'Keeniyaan bara 2027tti wiirtuu anniisaa nuukileraa ijaaruu ni eegalti'

Madda suuraa, AFP
Keeniyaan bara 2027’tti wiirtuu nuukilera fayyadamuun anniisa maddisiisu ijaaruu akka eegaltu, aanga’ooti biyyatti ibsan.
Wiirtuun anniisaa Meeggaa Waatii (MW) 1,000 maddisiisu, kan waggootii dheeraaf yaadamaa ture, karoora biyyattiin anniisaa qulqulluu qabaachuufi dandeetti annisa uumuu dabaluuf qabdu keessaa isa tokkodha jedhame.
Karoorri wiirtuu kana ijaaruu wal fakkaataan kana dura biyyattiin himaamaa tureera.
Hoogganaan Dhaabbata Annisaa fi Humna Nuukileera Keeniyaa, Jastas Wabuyaaboo, yeroo ammaatti dhaabbatichi bakkeewan qorachaa fi ijaarsa wiirtuu sanaa eegaluuf qophii dhumaa keessa jiraachuu gaazexaa Business Daily jedhamutti himaniiru.
Dabaluunis wiirtuun kun naannoo Keeniyaa qarqara garbaa jiranitti waggootii ja’a fi 10 gidduutti kan ijaaramuu yoo ta’u, wiirtuun jalqabaa bara 2034tti hojii eegaluu akka malu ibsaniiru.
Lammileen Keeniyaa tokko tokko, wiirtuun nuukileera barbaachisaa miti akkasumas biyyattiin dandeetti balfa nuukilera itti to’attu hin qabdu jechuun karoora kana qeeqaniiru.
“Annisaa hydo (bishaan), geothermal (dhangala’aa lafa keessaa), solar (aduu) fi wind (qilleesa) irraa annisaa maddisiisuuf qabeenya ga’aa qabna.
Darbeemmoo nageenyaammaa wiirtuu anniisaa nuukileeraa mirkaneessuuf ykn yeroo balaan uumamutti deebisnee qulqullessuuf dandeettisaa qabna jedhee hin amanu,” jechuun lammiin Keeniyaa tokko X (kan kan dura Twitter jedhamuun beekamu) irratti barreesseera.
Yeroo ammaatti biyyi Afrikaa tokkotiin anniisaa nuukileeraa oomishtee gabaaf dhiyeessaa jirtu Afrikaa Kibbaadha.
Ruwaandaa fi Masirii dabalatee biyyootiin Afrikaa biroo anniisaa nuukileraa fayyadamuuf karoora qabu.
Masiriin amma wiirtuu anniisaa nuukileeraa doolara biiliyoona 30 baasu ijaaruu eegalteetti.
Wiirtuuleen annisaa nuukileera addunyaa keessatti wiirtuulee nageenyaa fi eegumsa guddaa qaban akka ta'an dhaabbati Annisaa Atoomikii Idil Addunyaa ni ibsa.
Wiirtuuleen kun qajeelfama of eegganoo ykn eegumsa idil addunyaa hordofuu qabu.
Ta'us garuu wiirtuulee akkanaa keessatti balaan gurguddoo kan naannoo isaanitti wantoota raadiyoo aktiivii (keemikalaa nuukileera sirrii hin taanerra maddu) ta'an hedduu gadhiisaniiru.
Wiirtuuleen kun yeroo sirritti hojjetanitti, balfa raadiyoo aktiivii ta'anii fi balaa gudduu uumuu danda'an ni maddisiisu; balfi kun ammoo sirritti of eeggannoon to'atame waggootii dhibba hedduuf qofaatti kuufamuu qaba.
Anniisan nuukilera irraa madduu, akka warshaalee annisaa boba'aa fayyadaman biroo gaasii CO2 qilleensatti hin baasu, kanaaf annisaa qulqulluu oomisha jedhama.












