Pireezidant Ruutoon maaliif labsi mormii uume haquuf rakkate?

Madda suuraa, EPA
Keeniyaan guyyaa guutuu mormii, jeequmsaafi dhangala'uu dhiigaa erga keessummeessitee booda Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo galgala keessa dhaamsa gaddaa fi jajjabinaa qabatee dhiyaate. Ammaa ''mormiin kun butameera'' jedhe.
Hiriirtonnii ''gaaffii haqaa'' imaammatasaarratti qabatanii bahan ''garee yakkaa qindaa'een butameera'' jedhe. Mootummaansaa jeequmsi kun akka irra hin deebine gatii ulfaataa hangamiyyuu baasisu waan danda'amu hundaan akka dhaabisu dubbate.
''Ta'iin har'aa kun nageenya keenyarratti wantoota yaaddoo ta'an akkaataa itti deebisnu irratti ergaa guddaa dhaame,'' kan jedhe Pireezidant Ruutoon, taateen kana fakkaatu akka deebi'ee hin mudanne ni mirkaneessina'' jedhe.
Haasaan kun mormii fi jeequmsa magalota biyyattii raase booda ammallee biyya to'achuu isaa agarsiisuufi. Mormiifi jeequmsa Kibxata gaggeeffameen magaalaa Naayiroobii keessatti yoo xiqqaate namootni shan rasaasaan ajjeefamaniiru.
Haasaan Ruutoo dhagaahamuu dura ammoo yaaddoo nageenyaa kana to'achuuf mootummaan biyyattii waraanni biyyaalessaa, Poolisii biyyattii deeggaruuf akka duulu labsameera.
Labsiin kun ammoo waraanni biyyaa diina alaa dhufe ittisuuf malee mormii biyya keessaa to'achuuf duulchifamuu hin qabu qeeqa jedhu kaaseera.
Ta'iin Kibxataa mormii wixinee labsii gibiraa ka'umsa haa godhatiyyuu malee, diddaa kanaaf rakkooleen hedduun sababa ta'uu danda'u.
Kun ammoo ammaaf salphaa fakkatuyyuu filannoon pireezidant Ruutoon qabu xiqqaachaa fi rakkisaa ta'aa akka deemu gochuu mala.
Bara 2022 kan filatame preezidant Ruutoon malaammaltummaarratti duuluufi harka qaleeyyii biyyattii gargaaruuf, akkasumas diinagdee wayyeessuuf kaayyoo qabatus erga aangoo qabatee yeroo lammataaf mormii jabaa keessummeesse.
Labsiin gibiraa amma mormii jabaan isa mudate kun liqaa biyyarra jiru kaffaluun biyya guddisuuf gahee qaba jechuun paarlaamaan raggaasee akka dabarsuuf eega.
Wixinee kana miseensonni paarlaamaa dhibbeentaa shantam xiqqoo caalan deeggaraniiru. Hedduunis mormaniiru. Mormiin kun jabaachaa yoo deeme garuu haalli Ruutootti hangam akka cimu tilmaamuun ni rakkisa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mormiin dhufaatii Ruutoo booda mudatan isa akka bara 10 pireezidantii Itti aanaa ta'anii arganii miti. Jabaa fakkaata.
Mormiin inni kun magaalaa guddittii Naayiroobii keessatti waajira bulchaa magaalittii, galma magaalaa fi paarlaamaa biyyattii gubeera.
Mormitootni sochii magaalaa guutummaatti cufuuf dhaadataa turan. Galgala keessa garuu sagaleen dhukaasa rasaasaafi aara imimmaanessuu dhagaahameera. Lubbuun namaasa darbeera.
Kibxata galgala Ruutoon foddaa Televizhiniitti yoo bahan mormii jabaa kana booda wixinee labsii gibiraa kana dhiisneerra jedhaa laata jedhamee eegamees ture.
Ruutoon garuu dhiibbaa kanaaf hin harka hin laanne. Gaaffii uummataaf tole jedhee labsicha dhiisuu caala sochiin kun gara dabafameera humna qabnu hundaan dura dhaabbanna jedhe.
Mootummaasaa keessa namootni jiran gariin ejjennoon Ruutoo fi dura dhaabbannaan uummatarraa isa mudate kun biyya garamitti akka geessurratti shakkii uumuuu hin oolan.
Ruutoon gibirri amma labsii kana booda sassaabamu liqaa biyyattiirra jiru kan hanga doolaara biiliyoona 80 gahu kaffaluuf gargaara jedha.
Keeniyaan bara kana yeroon liqaa dhaabbilee alaa itti deebiftu akka isheen barbaaddutti sirrateefiira. Kanarraa kan ka'es humni bituu shilingii biyyattii wayyaa'eera.
Ruutoon jeeqama hanga kanaa kan keessummeessaa jiru waggaa 10 ol keessatti duree biyyaa Afrikaa mootummaan Ameerikaa kabaja olaanaan affeerte ta'uun Waashingitan DC turee wayita deebi'uttidha.
Turtiin jila Keeniyaa US biyyattiin michuu amanamtuu US fi michuuwwan US ta'uu kan mirkaneesse ture. Ruutoon biyyi isaa liqaa deebisuurratti kan amanamtu ta'uu agarsiisuu fedha. Kana ammoo hanga gibiraa sassaabamu dabaluun milkeessuuf karoorfate.
Wixineen labsii gibiraa amma lubbuun namaa irratti darbe Wiixata dhufu raggaasifamee seera ta'uuf adeema. Gibirri kun namni konkolaataa qabu konkolataa saaf akka gabbaru, akkasumas meeshaalee qullqullinaa dubartootaarratti fa'a dabalama.
Amma dura Keeniyaa keessatti labsiiwwan marii uummata booda akka hafan godhaman jiru. Inni mormii jabaa kaase kun garuu Ruutoo filannoo waan dhabsiise fakkaata.












