Addis Ababaa, Jimmaa, Gondar, Maqalee, Dirree Dawaan- attamiin Xaaliyaanitti moggaasa daandiiwwanii ta’a?

Iddoonsaa buufataalee baaburaa kanneen jidduugala Room durii irraa xiqquma fagaatee argama. Seena qabeessii fi mallattoon Room kan waggaan turistoonni miiliyoonni daawwatan ‘Kolosiyeem’ fageenya kiilomeetira 5 irratti argama.
Hambaaleen waggoota dheeraa lakkoofsiisanis dhiheenyumarratti marsanii argamu. Naannichi garuu umurii Room qabduun wal bira yoo ilaalamu haaraadha kan jedhamu miti.
Gamoowwan mana jireenyaa baayyinaan keessatti argamulleen, eddoowwan daldalaa muraasni ni argamu. Eddoon kunis ‘Kaarteeroo Afrikaanoo’ jedhama. Ollaa Afriikaa akka jechuutti.
Daandiiwwan ollaa kanaatis moggaasa magaaloota Afriikaa Xaaliiyaaniin itti imalte hunda kan qabate fakkaata.
Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaa, Liibiyaa, Asmaraa, Moqaadishoo, Tiriipoolii fi Finfinneen moggaasawwan daandiilee Roomiitti argaman keessaa kan eergamaniidha.
Kanneen qofaas miti. Daandiiwwan hedduun ykn adabaabaayiiwwan muraasni maqaa magaaloota Itoophiyaatiin waamamu.
Room irraa fageenya kiiloo meetira 275 irratti kan argamu jidduugala magaalaa Filoransi keessatti ammo maqaan Adawaa jedhuun adabaabaayiitu jira. Magaaloota Xaaliyaanii kaan keessattis daandiiwwan moggaafaman jiraachutu himama.
Ofii Xaaliiyaan keessatti daandiiwwan tokko tokko maaliif maqaa magaaloota Itoophiyaatiin waamamuu?
Beentoo Mosolonii fi magaaloota Xaaliyaanii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaatti baayyinni taraafikii kan keessatti mul’atu ‘Afriikaanoon’ kan jalqaba jaarraa 20ffaarratti hundeeffameedha.
Yeroo sana, Xaaliyaaniitti magaaloonni babalachuu kan itti eegalan, kan dizaayiniin ijaarsa gamoo haaraan itti eegalan ture.
Yeroo sana magaaloonni Xaaliyaanii durii kan akka yaada ijaarsa haaraa waliin akka walitti hidhataniif yaaliin itti eegalameedha.
Yeroodhuma walfakkaatuutti Xaaliyaaniin yeroo lammaffaadhaaf waraanashee gara Itoophiyaatti ergite turte. Injifannoo Adawaatiin waggoota 39n booda Xaaliyaaniin Itoophiyaa weeraruudhaaf kaate.
Mootummaa abbaa hirree ‘olaanaa’ hundeessee kan ture Mosoloniin harkasaa tokkoon magaaloota xaaliyaanii babalisaa, gama biraatiin ammo Itoophiyaa irratti waraana bobbaase.
Paartii biyyaaleessa ‘Faashistii’ hundeessuudhaan, bara 1922-1943tti Xaaliyaanii kan bulche Mosoloniin, Room dabalatee yaada magaaloota Xaaliyaanii hammayyeessuu qaba ture.
Yaadni kun ammo gara hojiitti yoo ‘jijjiraman’ naannoolee umaman keessaa tokko ‘Kaarteeroo Afrikaanooti.’
Yeroo sanatti hanga tokko Itoophiyaa keessa kan turte Xaaliyaaniin daandiiwwan naannichaa maqaa magaaloota Itoophiyaatiin moggaafte. Ollaa sana keessaa maqaan magaaloota Somaaliyaa, Liibiyaa fi Ertiraas jiru.
Dursaan mootummaa Faashistii Mosolonii ykn Ducheen magaaloonni Xaaliyaanii seena qabeessuummaasaanii osoo gadi hin lakkisiin hammayyaa akka ta’aniif hojjateera. Barreessaan dhimmoota dizaayina gamoo Joonaataan jedhamu tokkoos bara 2016tti, yaalii Mosoloniin taasiseen danaa Room jijjireera jechuun barreesse.
Itti dabalunis, Ducheen haaluma addunyaa hammayyaatiin fedhiin biyya akkuma durii kan beekamte qabaatuuf qabuun, ijaarsa gamootiin akka mul’atu taasisuun ni calaqisa.
Fedhiisaa kana kan agarsiisan kaartaawwan dhagaa fi nahaasiirraa hojjataman shan gurguddaan jidduu Room keessatti fannisee akka ture kaafama. Kaartaawwan kanneen keessaayis 5ffaan fedhii Mosolonii haala ifa ta’en kaa’eera.
Kaartaa 5ffaan ‘impaayaroota’ Room haaraa agarsiisa. Kaartaan kunis ‘impaayara Xaaliyaanii haaraa’ keessatti biyyoota Awurooppaa muraasa dabalatee, Tuniziyaa, Liibiyaa, Masrii, Sudaan, Somaaliyaa fi Itoophiyaa hammateera.
Bara 1911tti mootummaan Xaaliyaanii duraanii bulchiinsa Liibiyaa keessaa qabu muraasa Ducheen bara 1934tti gutummaa guutuutti of jala oolcheera.
ALI bara 1928tti waraanaa baatiiwwaniif gaggeeffameen booda waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa weerare. Bara 1934tti ammo Albeeniyaa qabatan. Isaan alatti yaadni kaartaa ‘impaayarii Xaaliyaanii’ lafarratti hin mul’anne.

Moggaasa magaaloota Itoophiyaa Xaaliyaaniitti
‘Kaarteeree Afriikaanoon’ akkuma ollaa Xaaliyaanii kaan daandiiwwan gurgudaanshee, daandiiwwan xixiqqaan ykn adabaabaayiiwwan xixiqqaan ykn ‘Piyaasaan’ jiru.
Qaamooleen ‘Afriikaanoo’ kunneenis Xaaliyaaniin karaa tokkoonis ta’e karaa biraatiin maqaa magaaloota biyyoota kolunoleeffatteetiin moggaafaman.
Viiyaalee Itoophiyaa, Viiyaalee Eritraa, Viiyaalee Somaaliyaa fi Viiyaalee Liibiiyaa maqaawwan daandiiwwan gurguddoon naanniichaa ittiin moggaafamaniidha.
Viiyaa Adawwaa, Viiyaa Asmaraa, Viiyaa Dire Dawaa, Viiyaa Mitsawaa, Viyaa Tigree, Viiyaa Laaguu Xaanaa Viiyaa Maqalee, Viiyaa Maqalee, Viiyaa Addigraati, Viiyaa Siidaamaa, Viiyaa Indartaa, Viiyaa Tmbeen, Viiyaa Ashngee, Viiyaa Tiriippoolii fi ViiyaaBingaazee kanneen maqaa daandiiwwaniif moggaafaman keessaayi.
Piyaasaa Finfinnee (Adabaabaayi Finfinnee akka jechuuti), Piyaasaa Jimmaa, Piyaasaa Ambaalaagee fi Piyaasaa Gondar adabaabaayiiwwan xixiqqaa, daandiiwwan qaxxaamuraa ykn kaan naannichatti argaman ittiin moggaafaman keessaatti argamu.

Naannichatti moggaasa kanneeniis alatti maqaan daandiiwwan, ykn adabaabaayi hedduun jiru.
Qaama magaalaa guddoo Xaaliyaanii Room kan ta’e ‘Kaarteeree Afrikaanoon’ maqaa ‘Tirestee’ jedhamunis ni beekkama. Eddoonsaas kutaa Kaaba magaalatiitti argama.
Naannichi gamoowwan jireenyaa darbii shan hin caallee hedduus ni hammata. Kaarmeeloo Kiriiveentii ‘‘Faashiistoonni Itoophiyaa keessa bara dheeraaf kan turan itti fakkaatee ture daandiiwwan kan maqaa magaaloota Itoophiyaatiin moggaasan’’ jedhu.
Room keessatti dhalatanii kan guddatan gaheessi wagga 65 Kaarmeeloon Itoophiyaadhaaf ‘jaalala addaa qabaachu’ ibsu. Kanaaf waggoota dheeraaf dhimmoota Itoophiyaa itti dhuheenyaan kan hordofan.
Seenaa Hayilasillaase erga dubbiisaniin booda dhimma Itoophiyaatiin caalaa hawwatamu dubbatu.
Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarushee cimsanii kan morman Kaarmeeloon ‘‘Turee yoo qo’adhu maatiinkoos haata’an firoonni koo Itoophiyaa deemanii akka hin lolleen hubadhe. Itophiyaanoota hin ajjeefne. Sanaanis baayyee gammadaadha’’ jedhu.
Moggaasa daandiiwwan irrattis Kaarmeeloon akka jedhaniitti, akka yaadannoo Itoophiyaa jiraatuuf yaaduun kan taasifame miti.
Sammuu mootummaa Faashistii keessa kan ture fedhii bulchiinsa babal’ifachuu kan agarsiisuudha.
‘‘Yeroo ssana magaaloota babal’isa ture. Naannooleen ijaaraman haaraan Itoophiyaa fi biyyoota kolonii Xaaliyaanii jala turan kaan keessatti maqaa magaaloota bebeekamoo moggaasuu eegalan. Yeroo tokko tokkoos kan maqaa adda waraanaatiin moggaafamanis jiru’’ jedhu.
‘‘Daandiiwwan naannichaa bulchiinsa haaraa Xaaliyaan jechuun moggaasan. Kanaanis holola hojjataa lammiilee Xaaliyaaniitti boonsi akka itti dhagahamu taasisaa turan’’ jedhu.
‘Moggaasawwan kanneen yoo ilaalu miira manaatu natti dhagahama’
Kaarmeeloo Kiriiveentii yeroo torba gara itoophiyaatti marmaaraniiru.
Itoophiyaadhaaf jaalala addaa qabaatulleen ollaa Kaarteree Afrikaanoo maggaala magaaloota itoophiyaa qaban bira yoo dirqama ta’e malee deemuu hin barbaadu. Maaliif?
‘‘Dhugaa dubbachuudhaaf naannichisaa kan nama hawwatu miti. Kan konkominiyeemiin guutameedha. Magariisa baayyee hin qabu. Tiraafikni itti baayyata. Bakka konkolaataa dhaabdu argachuuf ni rakkatta. Kanaafuu naannicha baayyee hin jaaladhu’’ jedhu.
Yaada kana Finfinneetti dhalatanii kan guddatan jaalataan itoophiyaa biraa Kaarmeeloo Joordaanoom ni qooddatu. Naanicha dhaquun miira manatti argamuu qabaata jedhu.
Garaagarummaansaa, Kaarmeeloo Joorjiinoo naannichi nama hawwachu baatulleen, achii dhaquun nama gammachiisa. Naannoo sana yoo dhaqu ‘‘hamman mana jiru natti dhagahama’’ jedhan.
Namni kunis karaa haadhaatiin lammii itoophiyaa yoo ta’na, hanga waggaa 21tti Finfinnee jiraatan. Maanguddoon waggaa 70 kunis waggaa 48f ammoo Xaaliyaanii jiraatan.
Bara Dargiitti Itoophiyaa bahuun gadda itti umee ture. ‘‘Ani biyyikoo Itoophiyaadha. Xaaliyaaniin biyya abbaakoo ta’ulleen, xiyyaara irraa bu’ee yoon Room qaqabu, akkan waan du’eetti natti dhagahame. Baayyee baayyee gaddeen ture. Sababiinsaas maatiikoo, haadhako, eddoon itti dhaladhe, hiriyootakoo dhiiseen dhufe’’ jechuun yaadatu.
Kanaanis miira gaddaafi mukaawurraa boqachuuf ollaa moggaasa maqaa Itoophiyaa qaban bira dhaqaa turan.

Akka har’aa ‘Google Map’ bara hin jirreetti naannicha attamiin beekte?
Kaartaawwan waraqaa atobisoonniifi baabuurri itti fayyadaman irra Itoophiyaa fi maqaan magaalootashee arge jedhu. Isaan bodas yeroo osoo hin fudhatiin ‘Kaarteeree Afrikaanoo dowwatan.
‘‘Akkuman dhufeen torban illeen osoo hin guutiin garasana dhaqe’’ erga jedhaniin booda, ‘‘hanga ammaattuu yon achiin darbumiira manaatu natti dhagahama. Maqaa magaaloota biyyakoo yoon achirratti argu, miira akkan waan biyyakoo jiruutu natti dhagahama’’ jedhan.
Xaaliyaaniitti daandiiwwaniif maqaa kennuu ilaalchisee seerri biyyaleessaa tokko hin jiru. Kunis aangoo manneen qopheessaa fi waajiraalee kantiibaatiif kan kennameedha.
Bulchiinsitoonni magaalaa daandiiwwaniif maqaa kennuurra yoo barbaachisaa itti fakkaate jijjiruufis aangoo qabu.
Roomiifi magaaloota Xaaliiyaanii kaan keessatti moggaafni daandii fi eddoo kanneen seenaa hojjataniin ykn namoota haleellaawwan adda addaatiin ajjeefamaniin ykn haala seenaa nnaachitaatiin ykn haalawwaniifi eddoowwan Xaaliyaaniin wal qabataniif yaadamu qabaniin moggafamu akka danda’na labsameera.
Ka’umsa kanaatinis Roomiitti eddoowwan lama maqaa Atileeti Ababa Biqilaatiin daandiiwwan moggaafamaniiru.
Daandiiwwan ‘Kaarteeree Afriikaanoo’ maqaa magaaloota Itoophiyaatiin moggaafamanii hanga har’aatti turusaanii Kaarmeeloo lamaanuu haala gaariin ilaalu.
Naanichatti maqaan Itoophiyaa jiraachunsaanii ‘‘dhaloonni amma jiru yeroo bada ature akka hin yaadannee gaariidha. Dargaggoonni yeroo darbe maaltuu raawwatamee ture kan jedhu baruudhaaf waan gaariidha. Yakka Xaaliyaaniin Itoophiyaarratti raawwatteefis yaaddannoo gaariidha,’’ jedhu Kaarmeeloo Kiriiveentiin.
Itti dabalunis ‘‘eddoon kun yaadannoo qofa ta’e turu qabaata. Baduu hin qbaaatu. Maqaan yoo badeefi jijjirame, akka waan seenaan haqameetti lakkaa’ama’’ jedhu.
Kaarmeeloo Joordaanoon ammoo ‘‘Yeroo badaa weeraraa Zanatti koggaafame. Garuu seenaan hin dhaabbatu bara faashisiitiin booda daandiiwwan kunneen kan jibbaa osoo hin taanee kan jaalalaa, kan yaadannooti’’ jedhu.
Haaluma walfakkaatuun ‘‘mootummaan faashistii’’ naannoolee kaaniitti keessattuu maqaan Adawaa jedhu daandiiwwaniifi adabaabaayiif akka itti fayyadamaman kaasu Kaarmeeloo Kireshintoo.

‘‘Yeroo Mosoloniitti ‘haaloo baaneera’ jechuun Adawwaa eddoowwan garaagaraatti moggaasaaf itti fayyadamaman. Holola of tuluummaaf itti fayyadaman ture. Kanaan magaaloota hedduu keessatti Adawwaa ykn maqaa magaaloota Itoophiyaa hedduu kan moggaasan’’ jechuun ibsu.
Dhugaadha magaalaa seena qabeettii Xaaliyaanii kana biraa Filorns eddoowwan jidduugala buufata baabuuraa fi magaalaa keessatti adabaabaayiin Adawwaadhaan moggaafame jira. Sababin mogggaasichaa garuu kan yeroodhaa gara yerootti hir’achaa dhufe fakkaata.
Yeroo bakkiicha dhaqneetti barreeffama maqaa adabaabaayii jalatti nama mootara oofu lammii Xaaliyaanii tilmaamaan waggaa 50 ta’u tokko agarre.
‘‘Adabaabaayiin kun maal jedhamaa?’’ jechuun gaafanne. ‘‘Adawwaa jedhama’’ jedhe gara barreefamaatti quba qabaa.
“Adawwaan maal jechuudhaa? ‘‘Sirriitti hin beeku. Garuu maqaa nama seenaa ta’e hojjate natti fakkaata. Eddoowwan baayyeenis haaluma sanaan moggaafamu’’ nun jedhe.












