Jijjiiramni qilleensaa fayyaa uummata addunyaaf yaadessaadha-Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiiramni qilleensaa fayyaa uummata addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru qorannoon dhimma fayyaa guddaan tokko agarsiise.
Gabaasni Lancet Countdown addunyaan cilee, boba'aa jikitaafi gaazii uumamaa akka madda boba'aatti fayyadamuu itti fufuun dhibeewwan organizimootaan nama qaban baayyisu, akkasumas ho'aan walqabatee dhibee dhufan dabalaa jedha.
Barressaa olaanaan UN Antooniyoo Gutareez hoogganootni addunyaa tarkaanfii rakkoo kanaan gitu fudhachuu qabuu jedhan.
Hooggantootni biyyoota addunyaa ji'a dhuftu keessa yaa'ii guddicha dhimma jijjiirama qilleensaa mariyatu COP27 Masriitti qophaaye irratti walarguuf jedhu.
Gabaasni haaraan kun qorannoo dhaabbilee adda addaa 99 ta'anii kan walitti qabe yemmuu ta'u, Dhaabbatni Fayyaa Addunyaafi Yunivarsiitii Koolleejjiin Landanis keessatti argamu.
Jijjiiramni qilleensaa damee Fayyaa Adunyaa silayyuu weerarri COVID-19 miidhe irra dhiibbaa guddaa akkamii geessisaa akka jiru agarsiisaniiru.
Ho'aan walqabatee duuti ilma namaa amma jiru kan barkurneewwan lamaan darbanii harka lama sadaffaan dabaleera.
Guutuu addunyaatti bara 2022 keessa ho'i riikardiidha jedhamebiyyoota akka UK, Paakisataan, Chaayinaafi ardii Awurooppaa keessatti galmaahera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiibbaawwan fayyaa hamaa sababa jijjiirama qilleensaan dhufan keessaa dhibeewwan fayyaa onnee jeeqan, kan sirna hargansuu jeeqan, rakkoon akka heat stroke jedhamuufi fayyaa sammuu hanqisan keessatti argamu.
Qorannoon haaraan kun furmaatni jiraa jedha.
''Qormaatawwan jiran kana keessatti, tarkaanfiin atattamatti fudhatamnaan lubbuu miiliyoonotaa baraaruun akka danda'amu ragaan ifa ta'e jira, madda anniisaa naannoo hin faalletti dafnee fuula yoo garagalchine falli jira.''
Gutarees biyyoota badhaadhan 20 (G20) qilleensa faaluu keessatti gahee dhibbeentaa 80 bahan taajjabaa jiraa jedha. Biyyootni kun hamma aara naannoo faalu qilleensa naannootti gadhiisan xiqqeessuuf tattaaffii godhan dabaluun, gara madda anniisaa haaromsamaniitti ce'uu qabu jedhan.
''Hammuma hirkannaan boba'aafi gaazii uumamaarra jiru to'annoon ala ta'aa adeeme fayyaan dhala anamaa, haalli jireenyaa, bajatni maatiifi diinagdeen biyyaa rakkoo keessa galaa jira'' jedhan.












