Qabxiilee ijoo saddeet iccitiin Peentaagoon keessaa miliqee bahe saaxile

Taankiiwwan waraanaa

Madda suuraa, Reuters

Ragaaleen iccitii US waayee biyyoota biroo basaastee walitti qabde online gubbaatti maxxanfame waan hedduu saaxileera.

Ragaaleen miidiyaa hawaasaa Discord jedhamu gubbaatti kan qoodamuu eegale Bitootessa irraa eegaleeti.

Ragaan kun gabaajeewwan waraanaa fa'a kan of keessaa qabu yeroo ta'u, gariin irratti ''iccitii guddaa'' jehdamee irratti barreefameera. Dabalataanis waraana Yukireeniifi hariiroo Chaayinaafi michoota ishee irrattis odeeffannoo haara baaseera.

Qondaaltotni Peentaagoon ragaaleen miliqfamanii bahan dhugaa ta'uu mirkaneessaniiru.

BBC'f miidiyaaleen idila addunyaa ragaalee kana erga qoratanii booda qabxiilee ijoo kana keessaa baasaniiru.

Barreessaan Olaanaan UN fedhii Raashiyaa keessummeessuu

Sanadichi akka jedhutti, US sochii Antooninyoo Gutareez hordofaa turte. Sanadi kun ji'a Bitootessaa keessa Peentagon jalaa miliqee akka bahetu himama. Haa ta'u garuu eenyu akka baase hin beekamu.

Odeeffannoo sanada kana keessatti Antooniyoo Gutarez Raashiyaaf loogan jedhuun Yukireen midhaan gara biyyoota birootti akka ergituuf UNfi Tarkiin Raashiyaan Bilaak Sii akka bantu yeroo jaarsummaaf deddeebi'anitti Gutareez fedhiin Raahiyaas yaada keessa akka galu godhaniiru kan jedhuudha.

Tattaaffiin Gutaareez kun adeemsa Raashiyaa irratti dhibbaa gochuu fi gaafatamtuu taasisuu rakkoo keessa galcheera jedhameera.

Ragaaleen hedduun haasaa Gutareeziifi itti aanaa isaanii gidduutti godhame kanaaf akka ragaatti dhiyeessaniiru.

Joordaan dhimma Huwaawee irratti Chaayinaan haaloo na bahatti sodaa jedhu qabaachuu

Ragaaleen miliqan irra hedduun waaye waraana Yukireeniifi Raashiyaarratti kan xiyyeefatan haa ta'u malee waayee teeknoolojii Chaayinaafi hariiro Chaayinaa fi biyyoota kaaniis qaba.

Ragaan miliqee bahe aanga'oonni Joordaan haasaa walii isaani gidduutti godhaniin kaampanii Chaayinaa Huwaawee tajajila 5G keessaa baasuu fi dhiisuu irratti mariyachuu saaxileera.

Ilmi mootii Joordaan Huseen Huwaawee sagantaa isaaniin ala gochuun haaloo Chaayinaarraa hordofsiisurratti waan dubbatan gabaasni Peentaagoon agarsiiseera.

Waayeen teeknoolojii Chaayinaa iddoon sodaa itti uume Joordaan qofa akka hin taane ragaaleen bahan agarasiisaniiru.

Badii lubbuu loltootaa irratti walitti ka'uu hooggantoota Raashiyaa

Gabaasni dhiyoo bahe qondaaltotni Raashiyaa waraana kanaan miidhama qaqqabaa jiru irratti walitti ka'uu isaanii saaxileera.

Ejensiin basaasaa FSB Ministirri Ittisaa Raashiyaa miidhaa waraanichi lubbuu namaarra geessisaa jiru gadi xiqqeessanii gabaasu jechuun himateera jedha ragaan bahe.

Gabaasni haaraan kun ejensiiwwan basaasaa US hangam takka basaasaa fi waraana Raashiyaa cabsanii seenaa akka jiran agarsiisa.

Humnootni addaa biyyoota Lixaa Yukireen keessaa waraanaa jiru

Gabaasni Bitootessa 24 bahe tokko gareen waraanaa biyyoota Lixaa muraasni Yukireen keessaa waraanaa akka jiran saaxileera. Yeros sochii isaaniifi bakka jiran hin ibsine. Garee waraanaa hedduu Yukireen keessaa qabaachuun kan dursitu UK dha garee 50'tu jira. Laativiyaa irraa 17, Faransaay irraa 15, US mataan isheerraa 14, Neezerlaands irraa ammoo tokko.

Mootummootni warra Lixaa dhimma kana eeggannoon waan qabataniif irratti yaada kennuurraa of qusatu.

Raashiyaan kan baatiiwwan as dhiyoo keessa himannaa Yukireeniin qofa osoo hin taane Nato waliin waraanatti jirra jedhu dhiyeessaa turte dhimma kana jabeessitee qabuun ishee hin oolu.

Abdii murannaa US Yukireen irraa qabdu

Ragaa Guraandhala darbe bahe tokko waabeffachuun Waashingitan Poost akka jedhutti US humnootni Yukireen haleellaa jabaa raawwatanii warra Raashiyaa ofirraa deebisuuf abdiin qabdu haphachaa dhufuu gabaaseera.

Warri Yukireen humna ittisa qilleensaa isaanii cimsanii itti fufuuf rakkachuu irraa kan ka'e hanqinni misaayelaa jabaanuu akka ishee mudachuu danda'u xiinxalameera.

Qondaaltotni Yukireen tokko tokko ragaalee miliqfamanii bahan fudhatama dhabsiisuun waayee ragaalee bahanii xiinxaluu dhiisanii meeshaalee waraanaa gurguddaa waraanicha akka ta'utti goolabuu isaan dandeessisu akka kennamuuf gaafatu.

Pireezidant Al Siisii

Madda suuraa, Getty Images

Masriin dhoksaan Raashiyaaf rookkeettii dhiyeessuuf qophaa'uu

Waashingitan Poost ragaa biraa Peentaagoon keessaa miliqee bahe jedhame argateen Masriin rookkeettiiwwan 40,000 omishtee Raashiyaaf dhoksaan dabarsuuf karoora qabaachuu saaxileera.

Ragaan sun akka jedhutti pireezidantiin Masrii Al Siisiin hoogganoota birootti omshniifi dhiyeessiin rokkeettota kanaa ''warra Lixaa wajjiin rakkoo keessa akka nu hin galchine dhoksaan haa ta'u'' jechuun hubachiisuu eera.

Aanga'aan biraan ammoo barbaachisaa taanaan hojjettootni dabareen galanii oolmaa Raashiyaan amma dura Masriif oolte akka baasuu danda'an dubbachuunis ibsameera.

Biyyi Ameerikaa irraa nageenya mirkaneessuuf jecha waggaatti deeggarsa biiliyoona tokko argattu Masriin, karoora dhiyeessii rookkeettii kana rawwachuufi dhiisuun ifa hin taane.

Kooriyaan Kibbaa Yukireeniif meeshaa kennuurratti qoramuu

Ragaalee milqifamanii bahan keessaa gariin ammoo Kooriyaan Kibbaa ejjennoo biyya kamuu waraanaan hin hirphu jettu irratti Ameerikaa irraa qormaatni ishee mudachuu agarsiisa.

Ragaan US basaasaan argattee qondaaltotni nageenya biyyaalessaa dhimma kana irratti haasaa godhan argateera.

Qondaaltotni Kooriyaa Kibbaa meeshaa waraanaa kallattiin Yukireen ykn Ameerikaaf gurguruurra Poolaandiif erguu akka filatan yoo dubbatan ragaan argameera.

Kooriyaan Kibbaa meeshaa waraana Yukireeniif dhiyeessuun hariiroo Raashiyaa waliin qaban jalaa akka hin balleessine yaaddoon isaan qabee akka ture agarsiisa.

Imaammata isaanii biyya kamuu meeshaan hirphuu dhorku eeguufis tarkaanfii adeeman agarsiisa.

Yaalii meeshaa waraanaa Chaayinaa

Ragaalee miliqfamanii bahan keessaa ammoo Chaayinaan ji'a Guraandhalaa keessa misaayela DF-27 hypersonic glide vehicle jedhamu yaaliif dhukaasuu akeekeera.

Misaayelichi daqiiqaa 12 keessatti KM 2,100 balali'eera jedha ragaaleen bahan.