Haleellaa Tarkii, Isaambuliitti raawwatmeen namoonni jaha ajjeefamanii 81 madaa’an

Balaadhaan booda namoota wal jajjabeessaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Dhohinsa jidduugala Istaambul bakka namoonni itti baayyataniitti qaqabeen yoo xinnaate namoonni jaha ajjeefamanii 81 ma’daa’u aanga’oonni Tarkishi himan.

Dhohinsichis Dilabata Sadaasa 13, 2022 akka biyyaatti gara sa’aatii 16:20tti daandii daldlaa naannawa adabaabaayi Taaksim irratti mudate.

Shakkamaan amma to’atamu minishirri dhimma biyya keessaa himan.

Pirezidantii Ittaanaan Fuat Oktaay duraan, haleellichi gochaa shororkeessaa dubatiin raawwatame akka ta’e yaadama jedhanii ture.

Pirezidanti Riisip Taayip Erdogaan ammo ammo gochicha kan raawwate ni adabama jedhan.

Istaambul keessatti haasaa gaazexessitootaaf taasisaniin, gochaa ‘’haleellaa sukkaneessaa’’ jedhaniin balaaleefachuun, ‘‘urgaan shororkaa qilleensa keessa’’ jira jedhan.

Ministeerri Haqaa Bakiir Bozdaag miidiyaa biyyattiitti akka himaniitti, dubartiin tokko teessuumma irra gara daqiiqaawwan 40 erga taa’aa turteen booda dhohinsaan daqiiqaa muraasaan dura achii deemte.

Wiixata ganama ammo Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Suleeyimaan Sooyluu, namni boobmiicha achi kaa’uun shakkame poolisiin to’ateme jechuun, gochiichaaf Paartii Hojjattoota Kurdish (PKK) ittigaafatamaa taasisan.

Gareen milishaa PKK jedhamu bulchiinsa Tarkiye keessatti bulchiinsa Kurdish bilisa taatee hundeessuuf qabsaa’a.

Tarkiye, Gamtaan Awuroppaa fi Ameerikaan garee kanaan shororkeessaa jechuun farajaniiru. Gaazexessituun BBC bakka dhohinsi kun itti mudate dhaqxes naannichatti miseensoonni poolisii hedduun bobbaafamu, hilikopitaroonni naannicha yoo marsaniifi ambulaansiiwwan hedduun naannichatti yoo dedebii’an agarte jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartii bakka dhohinsi mudate turte tokkoos, ‘‘namoonni yoo asiifi achi fiiganiifi karaa kaaffeen ani tureetiin gara hospitaalaatti namoonni miidhaman hedduun yoo geeffaman argeera’’ jette.

Bakka dhohinsii itti mudate irraa fageenya meetira 50 irra kan ture Seemaal Duniizasii AFP’tti yoo dubbatu, ‘‘Aara gurraachatu ture.

Sagaleen dhohichaas baayyee cimaa ta’usaarraa kan ka’e gurra nama duucha ture’’ jedhe.

Tarkiyetti haleellaa hin maramne jedhem kun erga qaqabeen booda biyyoonni hedduun Tarkiye maddii akka dhaabbatan ergaa dabarsan.

Ameerikaanis biyyi miseenseen Nato taatee Tarkiyen waliin farra shorrorkessuummaa irratti akka wal taatu ibsite.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu’el Maakiroon gamasaanitiin tora tiwitara isaaniirratti Afaan Tarkiitiin, ‘‘Dhukkiibbii keessan nan qooddadh.

Duula shororrkaa irratti gaggeeffamuun isin waliin jirra’’ jedhan.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin haaluma walfakkaatuun afaan Tarkiitiin ‘‘dhibeen jaalalleewwan keenya ta’an ummaata Tarkii nuttis ni dhagahama’’ jedhan.

Biyyoonni akka Paakistaan, Xaaliyaaniifi Giriik fa’is haleellicha hordofuun deeggarsa Tarkiif qaban ibsaniiru.