Ijoolleen ja’a dhimma jijjiirama qilleensaa irratti biyyoota 32 himatan

Madda suuraa, CLAUDIA DUARTE AGOSTINHO
Ho’iinsa hamaa fi ibidda bara 2017tti Poorchugaalitti lubbuu namoota 100 olii galaafate yommuu yaadattu, Kilaawdiyaa Duweerte Agostinoon, “sodaatu natti dhaga’ame” jetti.
“Ibiddi saafaa sun egeree akkamiin qabaadha kan jedhu irratti dhiphuu natti uume.”
Shamarreen umurii ganna 24 Kilaawdiyaa, obboleessashee umurii ganna 20 Maartim fi obboleettiin ishee umurii ganna 11 Mariyaanaa dabalatee dargaggooti Poorchugaal ja’a waliin ta’uun mootummoota 32 irratti himata bananiiru.
Miseensota Gamtaa Awurooppaa hunda, UK, Noorway, Raashiyaa, Siwiizerlaand fi Tarkii biyyootii himataman keessa jiru.
Biyyootiin kunneen jijjiirama qilleensaa to’achuuf tarkaanfii ga’aa hin fudhannee, akkasumas akka waliigaltee Paarisiitti ho’iinsa addunyaa C1.5 akka ta’uuf waligalameetti gaasii maddisiisan hin hir’isne jechuun himatamaniiru.
Himatni akkanaa Mana Murtii Mirgoota Namooma Awuroppaatti (ECHR) yemmuu dhiyaatu kun kan jalqabaati.
Yoo milkaa’eef, mootummoota himataman irratti dhiibbaa seeraan eegamaa ta’e qabaachuu danda’u.
Dhaddachi jalqabaa himata kanaa Roobii (Fulbaana 27,2023) gaggeeffameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoolleen himata kana dhiyeessan ja’an kan umuriin isaanii wagga 11 hanga 24 ta’e, ibiddi bosonaa Poorchugaal keessatti bara 2017 as uumame bu’aa jijjiirama qilleensaadha jedhu.
Mirga jiraachu, mirga mateenyaa (privacy), mirga jireenya maatii fi mirga loogii irraa bilisa ta’uu dabalatee mirgoota namoomaa isaanii bu’uura ta’an, sababa mootummooti jijjiirama qilleensaa ittisuurraa of qusataniif sarbameera jedhu.
Ammumaan dhiibbaa jijjiiirama qilleensaa kanaan hubamanii akka jiran, keessumaa sababa ho’iinsa garmalee Poorchugaal keessa jiruun mana keessa turuuf dirqamuu isaanii akkasumas dandeettiin hirriba rafuu, xiyyeeffachuu ykn ispoortii hojechuu miidhamuu himu.
Gariin isaanii dhibee daranyoo sombaa (athma) dabalatee dhibeewwan hargansuu, alarjii fi dhiphuu xiinsammuu jijjiirama qilleensaan wal qabatee dhufuun hubamaniiru.
Ijoollee himata kana banan keessa kan beenyaa maallaqaa gaafate hin jiru.
“Addunyaa magariisaa faalama hinqabnen barbaada, fayyaa qabaachuun barbaada,” jetti mucaan ganna 11 Mariyaanaa.
“Himata kanarratti kanan hirmaadhe waa‘ee eegereekoo waanan guddaa yadda’eefidha. Bakki nuti keessa jiraannu maal akka fakkaachuu danda’u na sodaachisa.”
Kilaawdiyaan akka jettutti Mariyaanan yemmuu sagalee helikooptaraa dhageessu ammallee ni sodaatti, sababiin isaas qondaaltota ittisa ibiddaa bara 2017 keessa ibidda bosona balleessuuf daddeebi’aa isa turan waan ishee yaadachiisuufi.
Yeroo bosonni kaaree 50,000 ol ta’u ibiddaan barbadaa’aa ture, daaraan achiirraa maddee mana isaanii irratti kukkufaa ture.
“Mariyaanaan umurii kanatti hubannoo akkanaa qabaattee, himata kana keessatti hirmaachuun ishee baayyee gaariidha jedheen yaada,” jetti Kilaawdiyaan.
“Garuu waan yaaddessaadhas: Waan akkanaa isheen maaliif yaadu qabdi? Kanarra hiriyyoota ishee waliin taphachuu qabdi, vidiyoo TikTok’n shubbisuu qabdu.”

Madda suuraa, GLOBAL LEGAL ACTION NETWORK
Abukaatoonni ijoolleefi dargaggoota ja’an kan bakka bu’an mana murtiitti dhiyaachuun qajeelfamootni mootummooti 32 kunneen amma fayyadamaa jiran, dhuma jaarraa kanaatti ho’iinsa addunyaa gara 3C’tti guddisuu danda’a jechuun ni falmu jedhamee eegama.
“Ho’iisa hamaadha,” jedha dargaggoota kana deeggaraa kan jiru hogganaan Global Legal Action Network, Giyaroooyif O Kuwiin.
“Mootummootii tarkaanfii hatattamaa hin fudhatan taanan, dargaggooti himata kana irratti hirmaatan ho’iinsaa akka malee fayyaa fi fayyummaa isaanii miidhuuf saaxilamuu malu. Kana dhaabuuf mootummootni kan amma hojjatan caalaa hojjechuuf dandeetti akka qaban beekna, garuu hojjechuu dhiisuuf filataa jiru,” jedha.
Qorannoon Lancet 2021 akka argatetti, dhiphuun jijjiirama qilleensaa fi deebii mootummaan jijjiirama qilleensaaf kennutti mufachuun addunyaa guutuuti ijoollee fi dargaggoota miidhuun, jireenya guyyuusaanii irratti dhiibbaa uumeera.
Qorannoo ijoollee umrii ganna 16 -25 gidduu jiraniifi biyyootii addunyaa 10 irraa ta’an 10,000 hirmaachuun gaggeefame kun, mootummooti jijjiirama qilleensaa loluuf tarkaanfii ga’aa fudhachuu dhabuun isaanii dhiphuun dabaluu waliin kan wal qabachuu malu ta’uu argateera.
Himata kanarratti deebii dhuufaa fi waloon kennameen, mootummootni himataman kun akka ibsanitti dargaggootni kun sababa jijjiirama qilleensaan ykn ibiddaa saafaa Poorchugaaliin kallattiin miidhamuu isaanii ragaa ga’aan hin mirkaneessine jedhaniiru.
Dabaluunis jijjiiramni qilleensaa jireenyaa fi fayyaa dhala namaa irratti miidhaa hattatamaa akka geessisu ragaan hin jiru jechuun, qajeelfamni jijjiirama qilleensaa Mana Murtii Mirga namoomaa Awurooppaa kan ilaallatu miti jechuun motummooti kun falmaniiru.
“Dargaggooti Poorchugaal ja’an kan egeree isaaniif yaadda’an kun, gartuulee seeraa 32 fi abukaatota dhibbaan lakka’aman kan mootummoota tarkaanfiin isaanii kallattiin isaan miidhaa jiru bakka bu’an waliin wal falmuuf jiru,” jedha Giyaroooyif O Kuwiin.
“Kanaaf kun akka lola Daawiitii fi Gooliyaad gidduutti gaggeefamudha, kun dhimma egeree keenyaaf jijjiiiramni akka taasifamu gaafatudha.”
Koomishinarri Gumii Mirga Namoomaa Awurooppaa, Dunjaa Mijaatoovik, kan dhimmicha keessa akka qaama sadaffaatti seenee jiru, himatni kun akkataa mootummootni dhimma jijjiirama qilleensa fi mirga namoomaf deebii kennan geeddaruu waan danda’udha jetti.
“Biyyootii miseesa ta’aniif (EU), dhaabbilee idil-addunyaafi hunda keenyaaf kun akkamiin akka wa’ee jijjirama qilleensaaf waraqaarratti waan barreefamuun olitti dhimminuu argasiisuuf waamichadha. Furmaataa isaa kana ykn isa sana irratti walii gallee jennee malleetteessuu qofa miti. Waa’ee qajeelfamoota keenya geeddaruudha,” jechuun BBC’tti himteetti.
Murteen ECHR murteessu mootummootiin 32 takkaatti gaasii faalama maddisiisan hir’isuun tarkaanfii jijjiirama qilleensaa irratti fudhatan akka dabalaniif seeraan kan dirqisiisu ta’a.
Himata kana irratti murteen ji’oota 18 keessatti ni taasisama jedhame eegama.
Kilaawdiyaan gara fulduraatti addunyaan keessa jiraataan maal fakkaata kan jedhu waan shakkituuf ijoollee horachuun akka waan filatamaa hin taaneetti takka takka akka yaaddu himti.
“Himata kana mo’annaan garuu dhumarratti abdiin jira jechuudha,” jetti.
“Waan hundumaaf gaarii ta’a – dhibbuu keenyaaf, eegeree keenyaafis gaarii ta’an. Sana booda wanti hedduun uumamuu danda’a.”












