Gameessi ogummaa fakkii artiist Lammaa Guyyaa eenyu turan?

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Doktorri kabajaa artiist Lammaa Guyyaa Gammadaa A.L.I bara 1921 Bishooftuutti dhalatani. Waa'ee umurii isaanii yoo gaafataman yeroo mara taatee ittiin yaadatan kaasanii haasa'an qabu.
Bara sana xiyyaarri yeroo jalqabaaf Jabuutii irraa ka'ee Itoophiyaa seene jedhu.
Xiyyaarri Lixa Finfinnee naannoo haroo Gafarsaa qubata jedhamee mooticha Hayilasillaasee fi aanga'oota isaaniin eegamaa ture, haala qilleensaa tureen dirqamee naannoo isaan itti dhalatan Ada'aa qubate.
Xiyyaarri sun boca fannoo waan qabduuf 'fannoon samiirraa nuuf bu'e' jedhee biyyi raajii itti ta'ee, kaan fardaan kaan lafoo gara iddoo xiyyaarri itti bu'eetti lafa qabe.
Gaafas dhalatanii reefu daa'ima baatii sagalii akka turan kan himan artiist Lammaa Guyyaa, taateen kun salphaatti umurii isaanii akka yaadatan isaan gargaaruu irra deddeebiin dubbatu.
Ijoollummaa fi barnoota
Haati isaanii Aadde Maaree Goobanaa warra Abbichuu akka taate artiist Lammaan af-gaaffii miidiyaalee adda addaa waliin taasisan irratti himaniiru.
Aadde Maareen dubartii ogummaa supheen beekaman yoo ta'an, oomishaalee suphee akka gaanii, eelee, jabanaa fi kkf gurguruuf Laga Daadhii irraa gara Bishooftuu yoo deddeebi'an, Obbo Guyyaa Gammadaan wal baranii bultii horachuu dubbatu.
Wayita haati isaanii hojii suphee hojjetan argaa kan guddatan artiist Lammaa Guyyaa, ka'umsi hojii fakkii fi bobbocaa ittiin milkaa'an sana ta'uu himu.
Haati isaanii daaraa fi bishaan waliin makuun keenyan manaa irratti fakkiiwwan adda addaa kaasuun mana bareechaa akka turan dubbatu artiist Lammaan.
Kanarraa ka'uun jalqaba akkuma haadha isaanii suphee irraa qotiyyoo fi bobboca adda addaa hojjechuu, boodas cilee, daaraa fi biyyoo bulbuluun fakkii kaasuu akka eegalan, saniinis hawaasa naannoo biratti beekamuu dubbatu.
Ollaa fi firrii 'mucaan kun jabaadha mana baruumsaa galchi' jedhanii irra deddeebiin abbaatti dubbataa waan turaniif, abbaan isaanii Obbo Guyyaa Gammadaa mana barumsaa akka isaan galchan himu.
Umurii isaanii waggaa 17'tti hojii qonnaa abbaa isaanii gargaaruun hojjechaa turan itti dhiisanii, mana barumsaa Atsee Libnadingil jedhamu kan Xaaliyaanotaan ijaarametti barnoota eegalan.

Hanga kutaa torbaatti baratanii leenjii barsiisummaaf gara Adaamaa ergamanis, fedhiin isaanii san waan hin turreef adda kutuun gara Bishooftuu deebi'an.
Yeroos mootii Hayilasillaaseen masaraa isaanii Bishooftuu jirutti haara galfiif Sanbataa fi Dilbata ni deddeebi'u turan.
Artiist Lammaanis moodeelii xiyyaaraa hojjechuun mootichaaf dhiyeessan. Jabinaa fi dandeettii artiist Lammaa kan hubatan mootichi 'maal akkan siif godhu barbaadda?' jechuun akka isaan gaafatan himu artiist Lammaan.
Isaanis mana barnoota humna qilleensaa galanii xiyyaara oofuu barachuu akka barbaadan mooticha gaafatanii hayyamas argatan.
Fedhiin isaanii kuni yeroo weerara Xaaliyaanii loltoonni Xaaliyanii xiyyaaraan miidhaa geessisaa turan arguu ta'uu kan dubbatan, xiyyaaraan lolanii diina qolachuuf xiiqii isaan keessatti uumame akka ta'e dubbatu.
Waggoota lamaan jalqabaa makaanikummaa boodas, teeknishaana meeshaalee waraanaa ykn 'armament technician' leenji'an.

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Fedhii fakkii kaasuu fi bobbocawwan adda addaa hojjechuu daa'imummaan horatanis, ogummaan inni jalqabaa leenji'anii ittiin biyya isaanii tajaajilan teekniishaana humna qilleensaa ture.
Kanaanis hanga gulantaa 'Shaamballii' gahanii turan.
Haa ta'u malee fedhii fakkii fi bobbocaa ijoollummaan isaan keessatti uumame hin gatne. Yeroo boqonnaa isaanii fakkii kaasuu itti fufan.
Ogummaa isaaniin gara Asmaraa ramadamanii wayita hojjechaa turanitti, lammilee Xaaliyaanii fi Ingiliziif kaffalanii waa'ee ogummaa fakkii caalaatti barachuu isaanii himu.
A.L.I bara 1950 gara jiddugaleessa biyyaa deebi'uun Finfinneetti kitaaba ogummaa fakkii kaasuu barsiisu Afaan Amaaraatti hiikuun, deeggarsa mooticha Hayilasillaaseen erga maxxansiisaniin booda, mana barumsaa fakkii bananii barsiisuu eegalan.
Waggoota 65 ol hojii ogummaa fakkii kaasuu keessa turanitti fakkiiwwan 10,000 ol kaasuu isaanii himu doktorri kabajaa artiist Lammaa Guyyaa.
'Lemmism'
Artiist Lammaa Guyyaa fakkiiwwan isaan kaasan biyyarra darbee sadarkaa Afrikaatti beekamtii argateera.
Yeroo addaa addaa biyyoota akka Naayijeeriyaa, Senegaal fi Afrikaa Kibbaatti imaluun, agarsiisawwan fakkii ykn 'exhibition' gara garaa irratti qooda fudhachuu himu.
Artiist Lammaa Guyyaa fakkiiwwan addatti ittiin beekaman qabu. Innis fakkiiwwan gogaa re'ee irratti kaafamanidha.
Akka itti waan kana eegalan yoo dubbatan: yeroo mootummaa Dargii haalluu akka salphaatti argachuun waan isaan rakkiseef, gogaawwan re'ee rifeensa uumamaan halluu gara garaa ofirraa qabu fayyadamuuf murteessuu himu.

Madda suuraa, Yaddi Bojia/facebook
Tooftaan gogaa re'ee irratti fakkii namaa kaasuu kunis moggaasa 'Lemmism' jedhu argateera.
Artiist Lammaa Guyyaa kitaaba isaanii 'From Herding to Lemmism' jedhurratti akka barreessanitti, moggaasni kun kan kenname barattoota Afrikaa Kibbaa irraa dhufanii isaan biratti ogummaa fakkii kaasuu leenji'aniin.
Artiist Lammaa Guyyaa fakkiiwwan hogganoota siyaasaa, artiistotaa fi namoota bebbeekamoo adda addaa gogaa re'ee irratti kaasaniiru.
Gama biraan ammoo haalluu fayyadamuun waraqaa, sharaa fi boordii irratti fakkiiwwan: aadaa sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa calaqqisiisan, jiruu fi jireenya isaanii ibsan akkasumas qabeenya uumamaa fi bineensota gara garaa kaasaniiru.
Keessumaa hojiilee aadaa fi jiruufi jireenya uummata Oromoo mul'isan hedduu kaasaniiru. Isaan keessaa fakkiin 'Harmee Oromiyaa' jedhu isa tokko.

Fakkichi wal-danda'uu amantaalee, Irreecha, qabeenya uumamaa fi jireenya uummata Oromoo agarsiisa jechuun bara 2017 BBC'tti himanii turan.
Shamarreen lafa tubbee irra dhaabbachuun ishee kadhannaa "yaa waaqayyo nu guddisi" jedhu waliin walqabata.
Shaashii adiin isheen marattees bilisummaa agarsiisa. Kuulli diimaan fiixee sabbata ishee bu'aa bahii Oromiyaan dabarsite agarsiisa jedhan.
Hirmaannaa siyaasaa fi hidhaa
Artiist Lammaa Guyyaa mootii Hayilasillaasee waliin hariiroo gaarii qabaatanillee, boodarra lammileen mirga isaaniif akka falmataniif yaada qabanirraa ka'uun kitaabota waa'ee komuniizimii barsiisan kuma 20 Raashiyaa irraa fidanii raabsuu isaaniitiin, motichaan hidhaa buufamuu himu.
Jeneraal Taaddasaa Birruu waliin hiriyaa ta'uu isaanii fi sochii fonqolcha mootichaa taasifamaa ture keessattillee, qooda qabaachaa akka turan gaaffiifi deebii miidiyaa biyya keessaa tokko waliin taasisan irratti dubbataniiru.
Erga mootummaan Dargii aangootti dhufee boodas sababa fakkii kaasaniin hidhamaniiru.
Fakkiin isaan waggota 45 dura kaasan anga'ooti (adurreewwaniin kan fakkeeffaman) qabeenya biyyasaanii malaammaltummaan wayita saaman, diinoonni (hantutoonni siree jalaa) qabeenya biyyaa mancaasaa jiraachuu agarsiisa.
Aannan lafatti dhangala'u ammoo laggeen fi qabeenya faayidaa malee bara dheeraaf qisaasamaa jiran mul'isa, akka artiist Lammaa Guyyaa yeroo gara garaatti himanitti.
Fakkiin kun mootummaa Dargiin waan hin jaalatamneef hidhamuu isaanii dubbatu.

Doktarri kabajaa artiist Lammaa Guyyaa, umurii isaanii ganna 92tti Wiixata Onkoloolessa 26 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Maatiin artistichaa BBCtti akka himanitti, maanguddoon kun dhukkubsatanii biyya keessaa fi alaatti yaala argachaa turan.
Bara dullumaa keessallee hojii fakkii kaasuu kan hin dhaabne artiist Lammaan, inumaa dulluma keessa fakkiiwwan hedduu fi bilchaatoo ta'an kaasuu dubbatu.
"Aduu das na jedhe, si'iilii lama hojjedheen oola. Sa'aa 12tti ka'eetanan halkan sa'aatii lamattan ejjechiisa, isa wajjinan taphadha'' jechuun gaaffiif deebii tokkorratti dubbatanii turan.
Artiist Lammaa Guyyaa abbaa ijoollee shanii yoo ta'an, afran isaanii faana abbaa isaanii dhahuun ogummaa fakkii kaasuu horataniiru.

Madda suuraa, OBS
Fakkiiwwan artiist Lammaa Guyyaa waggoota 65 ol darbaniif kaasaa turan hedduun isaanii, jiddugala fakkii ykn gaalarii isaanii magaalaa Bishooftuu jiru keessatti agarsiifamu.
Artistiin gameessi yeroo gara garaa badhaasaa fi beekamtiiwwan adda addaa kan argatan yoo ta'u, bara 2015 Yuunivarsitii Jimmaa irra digirii 'doktora kabajaa' argataniiru.
Artiist Lammaa Guyyaa namoota ogummaa fakkii kaasuu keessa jiran hedduun fakkeenya yoo ta'an, du'a isaaniitti namoonni hedduun marsaalee hawaasaa irratti gadda isaanii ibsataniiru.
Sirni awwaalcha isaanii Kamisa Onkoloolessa 29 bara 2020 iddoo dhaloota isaaniitti raawwata.
















