Ganda Xaaliyaan jiraattonni akka hin dhukkubsanne dhorkite

Naannoo Beelkaastiroo

Madda suuraa, Comune di Belcastro/Facebook

Magaalaan Xaaliyaan xiqqoon jiraattoonishee dhibee cimaa akka hin dhukkubsanne akeekkachiifterti.

Namoonni magaalaa biyyattii Beelkaastiroo jedhamtu keessa jiraatan, ''dhukkuba gargaarsa walaa'aansa atattamaa barbaachisu kamiinuu akka hin qabamneef of eeggatan ajajameera" jedha ibsi kantiibaa magaalichaa Antooniyoo Toorchiyaan irraa kenname.

Beelkaastiroon ollaa naannoo kibba Kaalaabriyaatti argamtuufi bakka hiyyeettii Xaaliyaanii keessaatti argamtuudha

Toorchiyaan tarkaanfiin kun, ''qoosaa keessa xiyyeeffanoo argachuuf waan beekaa jedhamedha,'' jechuun garuu ammoo, aangawoota naannootiif caasaan eegumsa fayyaa naannichaa hanqina guddaa akka qabu ergaa dhaamuuf caalaa dubbiin isaanii ijoo dubbii taheera.

Jiraattota ollaa Beelkaastiroo 1,200 keessa walakkaan isaanii manguddoota ganna 65 oliiti. Buufanni fayyaa Balaa fi Yeroo Haatattamaa kiiloomeetira 45 nurraa fagaata jedhan kantiibichi.

Dabaluunis, buufanni fayyaa kunis daandiidhaan sa'atiitti kiiloomeetira 30 oofuun qaqqabamaa jedhan.

Akkasumas hakiimni baqaqsanii yaaluu gandichaa yeroo barbaadamutti waamamus yeroo hunda hin argamu, Sambattan, ayyaanii fi sa'atii hojii idileetiin alatti argachuun hin danda'amu jedhan.

Toorchiyaan TV Xaaliyaaniitti wayita dubbataniitti, ''yoo dhukkubsatte yaalii hatattamaa kan argattu iddoo fageenya kiloomeetira 45 irra jiru deemuun qofa akka tahe yoo yaaddu nagaan sitti hin dhagahamu,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabaluunis, ''daandiin immoo dhukkuba caalayyuu balaaf si saaxiluu danda'a,'' jedhan.

Labsii kantibichi baasan keessatti jiraattonni gandattii ''amalootaafi gochaawwan miidhaa itti fiduu danda'aniifi balaa manatti uumamurraa akka of eeggatan,'' ajajamaniiru.

Kana malees, yeroo baayyee manaa akka hin baane, akka hin imalleef ispoortii akka hin hojjenne akkasumas yeroo isaanii dheeraa boqochuu irratti akka dabarsanis itti himameera.

Ajajoonni labsii kanaan bahan akkamiin akka hojiirra ooluu akka danda'an irratti waan ifatti himame hin jiru.

Naannoon Kaalaabriyaa uummata wal irraa faffagaatee jiraatu kan qabdu yoo tahu, daangaa Xaaliyaanii fiixee irratti argamtuufi hiyyeettii taatedha.

Rakkoo siyaasaafi gidduugaltummaan wanbadootaa caasaa eegumsa fayyaa naannichaa mancaaseera. Sababii kanaan mootummaan gidduugalaa waggaa 15 dura bulchiinsa addaa jalatti akka hammatamtu godhe.

Koomishinarroonni Room irraa filatamanii garas ergaman liqii guddaa hospitaalonni qabaniif furmaata kennuu hin dandeenye.

Haala kanaan jiraattonni naannoo Kaalaabriyaa hanqina ogeessota fayyaa, sireefi namoota yaalamuuf eeggatan gara hin qabneen rakkachaa jiru.

Hospitaalonni naannichaa kudha saddeet tahan bara 2009tti hojii dhaaban.

Sababa kanaan jiraattota Kaalaabriyaa miiliyoona lama tahan keessa walakkaa kan tahan naannichaa ala deemaniitu gargaarsa fayyaa argatu.

Bara 2022tti Kuubaan doktaroota 497 gara Xaaliyaanii waggaa sadii keessatti tajaajiloota fayyaa garaagaraa keessatti akka hojjetan erguuf beeksistee ture.

Bulchaan naannoo kanaa Roobeertoo Okiiyutoo bara darbe hakiimonni Kuubaa kunneen hospitaalota Kaalaabriyaa ''baraaran'' jedhan.

Jiraataan Beelkaastroo miidiyaa biyyattiitti yeroo dubbatan Kantiibaa Toorchiyaan ''rakkoo keenya ifatti baasuuf jecha waanuma sirrii dalagan,'' murtoon kunis ilaalcha isaan 'waan sirrii fi sirrii hin taane irratti qaban irratti akka of gaafatan godha,'' jedhan.

''Kantibichi rakkoo guddaa adeemaa jiruuf xiyyeeffannoo hawwachuuf jecha labsii qalbii namaa harkisu baase,'' jedhan jiraataan biraa.