Kooriyaan Kibbaa boombii nikularaa hidhachuu maaf barbaadde?

Kooriyaa Kibbaa magaala See'u keessatti, kutaa lafa jalaa tokko keessatti gareen namoota siyaasaa, saayintistoota, loltoota, kaan isaaniimmoo eenyummaan isaanii ibsuu kan hin barbaanne wal-gahanii laaqana waliin nyaatu.
Kan walitti isaan fide ammoo Fooramii Tarsiimoo Nikularaa kan jedhuudha-akkamitti Kooriyaa Kibbaa boombii nikularaa hidhachiisuu qabna kan jedhu mariyachuuf.
Kooriyaa Kibaatti kanaan dura waa'ee nikularaa hidhachuu kaasun hin yaadatamu ture; sababni isaa Kooriyaa Kaabaa wajjin walitti nu buusa jedhanii waan yaadaniif. Amma Kooriyaan Kaabaa boombii nikularaa hidhattee jirti. Lammiilen Kooriyaa Kibbaas ifatti waa'ee boombii nukalaraa hidhachuu kaasuu eegalaniiru.
Pirezidaantin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk-yeol biyyattiin boombii nikularaa hidhachuu akka maltu waan agarsiisu dubbataniiru.Amma gaazexaawwaniifi miidiyaalen waa'ee kanaa ifatti afarsaa jiru. Kooriyaan Kaabaa nikulara hidhachuunshee lammiilee Kooriyaa Kibbaa yaaddesseera.
Kooriyaan Kibbaa bara 1970 keessa boombii nukaraa omishuuf icciitin eegaltee turte. Boodarra US gaafa bira geessu filannoo lama kenniteef: nikulara ofii kee omishuu sii wayya moo ani nikularan qabuun yoo lolli sirratti ka'e si ittisuu siif wayya? Kooriyaan Kibbaas US akka ishee deeggartu filattee sagantaa nikulara omishuu dhiiste. Amma loltoonni US kuma heddu ta'an Kooriyaa Kibbaa quabatanii jiru.
Ergasii haalli naannoo galoo galaana Kooriyaa baay'ee jijjiirame. Kooriyaan Kaabaa misaa'elotaafi meeshaalee waraanaa ammayyaa omishuutti gadi teesse. Ittaansun boombii nukalaraa omishte Ameerikaadhanuu sin haleelaa of-eeggadhu jechuu eegalte.
Waanta lammiilen Kooriyaa Kibbaa bakka lafa jalaa taa'anii laaqana nyaataa mariyan keessaa Seenaariyoon kun tokkoodha: Kiim Joong Un Kooriyaa Kibbaa haleelee US ammoo Kooriyaa Kibbaarra gorte waraanatti lixxe haa jennu. Sana booda Piyoongyang daangaa US boombii nikularaan nan haleela jettee dhaadatti. Washingtan maal gochuu dandeessi? See'ul oolchuf jecha magaalli akka Saanfiraansikoo fa'aa nikulara Kooriyaa Kaaban manca'uu qabaa? Lakki, kanu ta'uu hin qabu kan jedhu dubbii namoonni kun irratti walii galaniidha.
"Biyyi biraa nu eeguu qabdi jedhanii yaadun sirrii miti. Kuni rakkoo keenya, itti gaafatamummaa keenyas," jedha miseensa Fooramii Tarsiimoo Nikularaafi miseensa paartii biyya bulchuu kan ta'e Choi Ji- yoong.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti gaafatamaan fooramii karoora nikulara omishuu kanaa Chewong Sewong -chan karoora fooramii kana dhiyeesse. Yeroo itaanutti Kooriyaan Kaabaa yaalii dhukaasa nikularaa gaafa gootu, Kooriyaan Kibbaa ammoo Walii Galtee Non-Proliferation of Nuclear Weapons (NPT) keessaa bahuu qabdi kan jedhuudha.
Kiim Joong Un ji'a jaha keessatti meeshaa waraanaa boombii nikularaa hin kennu taanan Kooriyaan Kibbaa ammoo sagantaa boombii niukularaa omishuu ni eegalti kan jedhus karoora gareen fooramii kun dhiyeessedha.
Chewong akka jedhutti Kooriyaan Kibbaa boombii nikularaa kan ishee yoo hidhatte, carraan Kiim Joong Un Kooriyaa Kibbaa haleeluu xiqqaadha. Jenny Town ammoo US irraa yaada kana ni falmiti. "Boombii nikularaa hidhachuun addunyaa gara nagaatti hin fidu," jetti. Indiyaafi Paakistaan meeshaa waraanaa nikularaa hidhatan fakkeenya fudhachuun boombii nikularaa hidhataniif walitti bu'iinsifi rakkoon gidduusanii hanga ammaa akka hin furamin kaastee falmiti.
Kooriyaan Kibbaa boombii nikularaa akka hidhattu US tasumaa hin barbaaddu. Bara 2016tti Doonal Tiraamp See'ul loltoota US achi buufatanii jiraniif kaffaluu qabdi ykn loltoota US achii nan baasa jechuun Kooriyaan Kibbaa tola nyaataa jirti jechuun dhaadatee ture. Haasan Tiraamp taasise sun ammoo lammiilen KOoriyaa Kibbaa abdiin US kenniteef gaggeessitootasheerratti kan hundaa'udha jechuun ofii keenyaf furmaata barbaaduu qabna akka jedhan isaan taasiseera.
"US nikularasheen nun ittistu, kanaafa ittisa mataa keenyaa ijaarrachuu qabna," jedha dargaggeessi ganna 31 Koo Sung-wook. Bara 2010 yeroo Kooriyaan Kaabaa Kooriyaa Kibbaa haleelun namoota 10 ajjeeste Koo Sung loltoo Kooriyaa Kibbaa ta'ee tajaajilaa ture. Amma waa'ee Kooriyaa Kaabaa qofa osoo hin taane, waa'ee Chaayinaas ni yaadda'a. "Biyyoota humna guddaa qabaniin marfamnee jirra. Akka nama hanqaaqurra deemuti [yoom akka nuun cabu hin beeknu]. Morkataa ta'uuf, nikulata qabaachuu nu barbaachisa," jedha.
Saunan nama amma ganna 82 ti- bara waraana Kooriyaa daa'ima turte. Biyyoonni biroos akkuma kan isaanii omishan, nus boombii niukularaa nu barbaachisa jettee amanti.
Manguddoon biraas US Kooriyaa Kibbaa ittisuurraa shakkii waan qabaniif See'ul nikulara mataashee gabbisuu akka qabdu amanu. US ammoo "ani yoomiyyuu See'ul ittisuuf ijjannoo hin jijjiiramnen qaba" jetti. Kan mirkaneessufis waan heddu dhama'aa jirti. Ji'a tokko dura xayyaara waraanaa boombii nikulaaraa darbatu Kooriyaa Kibbaa buufata doonii Busan qubsiiftee jirti.
Yoon Uk, Asian Insititute tti xinxaalaa waraanati. Pirezidaantin Kooriyaa Kibbaa Yoon gaafa waa'ee gara fuulduraatti carraan nikulra hidhachuu jiraachuu dubbatan isaan waliin ture. US waa'ee tarsiimoo nikulashee baay'edhuma dubbachuu akka hin barbaanne pirezidaantichi kaasuu yaadata.
Waa'ee karoorafi itti fayyadama boombii nikularaarratti See'ul caalatti hirmaachuu barbaaddi. Kuni ammoo meeshan nikularaa US Kooriyaa Kibbaa keessa akka taa'u gochuus of keessaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
US waan Kooriyaan Kibbaa gaafattu mara kennuuf ni rakkatti, garuu waan pirezidaantin Kooriyaa Kibbaa lammiilee biyyattiitti himu waan qabatamaa wayii abdachiisun ishee hin oolu. Waa'en boombii nikulraa Kooriyaa Kibbaa keessatti hin yaadamne, amma sammuu namoota hedduu keessatti bocamaa jira. US yoom yaadashee akka jijjiirrattu hin beeknu kan jedhan hedduudha.
Haala addunyaan amma keessa jirtuun boombii nikularaa omishuuf murteessun akka wadaroo kokkeetti of kaa'uti. Sababi isaa biyyoonni akka Kooriyaa Kaabafi Iraan sababa gabbisa nikularaan qoqqobbiin irra kaa'amee gatii hin malle baasaa jiru.
Hawaasni Kooriyaa Kibbaa tarii waan isaanitti dhufu kana yaada keessa hin galchine ta'a. See'ul murtoo kanarra geenyan US karoora Kooriyaa Kibbaa haleellaa kamirrayyii ittisuu haquu malti. Chaayinaan ammoo qoqqobbii cimaa irra keessee hudhuu dandeessi. Kuni hundi gaafa irratti dhufu Kooriyaan Kibbaa Kibbaa akkuma Kooriyaa Kaabaa qopha galeesssa taatee addunyaarraa adda citti jechuudha.












