Paarlaamaan Keeniyaa gibiraa daabboo mormii guddaa kaase akkamiin kufaa godhe?

Mormitoota Keeniyaa

Madda suuraa, AFP

Labsii gibiraa mootummaan Keeniyaa zayita nyaataafi daabboo dabalate omishaalee adda addaarratti qopheesse mormii guddaan isa mudachuu booda Paarlaamaan biyyattii kufaa godhe.

Labsiin mootummaan qopheesse (Finance bill) omishaalee akka daabboo irrattii daballii hanga dhibbeentaa 16 kan fidu ture.

Wixineen labsii kanaa paarlaamaa biyyattiitti erga qajeelfamee booda mormii guddaa lammiileen biyyattii onlaayiniifi qaamaan guyyootaaf gaggeessaa turan.

Kibxata Guraandhala 18/2024 namoota mormii gageessisuuf paarlaamaa biyyattii fuulduratti argaman bittimsuuf Poolisiin aara imimmaanessu yeroo dhukaasu, miseensonni paarlaamaa ammoo dhimmicharratti murtee kennuuf marirra turan.

Mormii kanarratti ogeeyyii seeraa dabalatee namootni hedduun to'annoo jala oolaniiru.

Filannoo pirezidantummaa bara 2022 gaggeeffamee kan injifatan Wiliyaam Ruutoo erga aangoo qabatanii liqaa biyyattiirra jiru doolaara biliyoona 80 deebisuufi carraa hojii uumuuf jecha tarkaanfilee gibira dabalan adda addaa hojiirra oolchaniiru.

Sababa kanaatti mormitoota isaaniin moggaasni ''Zakkiyoos'' jedhu kennameeraaf. Zakkiyoos kitaaba qulqulluu keessatti nama gabaabaa doqna ta'ee gibira sassaabuudha.

Maqaan kun kan mogga'eef wayita duula filannoo gaggeessan waadaawwan galan boodatti jechuun gibira adda addaa seerawaa gochuu isaaniifi.

Keeniyaan erga pireezidantummaa Ruutootii sadarkaa idila addunyaatti dhageettiin qabdu dabaleera. Ammoo lammiileen biyyattii jireenyi ulfaataa ta'e jechuun isaan qeequ.

Mormii Kibxataan sagaleewwan ''Ruutoon aangoorraa haa ka'u'' jedhan dhagaahamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mormii kana gidduutti walitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota faayinaansii bakka pireezidant Ruutoon jiraniti wixineen labsii gibiraa kana keessaa gibirri dabboo, zayita nayaataa, gibira qabeenya konkolaataa fi kaanis akka haqamu murteessuu miidiyaaleetti himan.

Walitti qabaan koree kanaa Kuriyaa Kimaanii wixinee labsii kanaa ilaalchisee yaada uummataa walitti qabuun, yoo labsame uummatatti jireenya ulfaataa godha jechuun sababa kufaa godhaniif ibsaniiru.

Wixineen labsii gibiraa kun gatii daabboo, ziyata nyaataa, konkolaattotaa fi daddabarsa maallaqaa gama moobaayiliin godhamurratti gibira dabaluuf ture.

Labsiin kun hojiirra yoo oole gati daayiparii, moodeesii, koompiitaraa fi moobiyaala hedduu qaaleessa jedhameera.

Labsiin kun wantoota keessaa hambisuu qabu eeruun, gibirri meeshaalee alaa galan irratti kaahamu akka jiraatu ibsaniiru.

Pireezidant Ruutoon labsiin kun akka fooyya'u ajajamuu hordofee wanti jedhan hin jiru. Ruutoon amma dura lammiileen biyyattii gibira dabalaa kaffaluuf akka qophaa'an dubbatanii ture. Hamma gibiraa kaffaluun irra jiru kaffalaa akka hin jirres himan.

Zakkiyoos isa gibira sassaabu waliin fakkeeffamuun isaaniis badaa akka isaan hin yaachifne dubbataniiru.