Yamanitti sadaqaa Ramadaanaarratti namoonni wal irratti kufanii lubbuun 78 darbe

Kophee namoota waliratti kukkufanii

Madda suuraa, AFP

Yaman, magaala Sana'aa keessatti namoonni sadaqaa ykn deeggarsa Ramadaanaa osoo fudhataa jiranii waliratti kukkufuun yoo xiqqaate lubbuun 78 darbeera.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa ture balaan kun erga uumamee booda namoonni olii gadi osoo fiiganii mul'atu.

Royitars akka gabaasetti, namooni hedduun mana magaala Sana'aa naannoo Bab-al-Yamanitti kan argamu mana baruumsaa tokko keessatti gargarsa osoo fudhataa jiraniiti balaan kun kan uumame.

Gargaarsi kennamaa turemmoo nama tokkoof dolaara 9 ture akka gabaasa Roooyitarsitti.

Namoonni maallaqa sadaqaa qoodaa turan to'atamanii qorannoon gageeffamaa akka jiru himan ministiirri dhimma biyya keessaa Yaman.

Magaala guddoo Sana'aa dabalatee kutaalen biyyattii hedduu bara 2015 irraa kaasee to'annoo hidhattoota Huutii jala jira.

Dubbi-himaan ministiira dhimma biyya keessaa akka himanitti, balaa kanaaf sababni namoonni sadaqaa hiraa turan angawoota wajjin qindoominaan hojjachuu dhabuurraa kan ka'edha.

Kanneen du'aniin alatti namoonni hedduu miidhamaniiru. Isaan keessaa namoonni 13 haala yaaddessaa keessa jiru jedhan ogeeyyin fayyaa.

"Warra du'an keessa ijoolleefi dubartoonni jiru," jechuun qondaalli nageenyaa hidhattoota Huutii tokko AFPtti hime.

Asooshiyetid Pirees namoota yeroo balaan kun mudate ijaan argan dubbisuun akka gabaasetti, sababni balaa kanaa namoonni yeroo sadaqaa fudhachuuf walitti baay'atan isaan addaan bittimsuuf qaamoleen nageenyaa hidhattoota Huutii gara samiitti ol dhukaasuu eegalan.

Rasaasni isaan namoota bittimsuuf samiitti ol dhukaasan garuu sarara ibsaa rukutuun dhohiinsi mudate. Balaa abiddaa sarara ibsaarraa ka'e baqachuuf jecha namoonni walirratti kukkufuun 78 kan ta'an du'an.

Balaan kun kan mudate yeroo soomni Ramadaanaa xumuramuuf guyyoonni muraasni hafanitti.