Meeshaan sochiisaanii hordofu Nikoolaas Saarkooziitti hidhamuuf

Madda suuraa, EPA
Pireezidantiin duraanii Firaansi Nikoolaas Saarkoozii yakka malaammaltummaa ittiin himataman irratti ol-iyyannoo gaafatanis, iyyati isaanii fudhatama dhabeera.
Manni Murtii ol-iyyannaasaanii ilaale, qondaalli siyaasaa gameessi kun akka namoota kaanii mana hidhaa seenu osoo hin taane, meeshaan sochiisaanii hordofu itti maxxanfamee manasaaniitti adabbiisaanii xumuru jedhe.
Saarkooziin osoo dhimmi isaanii ilaalamaa jiru bara 2021 abbaa murtii jeequu fi doorsisuun adabbiin hidhaa waggaa sadii itti murtaa'ee ture.
Maanguddoon umrii waggaa 68 kun addatti baafamanii hidhaadhaan adabamuun Pireezidantii Firaansi duraanii isa jalqabaa ta'u.
Murtoo Roobii kaleessaa (Caamsaa 17, 2023) darbe booda abukaatoon Saarkoozii, qaama aangoo olaanaa qabu kan ta'e mana murtii Yakkaa fi Ol-iyyannoo Firaansi- Court of Cassation jedhamuun ijibbaata falmachuuf qophii ta'uu himte.
''Nikoolaas Saarkooziin yakkamaa miti. Dhimma kana qabannee haga dhumaatti ijibbaata falmina,'' jette abukaatoo Jaakuliin Laafoonti.
Pireezidantiin duraanii kun erga aangoo gadhiisanii booda bara 2014, abbaa murtii olaanaa tokko irraa odeeffannoo iccitii fudhachuuf dhiibbaa uumuunsaanii irratti mirkanaa'eera.
Dhimma kanarratti Saarkoozii fi abukaatoon isaanii wayita bilbilaan dubbatanitti poolisiin sagaleesaanii waraabee ture.
Saarkooziin abbaa murtii kanarraa odeeffannoo yoo argatan, gatii isaa carraa hojii akkaan mishaa ta'e Monaakoo keessaa kennuufiif akka waadaa galanii turan abbootiin alangaa mana murtii amansiisaniiru.
Abbaan murtii fi abukaatoon dhimma kana keessa turan hidhaa waggaa sadiin adabamaniiru, lameenuu hojiirraa gaggeeffamaniiru.
Teknolojiin electronic tag yookaan bracelet jedhamuun beekamu, yeroo hedduu koronyoo irra kan hidhamu oggaa tahu, sochii kallattii nama itti godhamef to'ata.
Teknolojiin kun biyyoota hedduutti dhimmoota fayyaa, godaantotaafi kaaniif kan oolu ennaa tahu, gara caalu sirna kallattii GPS fayyadamuun hordoffii taasisa.

Madda suuraa, Getty Images
Taateen kun himannaawwan malaammaltummaa Saarkoozii irratti ka'an keessaa tokko, isaan garuu hundayyuu ni haalu.
Jalqaba ji'a kanaarratti abbootiin alangaa biyyattii, pireezidantiin duraanii kun duula filannoo isaa bara 2007 keessatti mootummaa Liibiyaa waan hirmaachiseef, sanaanis himatamuu qaba jechuun gaafataniiru.
Yeroon hirmaannaa siyaasaa Aab Saarkoozii obba'us, isaan garuu ammallee warra siyaasa mirgaa (right) irratti dhiibbaa uumaa jiru.
Paartiin isaanii- Paartiin Rippaablikaan manca'ee jira, paarticha walitti suphuuf miseensonni paartichaa yeroo hunda gorsa Saarkooziin masakamu.
Nikoolaas Saarkooziin waggaa shaniif marsaa tokko hanga bara 2012 pireezidantii Firaansi ta'uun tajaajilaniiru.
Bara bulchiinsa isaanii kufaatii diinagdee hamaa mudateef imaammataa fi rifoormii addunyaarratti maqaa argate hojiirra oolchuu, akkasumas godaantota gara biyyasaanii seenan dhorkuu irratti imaammata hamaa ta'e baasuun maqaansaanii ka'a.












