Hojiin artii qaama saalaa dhiiraa meetira 12 dheeratu ijoo dubbii tahe

Madda suuraa, Reuters
Magaalaa Xaaliyaanii Neeppilsitti hojiin artii qaama saalaa dhiiraan fakkeeffamee addabaabaayii irratti dhaabame mataduree taheera.
Artistiin Xaaliyaan amma lubbuun hin jirre Gaayitaanoo Peeshee hojii artii meetira 12 ol dheeratu kanaaf maqaan itti kennes ijoo dubbii akka tahu godheera.
Akka Rooyitars gabaasetti artiin boca siliindariin hojjatame kuni afaan Xaaliyaaniin "Tu si' 'na cosa grande" kan jedhameyoo tahu hiiktisaa ''Ati waan guddaa dha,'' akka jechuuti.
''Haala uffannaa taatoo tiyaatira jaarraa 17ffaa Xaaliyaanii Puulchineellaa jedhamu agaarsiisuufi,'' jedhameera.
Hojiin artii Peeshee hojii Maayikilnajeeloo "V enus of the Rags" jedhamu bakka bu'e magaalaa kibba Xaaliyaanii kanatti agarsiisaaf dhiyaate.
Hojii artii siidaa fakkaatu kana biratti bocni onnee xiyya ergamaa jaalalaan waraanamet mul'ata, keessaanis ibsaan ni mul'ata.
Jiraataan magaalattii tokko, ''siidaan 'Venus of the Rags' kaafamuun booda kana otoo hin ilaaliin hin hafnu jenneetu dhufne jedhe. Mallattoo qaama saalaa dhiiraa kabajasaa guutuu wajjin arginee,'' jedhe Maatiiwoo Vastaan.
Jiraattuu biraa garuu siidaa kanaan dura ture akka jaalattu himti.
''Gaayitaanoo Peeshee siidaa artii haaraa kanaan maal agarsiisuu akka barbaade baruun fedha,'' jette.
Peesheen Niiw Yoorkitti Ebla darbe umrii 84 lubbuunsaa darbe. Hojiiwwan artiisaa halluu kalaqaan kan guutame yoo tahu, hawaasa, siyaasaafi aadaa uummataa barataman calaqqisa.












