Icciitii fakkii Moonaa Liizaa jaarraa shan booda barame

Fakkii Monaa Loozaa

Madda suuraa, Getty Images

Fakkiin Moonaa Liizaan fakkiiwwan addunyaa keenyarratti hunda caala beekamoo ta'an keessaa tokko yoo ta'u, garuu iccitiin fakkii kanaa barootaaf dhokataa ture.

Fakkiin Moonaa Liizaa nama beekamaa Leonardo da Vinci'n kaafame kanarratti, Moonaa Liizaan wayita seeqxu agarsiisu ni mul’ata. Garuu, seequun ishee iccitiin isaa ifattii hin beekamu.

Fakkiin Moonaa Liizaa kun erga kaafame waggoota 500 ol lakkoofsisulleen, waa'een qabiyyee fakkii kana keessatti mul'atan hedduu gaaffii ta’anii hafan.

Amma ogeettiin ji'ooloojii fi seenaa aartii Haaromsaa, Anni Pizzorussoo jedhamtu, iccitiiwwan fakkii Moonaa Liizaa keessaa tokko fure jette.

Anniin iccittiin furre jettu ammoo bakka suuraan Moonaa Liizaa itti kaafamedha.

Ogummaa isheetiin teessuma lafaa suuraa sanarratti mul'atu adda baaste.

Riqichi jaarraa 14ffaa duuba fakkii sanarratti mul'atu magaalaa Xaaliyaanii Leekkoo jedhamtu.

Magaalaan kun qarqara haroo Koomoo, naannoo Loombaarditti argamtu ta’uu agarsiisa.

Annii Pizzorussoon dhiheenya kana konfiraansii Kaaba Xaaliyaaniitti taa'amerratti argannoo ishee dhiheessite.

Dameewwan ogummaa irratti qabdu lamaan walitti ida’uun, Li’onaardoon akka aartiistiitti qofa osoo hin taane, akka “ji’ooloojiistii guddaattiin ilaala’’ jette.

''Li’onaardoo akka Abbaa Ji'ooloojii ta’eettiin ilaala. Mallattoon Li’onaardoon ittiin beekamu keessaa tokko gama ji'ooloojiitin sirrii ta'uusati.

Fakkii kamiyyuu Li’onaardoon kaaserratti dhagaa ykn biqilituu bakka sirritti kaafame agarta, innis guutummaatti adda bahee mul’ata.Kun mallattoo Li’onaardoon da Viinchii ittiin beekamu,'' jette.

Moonaa Liizaa

Madda suuraa, Getty images

Anni Pizzorussoon BBCtti akka himtetti, Li’onaardoo da Viinchii hordofuun waggoota 500 dura bakka inni daawwate faana dhooftee bira qaqqabu dubbatte.

“Fakkiiwwan inni kaase ilaalee waggoota kana hunda boodas teessuma lafaasaa arguu nan dandaʼa ” jette.

Waggoota dheeraaf qorattoonni seenaa aartii riqicha fakkii Moonaa Liizaarratti mul’atu adda baasuuf yaalaa turan, teessumni lafa kanaan walfakkaatu magaalota Xaaliyaanii hedduu keessatti mul'atu.

''Namni hundi riqicha fakkii kanarratti mul’atu akka ilaaluun hubadhe. Akka waan konkolaataa biyya Xaaliyaanii bakka hunda keessatti turte [mini cooper] barbaaduti,'' jette.

''Riqicha jiraaachuu qaba, sana qofa miti, teessuma lafaa fi haroos qabaachuu qabda. Isaan kun hundi bakka kanatti argamu.”

Anni Pizzorussoon teessuma lafaa fakkii Moonaa Liizaa keessatti argamu magaalaa Leekkoo (Lecco), haroo handaara Koomoo, kaaba Xaaliyaaniitti argamtu wajjin walsimsiiste.

Anni akka jettutti, suuraan addunyaarratti beekamaa ta'e kun achitti kaafame.

“Haroon Koomoo jedhamu kun bakka Li’onaardoo da Viinchi yeroo dheeraa dabarse ture.

Sababni isaa bo’oo bishaanii Miilaan irraa kaasee hanga haroo Koomootti diriiru ijaaruuf yaalaa ture.

Iddoo sun bakka garmalee dhagaan itti heddumatu waan ta’eef bo’oo bishaanii sana ijaaruu hin dandeenye,” jette.

Anni Pizzorussoon akka jettutti, gaarreen walqabatoon fakkii sana gara duubarraa mul’atan gaarren Alpis kan agarsiisan yoo ta'u, Li’onaardoo da Viinchiin gaarren kana daawwachuutu beekama.

Kana qofa miti, riqichi duuba Moonaa Liizaarraa mul’atu riqicha ‘Azzone Visconti’ jedhamu, kan jaarraa 14ffaa keessa ijaarame ta'uu himte.

Moonaa Liizaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pizzorussoon meeshaalee teessuma lafaa akeekan kanneen akka; Google Maps, Google Earth fi diroonii fayyadamuun bakka kana adda baaste.

Argannoo ishee erga walitti gumeessitee booda, ''Wanti hundi bakka isaatti argameera,'' jette.

Akka yaada-rimee bara 2011 dhiyaatetti, riqichi fi daandii suuraa Moonaa Liizaarra jiru magaalaa xiqqoo kaaba Xaaliyaanii Boobiyoo jedhamtu waliin hidhata qaba.

Yaadni kanaan dura bara 2023 dhiyaate, Li’onaardoo da Viinchiin riqicha Xaaliyaanii, bulchiinsa Arezzo keessatti argamu agarsiisa.

Sana dura ammoo riqichi Ponte Romito jedhamu, kan Lateerinaa keessatti argamullee fakkii Moonaa Liizaa waliin hidhata qaba jedhamaa ture.

Fakkiin jaarraa 16ffaa keessa kaafame kan taate Moonaa Liizaan, addunyaarratti hojii aartii baayyee beekaman keessaa tokko yoo ta’u, Paaris magaalaa Luuvri keessatti argama.

Li’onaardoo da Viinchii, aartiistii qofa osoo hin taane, ogeessa bobbocaa, injiniyeera, saayintistii, hayyuu herregaa fi kalaqaa ture.

Argannoon Li’onaardoo da Viinchii umrii waggoota 500 ol lakkoofsise har’as akkamitti akka jiraannu akeeka.