Namoonni Yugaandaarraa 'bara dhumaa' baqachuun Itoophiyaa seenanii turan biyyatti deebifaman

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Yugaandaa guyyaa dhumaa baqachuun Kibba Itoophiyaa naannawa Nyaangaatoom qubatanii turan kan jedhaman miseensoonni waldaa tokkoo baatiiwwaniin booda gara biyyasaaniitti akka deebi’an taasifaman.
Namoonni miseensoonni waldaa tokkoo fi lakkoofsaan 80 ta’an, gara Itoophiyaa deemuun akka nyaata lagachuun soomarra turaniif paastariin isaan amansiisuu aanga’oonni Yugaandaa dubbatan.
Hordoftoonni amantichaa kunneenis yoo guyyaa 40’f sooman ‘‘Kiristoos waliin wal agartu’’ jedhamuu ibsan jedhame.
Wayita ammaatti humni poolisii Yugaandaa, paastarii Saayiman Opooloot jedhamu to’achuuf yaalii taasisaa jira.
Namoonni Aanaa Sereree kan kutaa bahaa Yugaandaatti argamu irraa ka’un fageenya dheeraa qaxxaamuruun kibba Itoophiyaa qabatanii turan kanneenis, waa’ee baayyina isaaniifi kaayyoo imalasaanii irratti ragaalee adda addaatu bahaa ture.
Namooni kanneen ergama amantaatiif gara Itoophiyaa dhufan kan jedhan kan jiran yoo ta’u, kanneen baqannaa guyyaa dhumaatiin kan wal qabatuudha jedhanis jiru.
Gama biraatiin ammoo namoonni kunneen ganda Yugaandaa keessaa akka tasaa baduunsaanii tarii harka namoota karaa seeraan alaa nama dadabarsaniiru yaaddoo jedhu uumee ture.
‘Baqannaa guyyaa dhumaa’
Imala namoota kanaa ilaalchisee gabaasaaleen duran bahaa turan akka eeraniitti, lammiileen Yugaandaa 250 ta’aniitu guyyaa dhumaa baqachuun Itoophiyaa seenusaanii ture.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasaadar Mallas Aalam lammiileen Yugaandaa dhibbaan lakkaa’aman ‘‘guyyaa dhumaa baqachuun’’ naannoo Kibba Itoophiyaatiin gara biyyattii seenuun bakka Nyaangaatoom jedhamuutti argamu jedhe ture.
Ambaasaadarichaan alattis miidiyaaleen Yugaandaas akkasuma imalli namoota kanneenii kan guyyaa dhumaatiin wal qabate ta’u bal’inaan gabaasanii ture.
Ergamni imalichaa dhimma amantaati
Gama biraatiin ammo daa’immaniifi dubartoota dabalatee lammiileen Yugaandaa Itoophiyaa seenan 277 ta’usaanii ibsuudhaan, namoonni kunneen gara Itoophiyaa kan dhufan kadhannaadhaaf malee guyyaa dhumaa baqachuun miti jechuun BBCtti himanii kan turan Bulchaa Ittaanaa Aanaa Nyaangaatoom, Obbo Lookiinyaaniigaa Murlee turan.
Lammiileen Yugaandaa kunneenis yeroo sanatti kutaa keessuummaan itti simatamu bataskaanaa fi maneen namoota dhunfaa keessa boqachiifamu saanii ibsuun, kanaan duras namoonni afaan tokko dubbatan Keeniyaa Turkaanaa, Sudaan Kibbaa fi Yugaandaa irraa dhufanii akka turan dubbatan.
Kana malees dubbi himaan Waldaa Aadaa Waloo naannoo namoonni kunneen jiraatanii, Gaabiri’eel Opooloot akka jedhaniitti, namoonni badan jedhamanii 273 kunneen hawaasa Keeniyaafi Itoophiyaa waliif firooma akka qaban amanan bira ergama nagaafi amantaatiif imalan jedhan.
‘Sooma guyyaa 40’
Baatii Guraandhala 2023 irraa kaasee waa’een imala namoota kanaa baayyee mata dure ijoo ta’ee erga tureen booda amma 80 isaanii gara Yugaandaatti deebii’unsaanii dhagahameera.
Jarreen kunneenis Yugaandaatti miseensoota bataskaana Christ Discipline Church jedhamu ta’u isaanitu himame.
Baadiyaa biyyattii irraa ka’un fageenya kilomeetira 50 qaxxaamuruun Kibba Itoophiyaa gahun isaanii kan himame namoonni kunneen, erga gara biyyasaaniitti deebii’aniin boda waan isaan mudateera jedhan aanga’oota biyyasaaniitti himaniiru.
Namoonni kunneenis paastariin isaanii Opoloot jedhaman ‘‘Osoo addaan hin kutiin guyyoota 40’f yoo sooman guyyoota 14’f keessatti Iyyasuus waliin wal agartu jechuun itti himeera,’’ jechuun dubbii himaan Ministira Dhimma biyya keessoo dubbataniiru.
Dubbi himaan Obbo Saayiman Mundeenii, ‘‘Ulaagaansaa Iyyasuu waliin wal arguudha. Sun akka ta’uf ammo Itoophiyaatti argamu qabu ture. Akka isaaniitti (paastarichaatti) yoo ta’e,adduunyaan battalumatti baddi’’ jechusaanii Daily Monitoring gabaase.
Lammiileen Yugaandaa kunnee Itoophiyaa seenu isaanii aanga’oonni erga hubataniin booda akka gara biyya saaniitti deebii’aniif haalli hanga mmijeeffamuufiitti deeggarsi taasifamaafii akka ture AFPn gabaaseera.
Dubbii Himaan Minsiteera Dhimma Biyya keessoo Yugaandaa, gareen barsiiftootaafi hojjattoota mootummaa of keessaa qabu kun nyaataa gahaa malee gara Itoophiyaatti waan imalaniif kan baayyee dadhabanis turan jedhaniiru.
Namoonni kunneen attamiin gara Itoophiyaa akka seenaniifi gara Yugaandaattis geejjiba akkamiiniitii akka deebii’an ilaalchise kan jedhame hin turre.












