Gabaasni HRW fedhii siyaasaa addaa milkeessuu waan kaayyeeffateef fudhatama hin qabu -Mootummaa

Hasxaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Madda suuraa, Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Walitti bu'insi Kaaba Itoophiyaa ture bakka baayyee kan miidhe ta'ee osoo jiruu haala adda ta'een bakka murtaa'e filachuun irra deddeebiin gabaasa qopheessuun ajandaa mirga namoomaatiin dahatamee ergama siyaasaa addaa milkeessuuf kaayyoo kan godhatedha jechuun mootummaan Itoophiyaa gabaasa Huuman Raayits Waach (HRW) fudhatama hin qabu jedhe.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Kibxata baaseen, gabaasni HRW torban darbe kutaa biyyattii tokko tokko keessatti sarbamni mirgoota namoomaa gurguddoo ta'an raawwatamuu ibsu baase kan bu'uura hin qabnedha jedheera.

"Qabiyyeen gabaasa sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaniiru jechuuf dhiyaate yeroo ilaalamuttis qorannoon sirrii kan hin taasifamneefi ragaa gahaa ta'een kan hin deeggaramne ta'uu isaarraa kan ka'e kan amanamu miti," jedheera ibsi kun.

Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu, HRW, naannoo falmisiisaa Lixa Tigraay keessatti waliigaltee nagaatiin boodas yakki saba dhabamsiisu [ethnic cleansing] itti fufeeraa jechuun ture gabaasa kan baase.

HRW qorannoo ji'ootaaf gaggeesseera jedheen bakka humnoonni Amaaraafi Tigraay naaf mala jechuun irratti wal-falman Lixa Tigraay keessatti kanneen yakka saba dhabamsiisuu raawwachaa turan erga waliigaltee nagaa Piriitooriyaatiis ''gocha isaaniin itti fufaniiru'' jechuuni ibsee ture.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa garuu gabaasni jaarmiyaan mirga namoomaa kun dhiyeesse kan sirrii hin taaneef waa lafarra jiru kan hin ibsinedha jechuun, duudhaa waliin jiraachuu uummata barootaaf waliin ture cilee kan dibuufi walitti bui'nsa kan kaakaasudhallee jedheera.

Kana malees, adeemsa araaraafi marii biyyattiin itti jirtullee gufachiisuu keessatti dhimmaa hin baasne gabaasa ta'edha jedheera ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walitti bu’insi Kaaba Itoophiyaatti ture naannolee Affaar, Amaaraafi Tigraay keessa kutaalee hawaasa gara garaa jiraatan irraas miidhaa kan geessise ta’uun osoo beekamuu jaarmiyaan kun bakka tokko adda baasanii filachuun gabaasa baasuun sirrii miti jedheera mootummaan.

Keessumaa gabaasni kun yeroo biyyattiin adeemsa araaraa bifa guutuu ta’een hojiirra olchaa jirtutti waan ta’eef ajandaa dhoksaa biyya keenyarratti deemsisuuf hawaasni idil-addunyaa ilaalcha dogoggoraa akka qabaatu gochuuf hojjechaa akka jiru agarsiistuudha jedhe ibsichi.

Lixni Tigraay erga waraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee harka humnoota Amaaraa jira.

Naannoon kun lafa qonnaa saliixiifi kaaniifis mijataa ta'e bal'aa kan qabu yoo ta'u, humnoonni siyaasaa Amaaraa naannichi bulchiinsa Tigraay jala kan gale bara bulchiinsaa TPLF, humnaafi tooftaadhaan jechuun abbummaa lafichaaf falmu.

Mootummaan naannoo Amaaraa Hagayya keessa waayee Lixa Tigraay keessaa bahuurratti yaada kenneen ''bakkeewwan kunneen humnaan kan nurraa fudhatamaniidha. Amma eenyummaa isaa deebiifachuuf qabsoo godheen ummanni bilisummaa isaa labsateera. Amma nagaan jiraachaa jira,'' jedhee ture.

Mootummaan federaalaa humnoota Tigraay waliin waliigaltee nagaa erga raawwatee hiree lafa Lixa Tigraay irratti ejjennoon qabu humnoota Amaaraa hin gammachiisu.