'Ollaan fakkii kaasuun Islaamummaan ala naan jedhu ture'- Nujuum Hashii

Madda suuraa, NUJUUM HASHI
Nujuum Hashi Hashiin shamarree ganna 26, magaalaa guddoo Somaalilaand Hargeessaa jiraattudha.
Somaaliyaatti dubartii loogii isheerra gahu injifachuun artistii beekamtu taate. Ammatti Biiroolee mootummaa, dhaabbilee idil-addunyaa fi namoota dhuunfaa biratti fudhatama argattetti.
Ministirri Barnoota Somaalilaand fakkii kaasten ijoolleen durbaa akka baratan jajjabeesuuf duula ittiin gaggeessuuf gaafateera.
Nujuum Hashi, umurii ganna torbaa taatee magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishuutti fakkii kaasuu jalqabde.
Hashiin artistii beekamtu akka hin taane loogiin isheerra gahaa ture. Ta'us, injifachuun hojiicha itti fufuuf murteeffatte.
Walwaraansi biyyattii keessatti bara 1990 - jalqaba bara 2,000tti hammaate jalaa maatii waliin bakkaa bakkatti godaanti ture.
Araddaa tokkorraa gara biraatti maatii ishee waliin baqataa turan. Taatullee Hashiin otoo addaan hin kutiin cirracharratti fakkii kaafti ture.
''Aartiin karaa boqonnaa itti argadhu,’’ jette Hashiin. '‘Wayita lolli hammaate suuraa tasgabbii agarsiisu, jireenya nagaa qabu agarsiisu kaasuutu sammuu koo tasgabbeesa,’’ jette.
Erga waraanni qabbanaa’e boodallee aartiin ishee fayyadeera.
''Barsiisaan Qur’aaanaa koo hamaa ture. Nu reeba ture, isa nan sodaadha ture.’’
Wayitan gara manaa keenyaa adeemu dhiphina keessaa bahuuf suuraaleen kaasa ture jette.
''Qubeessaa kootiin suuraa magaalaa guutuun dhaaba kutaa ciisicha koorratti fakkiin kaasa ture, sududaan suura ittiin dabalaa ture,’’ jette.

Madda suuraa, NUJUUM HASHI

Madda suuraa, NUJUUM HASHI
Hashiin mana barnoota aartii seentee barattee hin beektu.
''Abbaan koo barsiisaa koo ture. Innis artistii hin turre garuu yeroo boqonnaa isaatti callisee fakkii kaasaa ture. Akkatti suura kaasanin gaafadhe. Garuu ijoollummaatti narraa du’e,’’ jette.
Haatii Hashii akka abjuu isheen artistii ta’uuf qabdu garuu hin deeggarre.
Warri ollaa ishee fakkii kaasuun Islaamummaa faalleesutti itti himtu turan.
Musliimonni harki caalaan isaanii aartii namaa fi bineensota fakkeessanii suuraa kaasuun dhorkaadha jedhanii amanu jette.
''Fakkii kaasuun dhorkaadha jedhanii na dhorkani. Guutummaatti fakkii kaasuu dhiiseen narsii baradhe.
''Garuu nan nuffe, Guyyaa tokko aartiis hin dhiisu, aartiinis nan dhiisu namni waanuma fedheyyuu haa yaadun ’’ jedhe.
Amma Hashiin hojii aartii hojjattee maatii ishees gargaaraa jirti.

Madda suuraa, NUJUUM HASHI
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibbana suuraan kaafte miidiyaa dubartoonni qofti itti hojjatan, Bilaan, dhiyeenya Moqdishuutti hundaa’e kan ilaallatudha.
Fakkiin kun gaazixeessitoonni wayita dubartoonni jiruu idileesaanii gaggeessan viidiyoo waraaban kan agarsiisu.
Yoo sirritti ilaaltemmoo Hashiin muka jalatti wayita fakkii kaastu agarsiisa.
Meeshaalee Hashiin fakkii ittiin kaastu Somaaliyaa fi Somaalilaand keessaa argachuun rakkisaadha.
Kanaafuu birushii fa’aa hiriyoonni ishee biyyoota ollaa kana Keeniyaa, Jabutii fi kaan jiraatan akka erganiif gaafatti.
Fakkiiwwaan isheen kaaftu ammatti siyaasatti geeddaramaa dhufeera - Miidiyaalee muraasni fi gaazixeessitoonni hojiiwwan aartii isheetti gargaaramaa jiru.
Hagayya darbe mormii Somaalilaanditti mudarratti qaamoleen nageenyaa namoota shan ol ajjeesaniiru.
''Wayita poolisiin dhukaasa banu dubartii teessoo jala seente suura agarsiisu argeera, inni sammuu nan badne jette.
''Ministirri biyyattii tokko otoo hin waamamiin sirna awwaalcha nama mormiirratti ajjeefameeratti argame.
''Namoonni itti mufatan, dubartiin tokko dugda keessa dhiitte,’’ jette.
Amma isheen akka goota warreen moormitootatti ilaalamti jette Hashiin.
Gogiinsa naannicha mudateerraa kan ka’e Soomaliyaan rakkoolee namoomaa cimaa keessa jirti.
Qondaaltonni siyaasa deeggarsa hawaasa addunyaa namoota beela’aniif gaafataa jiru jette Hashiin. Ishiin garuu deeggarsa sana isaanitu borsaa ofii guuttata jetti.












