Jiruu Baqaa: “Jireenya fooyyee jiraachuuf biyyaa baqanne, baqannees boqonnaa hin arganne”

Diinee Ahmadi

Maqaankoo Diinee Ahmad jedhama. Umuriinkoo waggaa 18 yoo ta’u, Wallaga Bahaa aanaa sibuu Siree ganda Boqoo Jimmaattin dhaladhe.

Waggaa lamaan duran gara Yaman deemee. Osuman achi jiruus dhukkubsadhe. Hospitaala UN na galchanii akkan dhukkuba kalee qabu natti himan. Isaanis baay’ee na yaalan.

Gaafan biyyarraa deemu hojjadhee fooyya’een bakka guddaa gaha jedheen deeme ture. Garuu akkan yaade naaf hin taane. Sababiin dhukkubsadheef, achitti baay’en rakkadhe. Jarris na waliin dararaman.

Yeroo sana biyya keessas rakkoon waan jirtuuf hojii hojjachuu hin dandeenye.

Biyyattiis isin ABO'dha jedhanii nu qabuu dhufu. Nuti hawaasa malee waa’ee ABO waan beeknu hin turre. ABOn gaara keessa jira malee nuti waan beeknu hin qabnu.

Sababa kanaatiin nu dararanii jennaan asitti hojjadhee ergan fooyya’uu dadhabee jedheen biyyaa bahuu murteesse. Sababiin jalqabuma akka biyya baanu kan nu taasise sababii kana ture.

Sana booda dallaalaa Masrii jiruufi kan wajjin baranne tokkootti bilbilanne. Inni ammoo Dirree Dawaatti dallaalaa birootti nuuf bilbile. Achii dallaalonni naannoo Gammoojjii Somaaletti nu geessan.

Achittis nyaanniifi dhugaatiin hin jiru. Har’a yoo nyaattee, bori sa’aatii walfakkaataatti deebitee nyaatta. Bishaan safaramee nuuf dhufa. Leetira tokko nama lamaaf kennu.

Osoo akkasitti rakkannuu achi ji’a lama teenyee. Ijoollee baay’etu nu biraa dhume. Kaan isaanii karaa Jibuutii nu biraa kutan.

Nuti ammoo gara Saa’udii deemuf haalli naaf mijatee wayis hojataa osoon jiruu na dhukkube. Deemsa gammoojjii irraa kan ka’e nyaataa fi bishaan dhabee baay’ee laafeen ture. Isaan garuu hospitaala na galchanii baay’ee na yaalanii na jajjabeessan.

Ergan Yaman galee warra UNtu na fuudhee na yaalaa ture. Warri nu biraa gara Saa’udiitti imalan ijoolee 450 ta’antu gubate. Ijoollee sana maqaa isaanii kanin beeku keessa turan.

Ani barataan ture. Haadhaa fi abbaa kiyya bira taa’en barataa ture. Boodarra jeequmsa irraa kan ka’e manni baruumsaa cufame. Bakka dhaqnee barannus hin qabnu turre. Kanumarra osoo jirruu ture ani dabtraa fi kitaaba koo mana kaa’e gara sana kan deeme.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergan deemee (Yamanitti) mana yaalaa na geessanii akkan biyyatti deebi’uuf haala akka naaf mijeessan natti himan. Ani imoo gara Saa’udii deemu malee jedheen dide. Achi keessa doktoroota nama gorsantu jira.

Guyyaa lama lamaan dhufanii na gorsu turan. Umurii kanatti deemee karaatti hafuurra biyyatti galee haadha fi abbaa koo waliin akkan jiraadhuuf cimsanii na gorsaa turan.

Akka haadha fi abbaa siif taana jedhanii natti dhiyaataa turan; dhuguma ammoo baay’ee na gargaaran. Galata isaanii Rabbi hin balleessin.

Gaafan biyyatti deebi’u gammachuu guddaatu natti dhagahame. Achitti maatii wajjin wal-arguu hin danda’un ture. Asitti ergan galee maatii koo wajjin bilbilaan haasa’een jira.

Garuu maatiin keenya sababa rakkoo nageenyaa naannoo sana tureen qe'ee isaanii irraa buqqa'anii akka jiran dhagahe.

Maatin kiyya buqqa’uu isaanii gaafan dhagahu baay’en yaadda’e. Ani waanan isaanif godhu hin qabu. Ani akkuman biyyaa baheen dhibee kanarra waanan bu’eef qarshiin dalagadhee erguuf hin qabu. Gaafan bilbiluuf ammoo akkatti dhufnu dhabne malee dhufnee si ilaalla naan jedhu maatiinkoo.

Akka yaada isaanitti gaafan dhufee kaasanii dhufanii na ilaalu turan, garuu isaanis qarshii ittiin dhufan hin qaban.

'Karoora koo gara fuulduraa'

Anis amma biyyatti yoon gale bakkan dhaqu hin qabu waan ta’eef magaaluma natti dhihoo kan akka Naqamtee fa’aa keessatti dalaguman xiqqoo hojjadhu yoo naaf uuman ykn baruumsa kiyya itti fufuun barbaada. Osoo bakka baqaa jirruu ijoollee baay’etu nu biraa dhume. Osoo gara Sa’udii deemanii rukutamanii erga nu biraa dhufanii kan du’an baay’edha. Kanaa manna gara biyyaatti deebi’uu nuuf wayya jennee dhufne. Osoon biyyaa hin bahin dura ani baruumsa baay’en jaaladha ture. Abbaan koos na jajjabeessa ture. Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa fa’aan baha ture. Kutaa 6 qofattan sadaffaa bahe. Kutaa torba galee ji’a tokko barannee ji’a lammaffaa irratti manni baruumsaa cufame. Ergan biyya keessatti baruumsan jaaladhu barachuu hin dandeenyee biyyaa bahee hojjadhee jijjiiramuun qaba jedheen murteessee deeme. Deemsaf dallaalli qarshii kuma 15 barbaada naan jedhan.

Ani ammoo qarshii kuma sadi hanga Dirree Dawaatti kan na gahu qofan fudhee bahe. Isheedhaan huccuu fa’aa bitadhee yoon achi gahu nan fixe.

Somaalee yommuu geenyu qarshii akka erganiif maatii keenyatti nu bilbilchiisan. Warra qarshii hin qabne bakka tokkotti naqanii dhalaa dhiira osoo hin jenne tumu. Laga wayii keessatti nu naqanii meeshaa qabatanii nu eegu.

Diinee Ahmadi

'Jalaa miliquun hin danda’amu'

Maatin kee qarshii hin qaban yoo ta’e, bilbila si bilbilchiisanii maatin kee akka dhagahanitti si garafu. Qarshiin hin ergamu taanan, waggaa tokko illee achi teessa malee bahuun hin jiru.

Si reebanii gaafa ati laaftu karaa konkolaataa gubbaatti baasanii nama gatu. Namni yoo du’e ammoo fuudhanii gammoojjii keessatti gatu.

Achiin booda maatii kiyyatti bilbileen dallaala harka waanan jiruuf qarshii akka naaf erganiif maatii koo gaafadhe. Yoosuma qarshii walitti qabanii naaf ergan.

Jalqaba maatin deebi’ii naan jedhanii turan; ani garuu dideen deeme. Isaan qarshii kuma 15 naaf erginaan dallaalonni nu fuudhanii nu ka’an.

Gammmoojjii keessa miilan torbee tokko guutuu deemne. Lafuma nutti dhihe bullee ganama ammoo kaanee deemsa itti fufna. Qarqara galaanatiin nu gahanii achitti nu naqanii gareen biraa booda keessanii dhufee isaan waliin fe’amtu nuun jedha.

Dallaalli har’a yoo konkolaataan nyaata nuu fidee, boru ammoo deebi’ee hin fidu.

Ijoolleen kaan aartee kan deebitetu jira. Kaan ammoo nu waliin deemuu dadhabanii achuma gammoojjii keessatti kan hafantu turan.

Warra dallaalaa qarshii isaanii argannaan bakka barbaaddetti yoo ati duute dantaa namaa hin qaban. Isaan bakka galaanaa osoo hin gahiin birrii sassaabbatu.

Achi erga geenyen booda dallaalaan bishaan irraa ammoo qarshii biraa si gaafatu. Yoo barbaadan qarshii kuma 100 fidi siin jechuu danda’u. Achi gammoojjii bakka namni hin jirre keessatti bakka itti nama hidhanii nama dararan qabu.

Yoo hin qabdu ta’e reebanii gaafa laafte karaatti baasanii nama gatu. Carraa argatanii warri UN yoo arge malee kan karaa irratti dhumu hedduudha.