatahu malee qondaalonni mootummaa tooftaalee qorannoo adda addaa fayyadaman lakkoofsa namoota balichaan du’anii adda adda tahe kennaa jiru.
Fakkeenyaaf kantiibaan magaalaa Dernaa lakkoofsi namoota balaa lolaan du’anii tilmaamaan gara 20,000 tahu jedhan.
Dernaan magaalaa Liibiyaa akka malee balaa lolaan rukutamtedha.
Rooba cimaa biyyichatti roobe hordofee hidhi lama cabuun magaalaa Dernaa irra garagale.
Balaa lolaa sana dura magaalaa buufata doonii taate Dernaa keessa namootni gara kuma 100 jiraatu.
Isaan keessaa gara 10,000 kan tahan baqattoota akka tahan himame.
Ogeessi IOM, Federiikoo Soodaa akka jedhanitti baqattootni naannoo lafa gadi dhooqaa keessa jiraachaa waan turaniif lakkoofsi namoota balichaan du’anii dabaluu danda’a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kantiibaan magaalaa Dernaa lakkoofsi namoota balaa lolaan du’anii 18,000 hanga 20,000 ta’uu mala jechuun tilmaamaniiru.
Abdulmannaan Al-Gaati TV al-Arabiyaatti yoo dubbatan tilmaamni isaanii kuni qe’eewwan hidhi bishaanii duguugee balleesserratti warra jiraataa turan eeruuni.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii yaaddoon itti aanu dhibee bishaan faalameen dhufuu maludha jedhee akeekkachiise.
Gama kaaniin, hoogganaan olaanaa Dhaabbata Meteriyoloojii Addunyaa Peteeri Taalaas du’a namoota baay’ee hambisuun danda’ama ture jedhaniiru.
Akka AFP’tti himanitti, balaan osoo hindhaqqabiin dura jiraattota magaalattii keessaa baasuun ni danda’ama ture.
Hobomboleettiin galaana Meditiraaniyaanii Daani'el jedhamutu rooba cimaa fiduun Baha Liibiyaatti balaan lolaa hamaa tahe akka mudatu godhe.
Magaalaan Dernaa addatti lolichaan rukutamte. Jiraattotni APtti akka himanitti, magaalichaan ala dhohinsi guddaan dhagahameera.
UN dabalatee biyyootni akka Xaaliyaanii, Masirii fa'aa lubbuu baraartota erguun deeggarsa gochaa turan.












