Haleellaa mana barnootaa Yugaandaa: 'Faaruun battalumatti gara iyyaatti geeddarame'

Dubartii gaddiitee taa'aa jiru

Madda suuraa, AFP

Ijoolleen mana barnootaa Yugaandaa keessatti Jimaata ajjeefaman haleellaan garee milishoota islaamaatiin osoo irratti hin raawwatiin dura faarfannaa afuuraa faarfataa akka turan dubartiin ollaa sana jiraattu himte..

''Achumaanis iyyan dhagahe'' jette Meerii Maasikaa BBCtti wayita dubbatteetti.

Haleellaa hamaa mana barnootaa Mpondwe irratti raawwatameen namoonni 40 ta'an ajjeefamaniiru.

Haleellaa kanaafis milishoota IS waliin hidhata qabaniitu himatame.

Humnoonni Adda Gamtaa Dimokraatawaa (ADF)n bara 1990mota keessa hundaa'uun Pirezidanti Yoweerii Musevanii isilaamtoota ajjeesa jechuun kan himatan irratti waraana labsan.

Gareen kunis biyya ollaa kan taatee RD Koongoo keessatti bu'urreeffatanii jiru.

Manni Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Mpondwe Lhubiriha Jimaata haleellaan irratti raawwatames daangaatti dhiyaatee argama.

Addee Maasikaa fi namoonni ollaa sanaa kan biraa haleellaa gara sa'aatii tokkoofi wallakkaaf gaggeeffameen nahuu dubbatti.

Akeekkachiisa: Qabiyyee muraasni kan isin naasisu ta'u mala

"Erga yeroo sanaatii asi nyaachuus ta'e rafuu hin daneenye'' jechuun BBC Siwaahiliitti himte.

Barattoonni yeroo hunda osoo gara hirriibaa hin deemiin dura faarsuu hafuuraa faarfatu ture.

Jalqabaratti sagaleen faaruu ijoollee kana adda kute kan dhagahan naannoo sa'aatii 4 gubbaatti ture. Isaanis waan qoosaa jiran seete.

Garuu battalumatti waan hamaan tokko mana barnoota ijoolleen gara 60 keessa jiraatan keessatti akka mudate ifa ta'e.

Hidhattoonni milishootaa kunneenis kutaalee ciisaa barattootaa seenuun ibidda itti qabsiisuun gajaraadhaan barattoota ajjeesan.

Maatiin Mpondwe keessaa tokkoos sirna awwaalcha abbaafi mucaa isaa ajjeefamee Dilabata raawwatan.

Waardiyaan umuriin waggaa 47 Elfaanaas Mbusaa fi ilmiisaanii kan waggaa 17 Maasrakaa Eltoon haleellichaan ajjeefaman.

Ilmisaanii kan biraa kan umuriin waggaa 15 Biriyaan Muhindoo kan mana barnootichaatti barataa ture bakka buuteensaa hin baramne. Ijoollee butamanii fudhataman jaha keessaa haa ta'u ykn kanneen gubatanii adda baasuuf rakkiisaa ta'e keessa haa jiraatu adda hin baafamne.

Hurubaanaa Kimaadii Onesmuus, nama barnootaa ilmiisaanii akka waardiyyaatti hojjataniifi ijoollee akkaayyaa isaanii itti baratan keessa akka itti seenan hubachuun baayyee rakkisaa ta'u BBCtti himan.

''Naannichatti looltoota baayyeetuu ture'' jedhu maanguddoon waggaa 90 kun.

Meerii Maasikaa

Mana barnootichaa keessa waraana baayyeetu ture waan ta'eef BBC suraa gamoowwan gubatanii kaafachuuf daqiiqaa muraasa qofaatu kennameef. Haala baayyee naasiisaa fi gadddisiisaatu mul'ata.

Ala kutaa bultii shamarraniitti ammalleen dhiiga lafatti gugeetu mal'ata. Wayita baqachuuf jedhaniitti itti dhukaafamee kaan ammoo gajaraadhaan ajjeeffaman.

Doormiin warra dhiirootaa cufameera. Riphee loltootaaf saaquu ni dida ykn baakee keessatti itti qollofaniiru ta'a. Milishoonnish gaazii itti naqudhaan gamoo sana guban.

Sireen qaama namootaa gbatee waliin gara sibiila qofaatti geedarameera.

Hurubana Kimadi Onesmus

Aaddee Maasikaan gara dhuma haleellichaatti, naannoo sa'aatii 5:30tti milishoota keessaa tokko karra isheerratti 'hojiicha xumuramu' waahilannisaa yoo gaafatu dhagahu himti.

Jarreen sunis afaan Siwaahiliin waliitti haasaa'aa turan. Itti aansunis ''Allaahu Akbar'' jechuunis Waaqayyoo Guddaadha'' jechaa akka turan kaafti.

Kanaan boodas tokkoonsaa ''Biyya Musevenii bittiinsuun milkoofneerra'' jedha.

Kutaa cisiicha barattootaa gubate

Pirezidantiin biyyattii Musveniin deebii kanaatiif loltota hedduu gara gaarreen Rwenzooriitti kan daangaa Yugaandaa fi DR Koongootti argamuutti akka bobbaasan himan. ''Gochaan shororksaa =, gochaan isaanii hameenyaa kun isaan hin oolchu.''

Naannoon Mpondwe Kirsitiyaanootaafi Islaamtootatu keessa jiraata. Kanneen sirna awwaalcha Dilbataa irratti argaman muraasni uffata aadaa Islaamaa kan uffataniidha.

Sirnni awwaalcha ijoollee haleellaa kanaan ajjeeffamani ammoo gandoota baadiyaa naannichaa keessatti raawwatameera.

Haadha ilmoon jalaa ajjeefame