Xayyaarri waraanaa Raashiyaa dogoggoraan Raashiyaadhuma haleele

Bakka haleellan itti raawwate

Madda suuraa, Getty Images

Xayyaarri waraanaa Raashiyaa dogogoraan magaala Belgorod haleeluu ministirri ittisaa Raashiyaa beeksise.

Belgorod magaala Raashiyaa daangaa Yukireenitti dhiyoo jirtudha.

Bulchaan Belgorod Viyacheslav akka jedhetti, sababa haleellaa kanaan magaala walakkaatti boolli metira 20 gadi fagaatu uumameera.

Haleellaa xayyaarri Raashiyaa magaalattii irratti raawwateen dubartoonni lama yoo miidhaman gamoowwan heddurra miidhan gaheera.

Xayyaarri waraanaa gosa Su-34 jedhamu kun akka tasaa boombii gadi lakkisuun magaluma Raashiyaa kan taate Belgorod irratti miidhaa geessise jechuun ministirri ittisaa Raashiyaa kan beesksise.

Taaten kun guyyaa kaleessaa, Ebla 20 akka mudate ejansiin oduu Raashiyaa beeksise.

Xayyaarri waraanaa kun akkamitti Raashiyaadhuma akka haleele qorannoon gaggeeffamaa jiras jedhame.

Suraleefi viidiyoowwan miidiyaa hawaasarratti qoodamaa turan sababa dhohiinsa kanaan gamoowwan, manneenfi konkolaatawwan miidhamanii agarsiisa.

Baka dhohiinsi itti mudate

Madda suuraa, Getty Images

Magaala xayyaarri Raashiyaa haleelte - Belgorod keessa namoota 37,000 tu jiraata. DaangaaYukireen irraa km 254 fagaatti.

Jiraattonni magaalattii Yukireen haleellaa nurratti raawwachuu dandeesi kan jedhuun sodaa keessa jiraatu.

Dhihiinsi magaala Raashiyaa kanatti mudate kun kan jalqabaa miti. Kanaan dura Yukireen haleellaa diroonii gageessiteetti.

Xayaaronni waraanaa Raashiyaa yeroo Yukireen haleeluf bahaniifi galan si'a heddu magaala Belgorod irra darbu.