Magaalaa fooliin du'aa ammallee fagoodhaa nama jeequ

Akka UN jedhetti, hanga amma namoonni 1,000 caalan jumlaan awwaalamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Akka UN jedhetti, hanga amma namoonni 1,000 caalan jumlaan awwaalamaniiru

Imalli gara magaalaa Liibiyaa Dernaatti taasifamu isa duriirraa yeroo dachaa lama namatti fudhata jechuun eegalte gaazexeessituun BBC Aanaa Foostar. Daawwannaa ishee akkanaan katabde.

Bengaaziirraa yoo imaltan goodaan gammoojjii haroo lolaan guutameera. Muki silkii lolaan buqqaase daandii gubbaa guuteera.

Konkolaattonni boolla muka kanaa keessa akka hin seenne suuta oofu.

Riqichi magaalaa Dernaa biratti argamu tokko haadhumasaa lolaan fudhatameera.

Osooma baay’ee hin fagaatiin loltoonni namoota konkolaataa keessa jiran maraaf – konkolaachisaa, imaltootaaf maaskii kennu.

Namoonni magaalattiirraa as nutti dhufan hundi fuularraa maaskii qabu. Kana gaafa ilaaltan sababa isaa bartu.

Fooliin du’aa magaalaa keessa jiru ibsuufu baay’ema nama rakkisa. Fooliin bo’oo bishaan dur keessa yaa’u baay’eema nama jeeqa.

Takka takka garaachayyuu nama dhukkubsa - keessumaa qarqara bishaanii lubbuu baraartonni bishaan ammallee reeffa walitti qabaa jiran yoo deemtan.

Ganama sana reeffa sadii argan. Baatanii dhoqqee seenan.

Muka cabe, konkolaataa lolaan garagalche, goommaa, firiijii .. waan baay’eetu bishaan keessaa mul’ata.

Suuraafi viidiyoon Dernaa keessatti waraabamaniifi kaafaman suukanessaadha, miira nama jeequ.

Garuu viidiyoo waraabaman daawwachuun miidhaa hangamii lolaan bakka kanarra akka geessise akka hubattaniif isin qopheessa.

Magaalli lafa jiidhaa goodaa lagni itti guute fakkaatti. Magaalaa keessa dhoqqeetu guute.

Humni bishaanii garuu ajaa’iba. Konkolaataan akka hordaa dhaabatee mul’ata. Kaan gamoo yaabe.

Keenyaan manaa dhagaa fi sibiilarraa hojjetame caccabeera. Mukkeen hundeerraa buqqa’anii hiddi isaanii samiitti ol galagaleera. Hunduu bakka dur ture hin jiru.

Lolaan kuni namoota kuma hedduu galaafate qofa miti – mana jireenyaa, qabeenyaafi jireenya isaanii mara haree fudhate.

Magaalaa Dernaa keessaa namummaatu duguugame.

Kanneen lubbuun hafaniif jiruufi jireenyi isaanii kan dur jiraataa turan hin ta’u. Mufiifi gadda guddaatu irraa mul’ata.

Faaris Gaasar maatii isaa shan balaa lolaan dhabe.

"Mana keessa turaa jedhanii nutti himan,’’ jechuun boo’a. "Maaliif? Bubbeen hamaan akka jiru, hidhi bishaanii akka dulloomeefi cabe nutti himu qabu turani.

"Gamoowwan jijjigan kuni waggaa dhibba tokko turaniiru. Kuni hundi siyaasadha. Mootummaan lixas, bahas jira. Kuni rakkoo guddaadha.’’

Namoonni kuma hedduu ammallee achi buuteen isaanii waan dhibeef kantiibaan magaalaa Dernaa kanneen du'an 20,000 ta'uu malu jedhan
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kuma hedduu ammallee achi buuteen isaanii waan dhibeef kantiibaan magaalaa Dernaa kanneen du'an 20,000 ta'uu malu jedhan

Kanneen duraa du’an keessaa intala isaa reefu baatii kudhanidha. Ishee natti agarsiisuuf mobaayilii kiisa keessaa baase.

Jalqaba osoo lubbuun jiranii, booda suuraa reeffa isaanii natti agarsiise. Reeffi isaanii balaa hamaa keessa darban ragaa baha.

Osooma haasa’aa jirruu, ministiroonni bakka balaan dhaqqabe daawwataa turan.

Mootummoota Liibiyaa wal morman lamaan keessaa warra baha biyyattiitti argamani warri daawwataa jiran.

Waraanni mootummoota lamaanii bu’uuraalee misoomaa biyyattii akkaan hube.

Ministira Muummee mootummaa biyyattii gama bahaan argamu kan ta’an Osaamaa Hamaad hidhi bishaanii ummata gargaaruu osoo qabu kuni akkamiin qunname? jedheen gaafadhe.

"Bubbee hamaatu ture,’’ jechuun natti himan. "Humna hidhaa ol ta'e. Kuni uumamadha, kuni hojii Allaahi.’’

Daandii magaalaa Dernaa irratti kanneen lubbuun hafan mara baasuf yaadni akka jiru odeeffama.

Faasir Gaasar kan daa'ima baatii 10 fi maatii afur biroo balaa lolaa kanaan dhabuu hime
Ibsa waa'ee suuraa, Faasir Gaasar kan daa'ima baatii 10 fi maatii afur biroo balaa lolaa kanaan dhabuu hime

Kanneen magaalattii keessatti hafan rakkoo bishaan qulqulluu, tajaajila fayyaafi kaaniin rakkataa jiru.

Bubbeen hamaa Istoormi Daani’el jedhamu hidhi bishaanii lama akka cabsu godheera. Halkan waan ta’ef ummati osoo rafuu lolaan magaalaa guute kuma hedduu galaafate.

Erga balaan kuni dhaqqabe reefu torban ta’us kanneen lubbuun hafaniif jiruun ammumaa haalaan cimteetti.