Hogganaan Taalibaan adabbiiwwan Shariyaa hojiirra akka ooluuf ajajan

Madda suuraa, AFGHAN ISLAMIC PRESS
Hogganaan Taalibaan Hayiibaatuulaah Akhunzaadaan dhakkaadhaan reebuu fi qaama namaa adabaabbaayiitti muruu dabalatee adabbiiwwan kaanis Afgaanistaan keessatti hojjiirra akka ooluuf ajajan.
Dubbi himaan isaanii, namoonni balleessaawwan akka hannaa,ukkaamsanii butuufi kakaasuun balleessaan irratti argame haala seera Shariyaatiin akka adabamaniif ajaju himan.
Taaliibaan bara 1990 keessaa gara aangoorra wayita turaniitti adabaabaayiitti namoota fanniisanii adabuu dabalate, adabbiiwwan olitti eeraman hojiirra oolchuun mormiin mudatee ture.
Taaliibaan waggaa tokkoon dura gara aangootti wayita deebii’eetti addabbiiwwan kanneen salphisuuf waadaa seenee ture.
Haata’u malee, wal jalaan mirgoota dubartootaa dabalee dudhaalee bilisummaa danqan kaanis hojiirra oolchaa jira.
Hogganaan Taalibaan abbootii seeraa Afgaanistaan haaluma seera Shariyaatiin adabbii akka murteessan ajajan.
Dubbii himaan Taalibaan Zaabiibulaah Mujaahiid toora tiwiitara isaaniirratti akka jedhaniitti, murteen kun kan darbe erga hoggantichi abbootii seeraa waliin mari’atanii boodadha.
‘‘Dhimmi hattootaa, kan namoota danqaniifi kanneen okkora kakaasanii xiyyeeffannaan ilaalameera’’ jedhan.
Adabbiiwwan kam seera shariyaatiin akka nama adabchiisuu bal’inaan beekamu baatulleen, dureen ammantaa Taalibaan tokko BBCtti akka himaniitti, addabbiiwwan adabaabaayiitti qaama muruu, garafuufi dhakkaadhaan reebuu dabalata.
Murteen kunis Taaliibaan seeroota mirgaa fi bilisummaa daangeessan baasaa jiraachudhaaf raga dabalataaii jedhameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban darbe keessa dubartoonni paarkiiwwan Kaabuul keessaa akka hin dowwanneef dhorkamunsaanii ni yaadatama. Seerawwan dubartoota jireenya alaa irraa ittisan keessaa tokko, akka bakka sochiin qaamaa (ispoortii itti hojjatamu akka hin dhaqne kan dhorkudha.
Taaliibaan akka jedheetti, ‘‘dudhaaleen islaamaa hojiirra oolfamaa hin turre.’’
Humnoota biyya alaa waggoota 20 ture baasuu hordofee, Taaliibaan erga gara aangootti deebii’ee asiitti, hokkoorri guutuu Taaliibaaniitti mul’atu hirratulleen sarbamiwwan mirga namoomaa baayyataniiru.
Mormitoonni, gaazexessitoonni fi dubartoonni xiyyeeffannaa sarbama kanaa duraati.
Taalibaan cinqursaan dubartootaa bara 1996- 2001tti aangoorra wayita turee sun akka hin jiraannee waadaa galluurreen, wallakkaan ummataa Afgaan dhorkaa cimaa jala galeera.
Dubartoonni dhiira waliin dabaalamtu malee imala dheeraa deemuu hin dandeessu. Shamarran hanga yoonaatti mana barnootaatti hin deebiine.
Dubartoonnii dameewwan barnootaafi fayyaa irratti bobba’an hojii akka dhaabaniif Taaliibaan ajajeera.
Baatiiwwan dura dubartoonni alatti rifeensa saanii akka haguuganiin kan ajajaman yoo ta’u, kanneen mirgasaanii kabachiifachuuf yaalan irratti reebiichi raawwatameera.
Taalibaan hanga mirga namoomaa, nageenyaa fi bulchiinsaan wal qabatee waadaa addunyaaf seenee sana eeguutti doolaaroota biiliyoonoota akka hin sochoofneef dhorkaan irra kaa’ameera.












