Bulchiinsi Baayiden waamicha 'kabaja olaanaa' Afrikaa isa jalqabaaf maaliif Keeniyaa filate?

Madda suuraa, AFP
Bulchiinsi Pireezidant Joo Baayidan yeroo duraaf waamicha kabaja olaanaa (State Visit) biyya Afrikaaf yoo qopheessu, hiree kana kan argatte ammoo Keeniyaadha.
Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waamicha kana hordofee gara Ameerikaa imalaniiru.
Pireezidant Rutoon yaa'ii waloo Kongireesii Ameerikaarrattis haasaa akka godhan eegama.
Mootummaan Keeniyaa imala Ruutoo ilaalchisee ibsa baase keessatti ''tarkaanfii seena qabeessa'' jechuun hariiroo biyyoota lamaanii waggoota 60f ture gara sadarkaa olaanaatti kan siqsu ta'uu ibse.
Erga bara 2018 biyyootni lameen hariiroo isaanii gara sadarkaa ''walta'iinsi tarsiimawaatti'' ol guddisisuus beeksise.
Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessaniifi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannoo Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisaa jedha ibsi imala Ruutoorratti kenname.
Imallisaanii bulchiinsa Dimookarsii fi dinagdee, walta'iinsa eegumsa nageenyaa, daldalaa fi Investimeentii, walta'iins teeknoolojii dijitaalaa irratti akka xiyyeeffatus ibse.
Ruutoon turtiisaanii guyyaa lammaffaa qabateen hawaasa Keeniyaa achi jiraatu akkasumas dhaabbilee gara garaa waliin dubbachaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa maxxansaniiru.
''Keeniyaa jechuun biizinasa jechuudha. Dhaabbileen daldalaa idila addunyaa hariiroo Keeniyaa-US waggoota 60 jabeessuuf waamichan isiniif godha'' jedhan.
Bu'uura dimookarsiirratti ijaaramuu fi bilisummaan jirachuu ibsuun dhaabbileen Keeniyaa dhufan akka hin kasaarre ibsan.
Keeniyaan Baha Afrikaa keessatti tasgabbii qabaachuun hojii dadalaaf filatamaa kan dhufte taatus, biyya liqaan Chaayinaa itti cimaa jiruudha.
Rooyitarsi sababoota ijoo US daawwannaa ''kabaja olaanaa'' Keeniyaaf qopheessiteef keessaa ijoon dhiibbaa Chaayinaan Afrikaa keessatti qabaachaa jirtu dura dhaabbachuufi jedha.
Ibsa waloo Ruutoofi Baayidan ni kennu jedhamee eegamu keessatti ykn ammoo mariisaanii keessatti liqaa dhiisuufiin ykn yeroo boqonnaa kennuufiin wantoota ni ta'u jedhaman ijoo keessaa akka ta'es gabaaseera.
Keeniyaan Heeyitiitti Poolisii erguuf murteessiteetti. Dhimma Heeyitii, Yukireeniifi Sudaan irratti mariin akka godhamu eegama.

Madda suuraa, William Samoei Ruto(FB)
Baayidan maaliif Keeniyaa filatan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana Maree Nageenya Biyyaaleessaa US tti daayireekatara dhimmoota Afrikaa kan ta'an Firaansiis Biraawoon yaada VOAf kennaniin sababoota Keeniyaan filannoo buclhiinsa Baayidan taateef ibsaniiru.
''Inni duraa hariiroon Keeniyaa-US dhimmoota qaxanaarratti xiyyeeffachuurraa gara dhimmoota idila-addunyaatti guddateera...wantoota jijjiirama qilleensaarratti, liiqaa biyyoota guddachaa jiraniif kennamufi nageenyarratti hojjennuuf nu barbaachisu'' jedhan.
Inni kan biraan biyyootni lameenuu ''dimookraatawoo ta'uu'' fi hariiroo uummatoota lamaanii giidduu jiru ta'uu dubbatan.
Keeniyaan gara Heeyitii Poolisii erguu ejjenno qabattetti. US gammachuu qabaachuu kan himan qondaalli kun, ''Keeniyaa ergama nageenyaa idila addunyaa keessatti hirmaachuuf harka olkaasuushee faaraan simanna'' jedhan.
US hojii nageenyaa Heeyitiif doolaara miiliyoona 300 ramadddee hojjecha jirti. US kun waan guddaa ta'uu himti.
Sochii al-Shabaabiifi haala Nageenyaa Somaaliyan walqabatees Keeniyaan USf barbaachiftuu ta'uu Firaansiis Biraawun dubbataniiru.
''Dhimma Somaaliyaarratti US fi Keeniyaan yeroo dheeraaf waliin hojjetaa jiru. dhimma nageenyaa ilaalchiseee dhimmaa Somaaliyaatiin olittuu wanti ifa godhamu ni jiraata'' jedhan.
Walumaagalatti Keeniyaan biyyoota Baha Afrikaa keessaa diinagdee fi teeknoolojiin jabduu ta'uun tarsiimoo US naannoo kanatti adeemsiftuufu mijattuu ta'uu dubbatan .
Kiraa Xiyyaara qaalii imala Ruutoo US qeeqa kaase

Madda suuraa, State House Kenya
Pireezidant Ruutoon daawwannaa hojii seena qabeessa ta'eef gara US yoo imalan xiyyaarri kireeffatan kan gatii qaaliiti jedhamee qeeqa irratti kaaseera.
Mootummaan biyyattii ammoo gatiin xiyyaarra jilli Ruutoo gara US ittin imalan bu'aasaan argamsiisaniin yoo walbira qabamu lafaafi samiidha jedhee qeeqa ka'e busheesse.
Dubbii himaan mootummaa Ayiizaak Maawuraa yaada BBCf kenneen ''bu'aan daawwannaa kanarraa argamu harka miiliyoona heduun baasii kana caala'' jedhe.
Miidiyaan biyyattii KTN xiyyaarri qananii jila Pireezidant Ruutoof kireeffame doolaara miiliyoona 1.5 ta'uu gabaaseera.
Ruutoon waggaa 16 booda waamicha kabajaa mootummaan US bulchaa biyya Afrikaa tokkoof goote kanarratti hirmaachuuf xiyyaara pireezidantii dur ittiin imalan, ''Harraambee Waan'' jedhamu dhiisanii kaampanii RoyalJet jedhamu kan teessoon isaa Dubaay ta'eerraa xiyyaara qananii kireeffameen imalan.
Embasiin US Keeniyaatti argamu gatii kiraa xiyyaara kanaa akka hin baasne beeksiseera.
Pireezidant Ruutoon haadha warraa isaanii dabalatee namoota biroo 30 ta'n waliin Wiixata darbe Atililaantaa Joorjiyaa qubatan.
Kamisa boruu Baayidan waliin Waayit Haawus keessatti ni mariyatu, affeerraan irbaataas ni godhamaaf.












