Taaliibaan dubartoonni paarkii bashananaa akka hin seenne dhorke

Madda suuraa, AFP
Mootummaan Taaliiban dubartoonni paarkiiwwan magaalaa Kaabul keessa jiran hundarraa dhorke.
Kun dubartoonni jireenya hawaasa biyyattii keessatti akka hin hammatamne dabalataan haalaa moggaatti baase.
Dubbii himaan Ministeera Naamusaa badaa fi gaarii biyyattii, hojii gaggeessitoonni dubartoonni paarkiwwan akka seenne ajajamu BBC'tti hime.
Garichi akka jedheetti, paarkilee kanneen keessatti seerri Islaamaa eegamaa hin turre.
Hagayya bara 2021 erga Taaliibaan aangoo erga qabatee kaasee mirgaa fi bilisummaan dubartootaa garmalee to’atameera.
Seerawwan Taalibaan kan namoota saalaa fi dubartii ta'uun adda qoqqooduu hordofu jalattilleen, torbe keessatti dubartoonni guyyaa sadii - Dilbata, Wiixataa fi Kibxata paarkiilee akka akka dowwataniif hayyama. Dhiironni ammoo guyyoota hafan afran haa dowwatan jedha jedha turan.
Amma garuu dubartoonni dhiira firasaanii wajjiin deemanis paarkiiwwan seenu hin danda’an.
Sababiin akkana gooneef, ji'oota 15n darban keessatti, carraaqqii akkamiiyyuu yoo raawwannee, namoonni paarkii deeman seera Shariyaa kabajaa hin turre,” jedha dubbii himaan Ministeera naamusa badaafii gaarii biyyatti, Mohammad Akiif.

Madda suuraa, Getty Images
Dhorkaan dubartoota irra ka’ame kunin paarkilee bashannanaa bakka maatii fi ijoolleensaani wajjiin daawwatan kan dabalatuudha.
Ammatti seerri kun magaalaa Kaabul qofa keessatti hojiirra oolaa jira, garuu seerrii akkana duraan biyyatti guutuu qaqqabuun beekamaadha.
Dubartiin tokko kan Ejjansii Oduu Reuters karra paarkii irratti arge, akka hin gallee deebifamuuf dubbatte.
“Hadholiin daa’imman saanii wajjiin yoo paarkii dhufan heyyama kennuuf qabu. Ijoolleen kun waan gaarii kamuu argaa hin jirtu…kanaaf maatii taphatanii akka bashannan taasiisu malan,” jetti dubartiin tun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsa Taaliibaan jalatti dhorkaan hedduu kan bilisummaa dubartootaa danqan ka’amaniiru.
Dubartonni hedduun mirgasaanii falmachuuf rakkataniiru. Imala karaa dheeraa dhiira firasaanii malee akka hin deemne dhorkaniiru.
Bakkeewwan hedduu keessatti shamarran mana barumsaatti akka hin deebineef dhorkamaniiru, Taaliibaan garuu akka deebi’anii baratan eeyyama kennuuf waadaa gale.
Dubartoonni gariin damee fayyaa fi barumsa keessa hojjatanis, hedduunsaanii erga Taaliibaan aangoo qabatee booda hojiitti akka hin deebine ajajamanii turan.
Caamsaa bara kana, Taaliibaan seera dubartoonni alatti fuulasaanii akka haguuganii dirqisiisu dabarsan.
Garuu, dubartoonni magaalota keessa jiraatan seera kana hordofaa hin jiran.
Taalibaan hacuuccaa hamaa dubartootarra gaafa jalqaba bulchiinsa isaanii bara 1990 ture ka'ame akka hin deebifne waadaa galanii turan.
Amma mirga dubartootaa kan seera Shariyaa keessa jiru akka kabajan himan, kanaaf dubartootni barnootaa fi bakka hojii irraa akka hin dhorkame dubbatu.
Haata’u malee, dippiloomaatonni biyyoota lixaa, deeggarsi biyyattii rakkoo diinagdee keessa jirtuuf taasifamu akkaataa dubartoota kunuunsitu irratti hundaa'a jechuun akeekan.












