Seerri aangoo pirezidantii Keeniyaa dheeressuuf dhihaate dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Reuters
Keeniyaatti wixineen seeraa bara bulchiinsa pirezidant Ruutoo dheeressuuf dhiyaate dheekkamsa kaase.
Wixinee bara bulchiinsa pirezidantii dheeressuuf kana kan dhiyeessan miseensa gamtaa paartii biyya bulchuuti.
Senaatar Saamson Cheraargee, senaatara Kaawuntii Naandii yoo ta'an barri bulchiinsa Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo waggaa shanirraa gara torbaatti guddachuu qaba kan jedhu yaada dhiyeessan.
Keeniyaatti barri bulchiinsa pirezidantii tokkoo waggaa shan yoo ta'u, waggaa shan erga fixee booda marsaa lammeessoo filannoof dhiyaachuu danda'u.
Haa ta'u garuu, Senaatar Saamson Pirezidant Ruuton waan yeroo duula filannoo gaggeessan waadaa galan raawwachuuf waggan shan itti xiqqaata jedhan.
Dubbiin kun erga dhagahamee booda paartii mormituu biraa dheekkamsaafi mormii irratti kaasera.
Biyyattii keessatti bara pirezidantin tokko aangorra turuuf seeraan murtaa'e diiguf wixinee qophaa'edha jechuuni mormiin kan mudate.
"Inumaayyuu faallaasaa filannoo ittaanurratti waggaa afuritti gadi bu'ee marsaa tokko qofa ta'uu qaba."
"Kuni yoo ta'e qofaadha tokkuummaan biyyaalessaa dhufuu kan danda'u; fedhiin namootaa akka lafa hin qabanne gochuun kan danda'amuufi heerri akka lafa qabatu gochuun kan danda'amu," jechuun nami qeeqa "X" kan duran Tiwiitara jedhama turerratti barreesse tokko.
"Gaggeessaan kamiyyuu waggaa 10 [pirezidantummaa marsaa lamaa] keessatti waan waadaa gale galmaan hin gahu yoo ta'e, waggaa itti dabaluufin maal jijjiirama fida?" jedha namni biraa ammoo.
Ji'a Sadaasaa keessa daangaan bara bulchiinsa pirezidantumma akka ka'uuf yaadi dhiyaate Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo didanii turan.
Heerri Keeniyaa barri pirezidantin tokko biyyattii bulchuu danda'u waggaa shan qofaaf yoo ta'u, marsaa lama qofa filatamuu akka danda'u daangessa.
Kana jijjiiruuf ammoo rifarandamiin gaggeeffamuu akka qabu heera biyyattii keessatti barreeffameera.












