Namichi ta'e jedhee konkolaataa namarra baasun ajjeese hidhaa waggaa 260'n adabame

Saayifuuloo Saayippoov

Himatamaan kun bara 2017 ture konkolaataa namarra baasee namoota saddeet kan Ameerikaa keessatti ajjeese.

Magaala Niiw Yoork daandii Manhaatan jedhamurratti ture namni Saayifuuloo Saayippoov jedhamu kun ajjeechaa kana kan raawwate.

Saayifuulon konkolaataa irra baasee namoota kana erga ajjeesee hidhameellee gaabbiin wayiituu keessa isaatti hin dhagahamne. Duuti lubbuu saddeetii homaa isatti hin fakkaanne.

Lubbuu namoota hamma ganaa gara jabinaan ajjeessuu isaafi gochaa isaatti gaabbuu dhabuusaaf manni murtii hidhaa waggaa 260 itti murteesse.

Manni murtichaas "lubbuufi jireenya nama baay'ee balleessite" jechuun murtee kana akka itti murteesse ibseef.

Saayifuuloo Saayippoov deeggaraa garee Islaamik Isteetifi haleellaa 9/11 jedhamu kan Niwu Yoorkitti lubbuu namoota kuma hedduu galaafate duubas jira jedhama.

Hidhaan amma isatti murtaa'e umurii guutuu qofa osoo hin taane bara inni lubbuun jiraachuf qabu dachaa hedduudha.

Murteen kun kaleessa, Caamsaa 17, kan itti murtaa'e yoo ta'u, namoonni maatin isaanii jalaa ajjeefaman yeroo yakkamaan kun mana murtiitti dhiyaatu itti iyyaa turan.

Abbaan murtii "namichi kun uumama homtuu gaabbin itti dhagahamneedha" jedhan.

Lammii Uzbeekistaan kan ta'e Saayifuuloo Saayippoov amma nama ganna 35ti.

Gochaa ajjeechaa kana bara 2017 gaafa namarratti raawwatu konkolaataa fe'iinsaa kireeffachuun nama biskileetiidhaan deemaa tureefi namoota lafoo kararra deemaa turan itti buusun itti yaadee gara jabinaan ajjeese.

Yeroo balaa kana namootarraan gahu akka waan gaarii godheetti dhaadataa akka tureefi booda poolisiin itti dhukaasee to'annaa jala oolche.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma mana hidhaa Koloraadotti argamuu eegumsi addaa taasifamuufitti geeffamuun hidhaa waggaa 260 tu isa eeggata- umurii hanga kana jiraachuu baatus.

Mana kana keessatti guyyaatti sa'atii 23'f bakka mana keessaa bahuu hin dandeenye keessatti itti cufama. Kuticha keessaa gara mooratti gadi bahuuf sa'aatii 1 qofa qaba.

Moniikaa Misiyoo kan ilmishee nama kanaan jalaa ajjeefame: "Inni galgala rafee ganama ka'a, ilmi koo garuu bakka hin kaane dhaqe. Kuni baay'ee garaa na guba. Bineensummaafi hammeenyi isaa garaa aarin akkan guutamu na godha" jechuun mana murtiitti dubbatte.

Balaa Saayifuuloon geessise kanarraa kan hafte Reechel Faarn miidhaa isheerra gaheef namicha kanaaf dhiifama gootullee, warra inni itti yaadee lubbuu isaanii galafateef dhiifama akka hin goonef dubbatte.

Namoota Saayifuuloon ajjeese keessaa shan turistoota turistoota Arjentiinaarraa dhufan yoo ta'u, tokko ammoo lammii Beeljiyeemiti.

Namoonni biroo lama ammoo lammiilee Ameerikaa yoo ta'an kan biroo 12 madaa'anii turan.