Chaayinaa wajjin 'Waraana Hololaa' haaraa keessa hin gallu- Baayidan

Madda suuraa, AFP
Joo Baayidan fi pirezidaantin Chaayinaa Shii Zhinping erga wal arganii mariyatanii booda biyyoonni lamaan "Waraana Ololaa" haaraa keessa akka hin galle himan.
Akkasumas Chaayinaan humnaan Taayiwaan weerarti jedhanii akka hin ammanne dubbatan.
Baayidan erga pirezidaantii Amerikaa ta'anii filatamanii as anga'oonni biyyoota gurguddoo addunyaa lamaan qaaman wal arganii mariyachuun isaanii kun isa jalqabaati. Kora biyyota dureeyyii digdamaa G20 Indoneeshiyaa, Baalitti gaggeeffamu dursanii pirezidaantonni kun lamaan marii godhataniin dhimma Kooriyaa Kaabaa fi weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwate kaasanii dubbataniiru. Lamaan isaanituu Yukireen Raashiyaan Yukireen keessatti boombii nikularaa akka hin fayyadamne waan danda'an akka godhan walii galaniiru. Gama biraan Chaayinaan rakkoo jiru karaa nagaan akka furamuuf fedha akka qabdu, garuu ammoo "rakkoo wal xaxaaf furmaanni salphaan hin jiru" jedhan Zii Jinping.
Baayidan ibsa miidiyaaf kennaniin "Chaayinaan Kooriyaa Kaabaaharkaa qabdi jedhee hin yaadi" garuu ammoo Kooriyaan Kaabaa yaalii nikularaa biroo akka hin gaggeessine gochuuf Chaayinaan "itti gaafatamummaa" qabdi jedhan. Maarii Baayidan fi Zyii Jinping gidduutti marii sa'aatii sadii gaggeeffameen waa'en Taayiwan ajandaa guddaa ture. Chaayinaan Taayiwaanin akka qaama isheetti ilaalti, Taayiwaan garuu akka oddoola of dandeessetti socho'uun US waliin hariiroo cimaa qabdi.
Ji'a Hagayyaa keessa Af-yaa'iin mana maree Ameerikaa Nansii Peelosiin Taayiwaan daawwachuu hordofee Chaayinan shaaakala waraanaa cimaa naannoo Taayiwaanitti gaggeessun Ameerikaafi Taayiwaanif deebii laatte.
Baayidan akka jedhanitti dhimma Taayiwaan irratti ijjannoon Ameerikaa jijjiirame akka hin jirre Chaayinaaf ibsuu dubbatan. Irra deddebin Baayidan kan jedhan Taayiwaanni weeraramti taanan US Taayiwan akka tiksan dubbatan.
Pirezidaantin Chaayinaa gama isaanitiin US dhimma Taayiwaan irratti "ijjannoo dhaabataa qabaattee jecha ishee akka kabajju" gaafatan.
US walitti dhufeenya Chaayinaa waliin qabdu irratti poolisii "Chaayina Tokko" jedhu ni deeggarti. Akkasumas Taayiwaan waliin walitti dhufeenya idilee ta'e akka hin qabnes ibsaa turte.
Gama biroon ammoo Taayiwaan waliin walitti dhufeenya cimaa qabdi. Labsii Walitti Dhufeenya Taayiwaan waliinii (Taiwan Relations Act) jalatti Taayiwaanif meeshaalee waraanaa dhiyeessun oddolattiin akka of-ittistu gooti.
Pirezidaantinb Chaayiaa marii kana irratti, "Walitti dhufeenya Chaayinaa fi US tif daandii sirrii kaa'uu qabna, addunyaan haala wal xaxaa keessa jirti waan ta'eef" jedhan.
Itti dabaluunis, "Walitti dhufeenyi Chaayinaa fi US kan ani itti kufee ati itti kaatu ta'uu hin qabu....
"Addunyaan guddinaa fi badhaadhina waloo Chaayinaa fi US simachuuf dandeettii qabdi" jedhan.
Aangawooni biyyoota lamaanituu mwaan argatan akka qaban dubbatu xiinxaltoonni.
Chaayinaan Ameerikaadhan akka hin sodaachifambe carraa kanaan ibsatte, US ammoo dhimma Taayiwaan irratti ijjannoo cimaa qabaachuu ishee Baayidan akka ibsatan dubbatu xinxaaltonno.












