Iraan nama mormii mootummaarratti hirmaaterratti adabbii du'aa murte

Iran's leaders have portrayed the anti-government protests as "riots" instigated by foreign enemies

Madda suuraa, WANA VIA REUTERS

Manni Murtii Iraan nama mormii mootummaarratti badii raawwachuun walqabatee to'annoo jala oolerratti murtee du'aa kan jalqabaa dabarse.

Miidiyaan biyyattii akka gabaasanitti Manni Murtii Warraaqsaa biyyattii mormii mootummaarratti dhoyeen walqabatee, nama maqaan isaa ifa hin godhamne waajjira mootummaarratti ibidda qabsiise jedhameen ''diinummaa Rabbi irratti raawwate'' jechuun du'a itti murteesse.

Manni Murtii biraan ammoo namoota biroo shan nageenya biyyaalessaa fi uummataa cabsuun himataman irratti hidhaa waggaa shanii hanga 10 irratti mureera.

Gareen mirga namummaaf falmu tokko aanga'oonni ajjeechaa cigaasisaa raawwachuu malu jechuun akeekkachiisan.

Dhaabbatni Mirga Namoomaa Iraan Noorweey buufatee jiru ammatti namootni 20 ta'an himata du'aan adabsiisuu maluun hidhaa jala jiruu jedheera.

Daayirektarri dhaabbatichaa Mahmuud Amiiriiy Mogaddam hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii atattamaa akka fudhatan gaafatee, mormitoota du'an adabuun Riaaplika Islaamaa Iran ''gatii baasisa'' jechuun cimsee akeekkachiise.

Iraanitti mormiin guddaan kan dhohe ji'a lama dura shamarreen to'annoo poolisii jala osoo jirtuu du'uu ishee hordofeeti.

Dubartiin mana hidhaa keessatti lubbuun darbe seera hijaabaa cabsitee jedhamuun kan to'atamte turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mormiin du'a isheen walqabatee magaalota Iraan 140 keessatti babal'atee barkurnee tokkoo oliif hokkora biyyattiin argitee hin beekne uumeera.

Akka gabaasa Mirga Namoomaa Iraanitti, hokkora kanaan walqabatee namootni 326 tarkaanfii qaamolee nageenyaa biyyattiin ajjeefamaniiru - kanneen keessa ammoo daa'imman 43 fi haadholiin 25 ni argamu.

Ejensiin Oduu biyyattii biyya ormaa jiru Human Rights Activists News Agency lakkoofsi namoota du'anii 339 gahuufi namootni hidhaman ammoo 15,300 akka ta'an ibseera. Kana keessa qaamoleen nageenyaa 39 lubbuu dhabuus hime.

Aanga'oonni Iraan mormii irratti ka'e kanaan hokkora diinota alaan afarfamaa jiru jechuun ibsanii turan.

Hogganaan jaarmiyaa haqaa biyyattii Gholamhossein Mohseni Ejei ''qaamoleen ijoon dubbii kana eegalan'' atattamaan adda bahanii adabbiii kaaniin barsiisuu danda'atu irratti darba jedhan.

Itti dabaluunis warri hokkora irratti hirmaatan himata akka "moharebeh"(rabbiin irratti diinummaa raawwatu), "efsad fil-arz" (malaammaltummaa lafarratti raawwatu), fi "baghy" (qabsoo hidhannoo) jedhuun akka himataman himani.

Himanaawwan kunniin sirna haqaa Sheeriyaa irratti hundaa'een adabbiin isaanii hanga du'aatti.

Ragaaleen qaamolee haqaa irraa bahan akka agarsiisanitti, hanga ammaa mormitootni to'annoo seeraa jala oolan 2,000 ol ta'u.