Baayidan Keeniyaadhaan 'michuu jabduu miseensa NATO hin taane' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin US Joo Baayidan gita isaanii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Waayit Haawusitti erga simaatnii booda haasaa godhaniin, Keeniyaa ''michuu jabduu'' US jechuun labsan.
Keeniyaan maqaa kana argachuun biyya miseensa NATO hin taane Ameerikaan akkasitti ibsite biyya Sahaaraa gadii keessaa kan jalqaba taate.
Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waggoota 15 booda duree biyya Afrikaa waamicha kabaja olaanaaf gara Waayit Haawas imalan kan jalqabaati.
Jilli Ruutoo bakka pireezidantiin duraanii biyyattii Baaraak Obaamaafi Biil Kiliintan argamanitti pireezidant Baayidan waliin sagantaa irbaataa ho'aarratti argamaniiru.
Daawwannaan hiika hedduu qabu kun wayita dhiibbaan Raashiyaafi Chaayinaa Afrikaarratti cimaa dhufetti ta'e.
Mootummoonni naannoo Saaheeliifi Lixa Afrikaa fonqolcha waraanaa jalatti kufaniiru. Kun ammoo hariiroon biyyoonni kun warra Lixaa waliin qaban akka adda citu ykn hafu sababa ta'eera.
Gariin waraanota fonqolcha raawwatanii ammoo Raashiyaa waliin michuummaa tolfataniiru.
Keeniyaan sadarkaa michuu jabduu miseensa NATO hin tanee argachuun Waashingitan waliin walta'iinsa nageenyaa jabaa akka qabaattu, meeshaalee waraanaa ammayyaas akka argattu hiree kennaaf.
''Kun ta'uun agarsiistuu galma gahiinsa hariiroo waggootaati'' jedhan Baayidan ibsa Kamisa darbe kennan keessatti.
Mootummaan Keeniyaa ibsa imala pireezidant Ruutoorratti baasee tureen ''Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessanii fi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisa,'' jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa US'tti daayireekatara dhimmoota Afrikaa kan ta'an Firaansiis Biraawoon yaada VOA'f kennaniin sababoota Keeniyaan filannoo bulchiinsa Baayidan taateef yoo ibsan ''Inni duraa hariiroon Keeniyaa- US dhimmoota qaxanaarratti xiyyeeffachuurraa gara dhimmoota idil-addunyaatti guddateera,'' jedhan.
Keeniyaan Baha Afrikaa keessatti keessumaa gama nageenyaan michuu amanamtuu US taateetti. Yukireen Mooskoorra akka aantuuf hidhannoo akka jabeeffattu gochuuf duula godhamu keessatti ni hirmaatti.
Gama kaaniin US biyyoota AFrikaa biroo keessatti dhiibbaan qabdu laafaa adeemaa jira.
Torban kana keessa Peentagoon loltootni biyyattii 1,000 ta'an Fulbaana dhufutti guutummaatti Nijeer keessaa akka bahan ajajeera. Sababni ammoo walta'iinsi nageenyaa cabuudha.
Nijeer erga mootummaan filannoodhaan aangoo qabate fonqolchaan aangoo gadhiisee booda Raashiyaafi Iraanitti michoomaa jirti.
Wanti biraan US michooma Keeniyaa akka cimsitu godhe ejjennoo Nayirobiin nagenya Heeyitiirratti qabatteedha.
Keeniyaan dhiyoo Poolisii kuma tokko Heeytiitti erguuf murteessiteetti. US dhimma nageeny Heeyitiif doolaar miiliyoona 300 ramaddee hojjechaa jirti.
Bara darbe keessa pireeezidant Baayidan dureen biyya Sahaaraa gadii bilbilaan dubbisan Ruutoo qofa. Innis waayeedhuma biyya Kaaribiyaanii kanaa ture.
Baayidan haasaa isaanii keessatti ''walta'iinsi farra shororokeessummaa irratti qabnu Baha Afrikaa keessatti ISIS fi Al-Shabaabiin laamshesseera,'' jedhan.
Tumsi Keeniyaan Yukireenif gaatu kan Heeyitiifis taasisaa jirtu ''rakkoo nageenyaa fi tasgabbii dhabuu xiqqeessuuf karaa saaqaa jira,'' jedhan.
Ruutoon gama isaaniin ''Keeniyaafi Afrikaan michuu jabduufi murannoo qabdu qabdi'' jechuun US jajaniiru.
Michuu jabduu US miseensa NATO hin taane (major non-Nato ally) isa jedhamte Kongireesiin biyyattii yoo raggaase Keeniyaan biyya hiree akkasii argatte 19ffaa taati.












