Indiyaatti muuziqaawwan farra amantii Islamaa maaliif baay'ataa dhufan?

Chaaturveedii sirbaa osoo jiruu

Saandip Chaaturveedii gaheessa umuriin isaa ganna 29 yoo ta'u, muuziqaa hojjachuuf olii gadi jechaa jira.

Sirbi isaa kuni waa'ee masjiida tokkoo irratti xiyyeeffata. Innis hordoftoonni amantii Hinduu masjiidatti fayyadamuu mirga akka qabaniidha.

Sirbi isaa kuni ergaa haleellaa Musliimotaaf nama kakaasu hedduu of keessaa qaba. Kanaaf, Saandip sirba isaa gabaarra oolchuf qophiitti jira.

Sirboonni isaa gosoota muuziqaa Hinduu finxaalessummaafi jibba amanta Islaamatiin guutamaniifi Yuutubii fi miidiyaalee hawaasaa irratti gadi lakkifaman keessaati. Kaayyon sirboota akkanaa ergaawwan jibba amantaa Islaamaa dabarsuudha.

Walaloon sirba kanaa jibbiinsafi sodaachisuudhan kan guutedha. Ka'uumsi sirboota kanaa hordoftoonni amantii Hinduu barootaf dhiibban irra gahaaheera kan jedhudha. Kanaaf, ammoo barri gumaa baafannu gaheera jedhu.

Sirboonni akkasii madda galii ta'uu bira darbee sirbitonniyyuu ittiin beekamtii argataa akka jiran barreessafi xinxalaa siyaasaa kan ta'e Nilanjaan Mukhooppadiyaan ni dubbata. Nilaanjan sirboota kana akka muuziqaatti hin ilaalu.

"Warri kun waraanni yoo jalqabame malee warra jedhaniidha. Muuziqaan waraana waan mo'atu isaanitti fakkaata. Kuni muuziqaa akka hin malletti itti dhimma bahuudha. Kuni ammoo yeroo dheeraf deemaa jira," xinxalaan siyaasa fi aartii kun. Saandip Chaaturveedii chaanaalin Yuutuubii isaa osoo hin cufamin dura viidiyoowwan isaa miliyoonotatu ilaala. Chaanaalin isaa kan cufame namoonni heddu komii erga kaasanii booda.

Musliimotatu sirbichi sirrii mite jedhee kan cufsiise jechuun komata Saandip.

Saandip hordoftoota miliyeena sana dhabuu isaatti gaddus galii Yuutuubii irraa argatu ibsuuf fedha hin qabu.

"Yuutuubii irraa galii guddaa argachaa hin turre. Kana caalaa kanin argadhe beekamtiidha" jechuun laphee dhiibee dubbata. Saandip Chaaturveedii amma Yuutuubii irratti amma chaanaalii haaraa banee jira. Chaanaalii isaa haaraa kana sirba haaraa qopheessun barsiisuf abdii godhatee jira.

Namni kun muuziqaa isaatin jibba Musliimotaaf qabu agarsiisa jedhamee himatamus inni dhiifama hin gaafatu. "Kan koo kan ta'e argachuuf harka koo maradhee taa'un qabaa? Lakki. Sirboota nama kakaasan hojjachuun qaba" jedha.

Chaaturveedii istuudiyootti sirbaa osoo jiruu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namni biraa Appendiraa Raaanaa jedhamu kan naannoo magaala Deelhitti dhihoo jirtu jiraatu muuziqaa wal fakkaataa hojjata.

Kaayyon isaa "seenaa sirreessuu" akka ta'e dubbata. Sirbitoonni kun loltoota Hindii leellisuun gita bittaa Musliimotaati kan jedhan gadi xiqqeessanii muuziqaa qopheessu.

Raanan Yuutuubii irraa galii gaarii akka argatu hin dhoksine. "Hindiif sharafa biyya alaa argamsiisaa jirra. Yuutbin kan kaffalu doolarani waan ta'eef," jedha.

Raanan sirboota waaqeffannaa fi jaalalaa qindeesudhaan mandara keessa jiraatu Daadirii keessatti beekamtii guddaa argatee jira.

Yuutuubii irratti hordoftoota 400, 000 ata'an qaba. Sirboonni isaa hedduun miliyoonata hedduun ilaalamaniiru.

Raanan akka jedhutti viidiyoo muuziqaa tokko gadi dhiisuf doolaara 100 caalaa akka hin baasne dubbata.

Barreessa fi xinxalaa siyaasaa kan ta'e Nilanjaan Mukhooppadiyaan akka jedhutti, muuziqaa fayyadamuun garee hawaasaa muraasa ta'e haleellaf saaxiluun waanuma durii qabee tureedha.

Bara 1989 tti gareen finxaaleyyii Viishwaa Hinduu Paarishaad jedhamu dhagaa bu'uuraa falmisiisaa kaa'udhaan wal qabatee bara 1992 tti masjiidni Baabirii jedhamu diigamuu isaa ni yaadata.

"Sanaan dura kaaseettiwwan sagaleedhan waraabamanii fi ergaa amantii fi siyaasaa of keessaa qaban bahaa turan. Namoota kakaasuf jecha sirboonni kun irra deddeebin dhagahamaa turan," jechuun dubbata Nilaanjan.

Waggoota kurnan darbanii kaasee hojiin muuziqaa akkanaa dabalaa dhufeera.

"Hindii keessa jiraachuu yoo barbaadde, "vaandee maataraan" (haadha koo sin galateeffadha) jechuu barachuu qabda, ....akka humna keetti jiraachuu bari ykn warra Hinduu dadhaboo godhanii ilaalun yaada warra diinati," sirboonni jedhan fa'aa eenyu irratti akka xiyyeeffatan tilmaamun hin ulfaatu.

Sirboota kana abbootin siyaasaa sabummaa leellisan qalbii deeggartoota isaanii booji'uufis dhimma itti bahu.

Garee sabummaa leellisu kan Hindu Raashka Daal jedhamu kan gaggeessu Piinkii Chawudiriin, hamilee fi fedhii isaanii waan kakaaasuf dargaggoonni sirboota kana akka jaalatanii fi hubannoo isaanii kennuufis barbaachisaadha jechuun falma.

Dargaggoo sirba sabboonummaa leellisu ilaalu

Viijaayi Yaadav ammoo, "Sirboota kana gaafan dhaggeeffadhu tasa miirri wayii naaf dhufa. Kanaan dura waanta nurratti raawwatamee fi amma maalirra akka jirru na yaadachiisa" jedha.

Sirboota akkanaa dhaggeeffachuu kan jaalatu dargaggeessi ganna 23 Vijaayi ogummaa fakkii kaasuu qaba. Viijaayi ayaanota Hinduu ji'a Eblaa keessaa kabajamu irratti sirboonni kun bulchiinsota Hindii heddu keessatti walitti bu'uunsi akka uumamuuf kan kakaasaniidha jedhamee amanama.

Yeroo ayyaanaa kanatti hordoftoonni amantii Hinduu bakka Musliimonni itti heddummatan bira gaafa gahan muuziqaawwan arrabsoo qaban sagalee guddistuudhan gadi lakkisu.

Sirbi jibbiinsa amantaa Islaama fi Musliimotaa of keessaa qabu kan Saandip Chaaturveediin bara 2016 tti baase walitti bu'iinsa akkasii kakaasuu keessatti qooda guddaa akka qabutu hima.

Saandip garuu himannaa kana hin fudhatu. "Muuziqaa kootin hubannoo uumuf yaalan jira. Jaalala irratti qoosan hin jiru. Qabsaa'u fi kan keenya kan ta'e fudhachuu qabna," jedha Saandip Chaaturvee