Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon mormii mudate hordofee kaabinee isaanii hunda ari'an

Madda suuraa, Getty images
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon abbaa alangaa waliigalaa biyyattii dabalatee ministerota isaanii hundaa hojiirraa gaggeessan.
Kun mormii dhiyeenya dargaggoota biyyattii irraa isaan mudate hordofee tarkaanfii fudhatamedha.
Hojii isaanii irratti kan hafan Musaaliyaa mudavaadii Ministera Dhimma Alaa biyyichaa qofadha.
Mormiin dargaggoota Keeniyaa Ruutoon akka wixinee faayinaansii haaraa qopheessan deebisanii haqan taasiseera.
Pirezidaantichi tarkaanfiin kun ''lammiilee Keeniyaa dhaggeeffachuu, hubachuun kan fudhatamee fi jijjiirama kaabinee keessatti fiduuf taasifamedha'' jedhan.
Mootummaa hunda galeessa deebisee hundeessuuf marii bal'aa akka gaggeessu hime.
Kaabinoota isaa hunda haa ari'an malee itti aanaa pirezidaantii biyyichaa garuu hin dabalatu.
Ruutoon kaabinoota isaa haaraa yoom akka muudu hin ibsine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu ''paartiilee siyaasaa adda addaa, lammiilee Keeniyaa dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa keessa jiran akkasumas hawwaasa waliin mari'achuun qaba'' jedhan.
Ruutoon aangoo qabatanii waggaa lama osoo hin guutiin tarkaanfii kana fudhatan. Biyyattii keessatti tarkaanfii akkasii kan baratame tahuu baatus dheekkamsa uummataa dhaggeeffachuun deebii akak kennan ibsaniiru.
Isa dhumaaf Keeniyaatti kaabineen hundi hojiirraa kan gaggeeffaman bara 2005 yoo tahu pirezidaantii yeroo sanaa akn turan Miwayi Kibaakii heera haaraa qophaa'ee sagaleen irartti kenname irratti waan mo'amaniif tarkaanfii akkasii fudhatan.
Ruutoon dhiibbaa siyaasaa jala kan jiru yoo tahu dargaggoonni mormii jalqaban ammas itti fufaniiru. Trakaanfii kana garasitti namootni qabeenya mootumma qisaasessaa turanii fi malaammaltummaan himataman akka itti gaafataman barbaadu.
Kaan ammoo pirezidaanti Ruutoonis akka aangoo gadhiisanbarbaadu.
Torban darbe Ruutoon dhaabbilee mootummaa keessatti baasiin jiru akka hir'atuuf tarkaanfii hedduu fudhachuu ibsan.
Isaan keessaa imala gara biyya alaatti kaabinootni isaanii taasisan akka xiqqaatuu fi dhaabbatu, baajatni giifti duree akka dhaabbatuu fi kaanis keessatti argamu.
Dabalataan daballii miindaa kaabinoota isaa fi miseensota paarlaamaaf qophaa'ee ture akak dhaabbatu murteessaniiru.
Qaala'insa jireenyaa to'achuu dadhabuu fi malaammaltummaan dhimma ijoo biraa biyyichatti mormii kaasedha.












