Koloneel Dammaqaan dhimma egeree Walqaayitii fi himannaa sarbama mirgaa irratti dhiyaaturratti maal jedhan?

Kolooneel Dammaqaa Zawuduu

Adda Dimokiraatawaa Warraaqasa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n qabsoo hidhannootiin Dargii kufisuun aangoo qabachuun erga biyyattii sirna federaalaatiin ijaareen booda, naannoolee gaaffiin eenyummaa keessatti ka’u keessaa tokko lixa Tigraay ykn naannoo Walqaayit.

Walqaayit Xagadee ADWUIn dura kutaa biyyaa Gondar jedhamee beekamu jala kan ture yoo ta’u, waggoota soddomaa as garuu naannoo Tigraay jala galuun lixa Tigraay jedhamuun beekama.

Yeroo sana keessatti ummanni naannichaa yeroo garaa garaatti gaaffii eenyummaa kaasuun hanga Mana maree federeshiniitti iyyata dhiyeessaa turuun himama.

Namoota gaaffii kana adda durumaan kaasaan keessaa tokko kan ta’aniifi miseensi duraanii raayyaa ittisaa, amma ammoo bulchaa Ittaanaan Godina Walqaayiti Xagadee Satiit Humaraa fi Itti gaafatamaa Nageenyaafi Tasgabbii, Kolaneel Dammaqa Zawuduu, ‘‘ummanni Walqaayiitii gaaffii enyummaasaa deebisuuf yaalii kan taasise osoo TPLF qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiruu ture,’’ jedhu.

Hawaasni naannichaa caasaa ‘garaan na hammaateera’ jedhuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa akka ture kan kaasan Koloneel Dammaqaan, ALI Fulbaana 2008 irraa kaasee ammoo haaluma Heera mootummaatiin naannoo Tigraay fi mootummaa federaalaa irraa deebiin akka kennamuuf gaaffilee dhiyeessaa turuu ibsan.

Gaaffii eenyummaa bara dheeraa

“Kan dubbannu Afaan Amaaraati, aadaan keenya Amaara, yaadni keenya Gondari. Kanaafuu aadaafi eenyummaan keenya Gondar waliin malee Tigraay waliin walitti hin hidhamne,’’ jechuun gaaffii kaasaa turan jedhu.

Garuu TPLF yeroo aangoorra turetti gaaffilee hawaasichaa ukkaamsaafi kaan hidhaa ture kan jedhan Koloneel Dammaqaan, Adooleessa 5, 2008tti miseensota koree inni keessatti argamuu qabuuf yaaliin taasifamaa akka turefi mormii ummataatiitti jijiramu yaadatu.

Qoondaalli kun kana haa jedhan malee, qaamoolee kaan ammo sabni Tigree Qimaanti keessaa dhiibbaan irratti raawwatamuun eenyummaa saanii akka geeddaratan taasifamaa jiraachu himatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaa Itoophiyaa keessatti jijjirama cimaa umamee hordofuunis erga mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti waraanni Tigraay Sadaasa 4, 2020tti wayita eegaluutti naannoo Amaaraa naannoo duran irratti falmiin ka’aa ture deebiise to’ate.

Isaan boodas ‘‘haalli yeroo garootti jijjiramuun amma bulchiinsii irra jireessi miseensi koree deebiistoota eenyummaa keessatti himaatan hundeeffamuun naannicha bulchaa jirra,’’ jedhan K/l Dammaqaan wayita BBC Amaariffaatti himaniitti.

Dabalataanis dhimmi Walqaayiiti akka deebii fi beekkamtii seeraa argatuuf mana marii Federeshinii gaafataa jiraachufi baabbichaafis bajanni barbaachisuu akka ramadamuuf motummaa federaalaafi naannoo Amaaraa gaafachu ibsan.

“Hanga naannichaa bulchaa jirra ta’eetti mootummaan dhimma qulleessuu qabu akka qulleessuuf eegaa jirra. Dhimmi eenyummaa kan hangas nama sardu miti. Eenyummaansaa deebii’us hanga ammaatti bajjanni hin kennamne. Bajanniifi eenyummaan adda bahanii jiraachu hin danda’an,’’ jedha.

Naannoon Tigraay garuu ammas qabeenyaa seeraa isaa humnaan jalaa fudhatame ta’u ibsaa jira.

Aanga’oonni bulchiinsa yeroo naannichaas naannoolee humnaa jalaa fudhataman kanneen deebiisiisuun kaayyoowwan duraa keessaa ta’u irra deddeebiin dubbatu.

Ammattis bakki naannoo Amaaraatiin Walqaayitii Xagadee, karaa Tigraay ammo Lixa Tigraay jedhamu kanatti yeroo lolli itti eegaleerraa kaasee kan sarbamni mirga namoomaa cimaa keessatti raawwatamaa jiru ta’u dhaabbilee namoomaattiin irra deddebiin ka’a.

Himannaawwan K/l Dammaqaarratti ka'an

Dhiheenya kanas gabaasa dhaabbanni Humaan Raayiti Woochi baasee irratti, dhalattoonni Tigree hedduun naannichaa humnaan buqqaafamuu, hedduun hidhaarratti akka argamaniifi ajjeechaanis irratti raawwachu ibseera.

K/l Dammaqaan garuu buclhiinsi saanii Tigreen naannichaa buqqaasee akka hin jirree himu.

‘‘TPLF Walqaayitii bulchiinsa Tigraay jala kan galche hawaasa ture buqqaasuun humna hidhate fidee qubachiisuun. Humni hidhate kun ammo waggoota 27’f jiraattoota naannichaa hedduu waan buqqiseefi ajjeesseef wayita waraanni eegalu ofumaan baqatanii deeman,’’ jedha.

“Bara dheeraaf miidhamtoonni nuhi taanee osoo jirruu isaan deebiisanii miidhamtoota ta’anii dhiyaachusaanii ni gaddisiisua,’’ kan jedhan K/l Dammaqaan, fedhiisaanitiin ala waan dhalattoota Tigre ta’anii qofaaf miidhaan kan irra gahuufi kan buqqaafamu akka hin jirree, ammattis dhalattoon Tigree hedduun nagana naannicha keessa jiraataa jiraachusaanii eenyumtu dhaqee ilaaluu danda’a jedhan.

Sarbama mirgootaa naannichatti raawwatama waliin wal qabatee gabaasa dhiheenya Humaan Raayiti Woochi baasee irratti, Kolaneel Dammaqaa enyummaa bu’ura godhachuun yakka raawwatanii jechuun maqaa eeruun himateera.

Himannaa kanaaf deebii yoo qabaatan BBCn kan gaafataman qondaalli kun, ‘‘Ummanni Amaaraa Walqaayiti Xagadee barootaaf badii cimaa yoo irratti raawwatamu akka waan hin argiin bira taraa turanii, amma ajandaa mataasaanii taanaan garuu nama dhuunfaa hanaga himachuu gahusaanii yoon argu, dubbii himtota TPLF malee dhaaba mirgaaf falmu ta’anii hin dhufne’’ jechuun dhaabbaticha loogiin himatu.

Dhaabbatichi sarbama mirga namoomaa naannichatti raawwatamaniiru jedhamaniif isa himachuu kan qeeqan aanga’aan kun, kanaafu himannaa ‘‘isin irratti dhiyaatu mana murtiitti dhiyaachuun ofiif falmachuuf hayyamoodhaa?’’ jedhamuun gaafatamanii ture.

‘‘Ani nama dhunfaati. Mootummaas qaba. Mootummaan na arga. Yoo balleesse haala seeraan nan himatama. Ani garuu hijoo na himachiisuus ta’e kan na yakku hojjadheera hin jidhu,’’ jedhan.

Murtee siyaasaamoo kan ummataa?

Waliigalteen nagaa waraana Tigraay dhaabee erga mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti Afriikaa KIbbaatti mallattaa’een booda, haalli waljalaan gara duraatti deebii’aa kan jiran ta’ulleen, waa’ee naannoolee falmii qaban irratti garuu hanga ammaatti kan ifatti dhagahame hin jiru.

Keessattuu naannoon Walqaayitii/Lixa Tigraay kan Kaaba lixa Itoophiyaa Sudaaniifi Ertiraan wal daangeessuu irratti gaaffiin naannoolee Tigraayiifi Amaaraa ammalleen deebii hin arganne.

Gama Tigraayiin naannichii qabeenyaa Heera mootummaa biyyattiin beekamtii qabu ta’u kaasuun, bakka waraanaan dura tureetti akka deebii’uuf cimsee gaafataa jiru.

Qaamni tibba waraanaatti naannichaa to’annoo ofii jala galchuun amma bulchaa jiru ammo, TPLF waggoota soddoomaan duran bilchiinsa Gondar jalaa humnaan fudhachu kaasuun haalli sararama eddichaa deebiifamee akka ilaalamu barbaada.

Kanaafuu carraan naannoo kanaa ittaanu maal ta’u mala? Murtee ummataa? Ykn murtee siyaasaa?

Murteen ummataa ‘‘barbaachisaafi dhugaadha jedhee yaadna’’ kan jedhan qondaalli kun, ‘‘Walqaayiti kan human Tigraay jala galfame waan ta’ef, seeraafi seenaan qullaa’ee deebiin seeraa nuuf kennama jenneeti eegna,’’ jedhan.

Itti dabalunis, ‘‘Nuti gaaffii keenya seera bu’uureeffachuun gaafanne. Dhimmichi ija seeraatiin ilaalamu qaba. Gaafataa kan jirruus gaaffiin eenyummaa keenyaa akka deebii argatuuf qofaa osoo hin taane, badii hanaga ammaatti raawwatameefis neenyaa gaafanna,’’ jedha.

Badiiwwan raawwatamaniifi itti gaafatamummaa

Aanga’oonni Naannoo Tigraayiifi dhaabbileen mirgaaf falaman kaan akka jedhaniitti garuu, waggoota lamaan darban keessa dhalattoota Tigraay naannichaatti argaman irratti sarbamoonni mirgaa olaanaan raawwatameera.

Haaluma walfakkaatun ammo Koreen deebiisaa eenyummaa Walqaayitas waggoota darban keessa jiraattoota irra badiiwwan adda addaa raawwatamu kaasuun, tarkaanfiin haalawwan sana fayyiisan fudhatamu qabu jedha.

Gama lamaaniiyyuu badiiwwan raawwatameef itti gaafatamummaa akka jiraatuuf kan gaafatan yoo ta’u, Konoleen Dammaqaanis, ‘‘gaafii eenyummaa keenyaan alattis namoonni ummata keenyarratti badii sanyii raawwanataniif dhiibbaa sammuu qaqabsiisan gaafatamu qabu,’’ jedhan.

Gaaffii kanaaf furmaanni waaraa kan argamu ammo, ‘‘qaama tokko gammachiisuu murtee karaa gabaabaatiin kennamuun osoo hin taane, haala heera mootummaafi seera mana maree federeshiinii hirdofeen akka ta’u’’ barbaadu.

Kana malees, ‘‘murtee siyaasaa kennuun akka lammii Itoophiyaatti umannii Tigraayiifi Amaaraa attamiin waliin jiraachu qabu kan jedhurratti furmaanni osoo barbaadame wayya,’’ jedhu.

Waraanni ka’u hordofee dhalattoonni Tigraay hedduun naannichaa buqqa’aniiru. Waliigalteen waraanicha dhaabeen ammo dhimmoota xiyyeeffannaan kennameef keessaa tokko, namoonni qee’esaaniirra buqqaafaman gara qe’eesaanii haa deebii’an kan jedhuudha.

Koloneel Dammaaqaan ‘‘lammiin Itoophiyaa buqqaafame hin deebii’iin jedheen hin mormiinu, garuu buqqaafamaa kami? Kan jedhu ilaalamu qabaata’’ jedhu.

Buqqaatoonni deebii’uufis dhimmoonni dursa raawwatamu qaban jiraachu kaasu. ‘‘Gaaffii ummataa Walqaayitiif beekamtii kennuufi kanneen badii raawwatan ittigaafatamaa ta’un gara araaraatti geessuu danda’a. Isaan alatti murteen fudhatamu garuu walitti bu’iinsa cimaatti geessa jedheen yaadda’a’’ jechuun ibsan.

Mariif carraan jiraa laata?

Erga Pirtooriyaatti waliigalteen mallataa’ee booda dhimma naannichaa ilaalchisee naannoo Amaaraa irraas ta’e mootummaa federaalaa irraa gaaffiinis ta’e yaadni furmaataa dhiyaateef akka hin jirre ibsan K/l Dammaqaan.

Dhimmichi seeraan furmaataa akka argatuuf akka barbaadan kan dubbatan qondaalli kun, naannichi irra jireessaan eenyu jala ture? Attamiinis sararame? Kan jedhu qoratamu akka qabu kaasu.

Mootummaa federaalaan ta’ee naannoo Amaaraafi Tigraayiin dhimmi naannichaa seeraan deebii hanga argatuutti haala heera mootummaatiin bulchiinsa Tigraay jala haa turu jedhamee yoo murtaa’e ni fudhattuu? Jedhamuun gaafatamanii, filamaata hin taaneedha jechuun kuffiisaniiru.

‘‘Haala waliigaltee nagaa Piitooriyaatiin Walqaayiti Xagadeen bulchiinsa naannoo Amaaraa jala akka turu hubanna. Heera mootummaatiin kan deebiifamu dhimma eenyummaatii malee bulchiinsi akkuma jiruutti itti fufa. Amma nuu galeetti, waliigaltichi naannooleen mormiin irratti ka’u bulchiinsa jala jiraniin turu qabu’’ jedhan jedhanii amanu.

Duraan TPLF naannicha human of jala galche kan jedhan qondaalli kun, amma ammo isaan dabaree saanitiin waraani ka’u hordofee of jala oolchaniiru. Humaan fayyadamuun kun dhaabachu kan danda’u attamiin laata?

‘‘Dhugaadha TPLF humnaan qabatee tureera. Ummanni mirgasaa wayita gaafatuutti ajjeessaafi balleessaa tureera. Nutis humnaan qabanneera. Garuu ammo akkuma humnaan qabanneetti ittaafufnu hin jenne. Dhimmichi seeraan haa furamu jennee gaafataa jirra,’’ jedhu.

Kanaafuu rakkoon jiru araaraan ykn karaa biraatiini yoo furame, ‘‘dhimmi bulchiinsaa fi eenyummaa garuu seeraan xumuramu qabaata,’’ jechuun waraanaan wanti argamu akka hin jiraanne ibsu.

Kanaafuu bulchiinsa Tigraay waliin dubbachuuf fedhii akka qaban BBCn kan gaafataman K/l Dammaqaan, ‘‘dhimmi keenya dhumu kan danda’u mariifi waliin dubbachuun. Humnaan kan dhumu hin jiru. Nu qofaas osoo hin taanee ummanni Walqaayitiifi Amaaraa martis mari’achu qabaata,’’ jedhan.

Akkasuma ummanni Amaaraafi Tigraayis waliitti dhufee waliin ma’iachu akka qabu kan kaasan qondaalli kun, ‘‘dhimmi keenya mariin ala ni furama jennee hin yaadnu. Qaama kamu waliin mari’achuuf qophiidha’’ jechuun BBCtti himan.