Pireezidant Ruutoo dhorkaa jimaarra kaahame shaaran

Madda suuraa, AFP
Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo dhorkaa falmisiisaa fayyadama jimaa ykn kan afaan biyyattiin muguka jedhamurratti kaahamee ture shaaran.
Biyyattiin jimaa ykn 'miiraa' irratti dhorkaa kan keesse baalli sammuu mirqaansu kun rakkoon fayyaa sammuu akka babal'atu, amallii hawaasaa badaan akka hammaatuufi yaakki akka babal'atu sababa ta'eera jedhameeti.
Bulchitootni kaawuntiiwwan biyyattii sadii gara qarqara galanaa jiran jimaan akka hin gurguramne fi namnis akka hin qamaane torbee darbe dhorkanii turan. Dhorkaan kun ammoo naannolee jimaa oomishan biratti dheekkamsa kaaseera.
Pireezidan Ruutoo ibsa Wiixata baasaniin omishni jimaa seera qabeessadha, gurgurtaanisaas dhorkamuu hin qabu jedhan.
Jimaan bulchiinsota akka Mombaasaa, Kiliifii, Taayitaa Taveetaa fi Kiwaalee keessatti hedddumminaan fayidaarra oola.
Torban darbe keessa bulchaan Mombaasaa Abduulsamad Shariif Naasir keessumaa dargaggoota miidha jechuun, jimaan akka hin geejibamne, hin gurguramnee fi hin nyaatamne dhorkan.
Namootni rakkoo xiinsamuurraa bayyanachuuf gidduugaloota keessa jiran harki walakkaa ol warra araada jimaa qabaniidha jedhan Aab Naasir.
Haaluma walfakkaatuun bulchiinsota Kiliifii fi Taayitaa Taveetaa jimaarratti tarkaanfii akka fudhatan labsan.
Kana hordofees kaawuntiin jimaa omishuun beekamtu Embuu keessatti dheekkamsa hojiin daldalaa keenya cufame jedhu kaaseera.
Wiixata darbe pireezidant Ruutoon omishootoota jimaa Embuu waliin wayita mariyatan dhibdee dhimma jimaarratti ka'e akka furan dubbatanii ture.
''Muguukaa(jimaa) seera biyyaalessaan hayyama argatee jira, seerriifi ajajni kamuu seera biyyaalessaa kanaan faallaa ta'e fudhatama kan hin qabneefi kufaadha'' jedhan Ruutoon ibsa waajira isaaniirraa bahe irratti.
Akka pireezidantichi jedhanitti jimaan labsii omishaalee bara 2013 fi 2023 baheen seera qabeessa jedhameera.
Inumaa omisha jimaa kana babal'isuuf mootummaan bara kana doolaara miiliyoona 3.7 akka ramadu ibsaniiru.
Aktiviistootni lama dhorkaa kaahame kana mana murtiittii kan falman yoo ta'u, Momaabsaatti daldaltootni 10 jimaata darbe hidhamuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Haata'u malee dhaabbilee amantaa biratti dhorkaan kun fudhatama gaarii argate.
Abbootiin amantaa Islaamaa magaalichaa jimaan qoricha dhorkaman jalatti akka ramadamu gaafataniiru.
Hogganaan duraanii ejensii qoricha nama hadoochu akka malee fayyadamuu to'atuu Joon Mutuuto jimaan wantoota of keessaa qaburraa kan ka'e qaamni namaa akka ta'utti akka hin hojjenne danqaa jedhe.
Jimaan nama ''jiraa du'e uuma'' jedhee kan falmu namni kun, omishaalee biroo akka Roosmerii jajjabeessuun qotee bulaa sooromsa jechuun falma.












