Muslimoota Firaansi: Muslimoonni duudhaa biyyattii akka fudhatan dirqamsiifaman

Muslimoota masjiida guddicha Paaris keessatti kadhachaa jiran

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Muslimoota masjiida guddicha Paaris keessatti kadhachaa jiran

Manni Maree Muslimootaa Firaansi torbee kana keessa Pirezidaantii biyyattii Imaanu'eel Maakroon arguuf jiru. Gabaasni asiin gadii kan luusi Wiliyaamsaniiti, Paarisirraa.

Kaayyoon wal arguu isaaniis ''Sona yookiin duudhaa chaartaraa yookiin waliigaltee'' mootummaan Firaansi gaafachaa jiru mallatteessuu ilaalchisee yaada qaban irratti dubbachuuf.

Mootummaan Firaansi muslimoonni biyyattii ''Sona ykn duudhaa Chaartaraa ykn waliigaltee'' akka hojiirra oolchan dhiibbaa uumaa jira.

Keessattuu dureewwan amantichaa yookiin imaamonni waliigaltee kana akka mallatteessan dhiibbaa uumaa jira.

Mala kanaan sammuu fi onnee muslimoota qabachuuf jedha.

Manni maree kun wayita waliigaltee kana mallatteessu wantoota gaafatame keessaa tokko, amantii islaamaa siyaasaaf itti fayyadamuurraa of-qusachuufi qaamoleen alaa keessa seenuun akka dhiibbaa irraan hin geenye gochuudha.

"Hundi keenyayyuu waan chaartarri kun jedhutti walii hin gallu. Qabiyyeesaatti walii hin gallu. Garuu nuti muslimoonni Firaansi yeroo murteessuu keessatti argamna.

''Nuti muslimoonni Firaansi dirqamni nuti qabnu yeroo ammaa nutti cimeera'' jechuun dubbatan, Pirezidaantii Itti Aanaan mana marichaafi dureen masjiida guddicha Paaris Chems-Eddine Hafiz.

Hiriira diddaa jibbiinsa amantii islaamaa, bara 2019

Madda suuraa, Getty Images

Waggaa saddeet dura haalli ture haala amma jiruun waladda jedhu dureen amantii kun.

Yeros namni Mohaammad Merah jedhamu tokko Tuuluz keessatti haleellaa raawwatee ture.

"Pirezidaantiin duraanii Firaansi Nikolaas Saarkooziin barii sa'atii 11 irratti hirribarraa na kaasanii, waa'ee haleellichaa dubbanne. Akkas jedheen itti hime: Maqaansaa Mohammad ta'uu danda'a, garuu yakkamaadha.

''Yakka sanaa fi amantii kiyya walitti hidhuu hin feene. Har'a garuu akkasin godha. Imaamonni Firaansi waan hedduutu nurraa eegama,'' jechuun waan badaan amantii islaamaa waliin walitti qabsiifamaa dhufuusaa ibsu dureen kun.

Kaayyoon karoora haaraa kanaa Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Firaansi imaamota galmeessee akka qabatuu fi imaamonni hunduu chaartara kanarratti mallatteessanii, achiin booda ammoo eyyama hojiisaanii seera qabeessa ta'e akka argatan gochuufi jedha mootummaan.

Maakroon

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Maakroon Firaansi karoora kana gonkumaa hin dhiistu jedhan

Onkoloolessa darbe keessa pirezidaanti Imaanu'eel Maakroon dureewwan amantii muslimaa irraa ''dhiibbaa cimaa'' kaa'uuf akka jiran dubbatanii turan.

Garuu dubbiin akkanaa biyya amantii fi mootummaan dhimma walii keessa akka hin galle kabajju keessatti baay'ee ulfaata.

Pirezidaanti Maakroon namoonni amantii islaamaa siyaasaaf akka itti hin fayyadamne dhorkuu fedhu. Garuu kana gochuusaaniitiin akka amantii keessa galaa jiran ammoo hin hubanne.

Amantii tokko qofarratti xiyyeeffatanii dubbachaa akka jiran hinagarre.

Hawaasi musliimaa hundi aadaa fi duudhaa Firaansi ofitti fudhatee akka jiraatu gochuun siyaasa hamaa yeroo ammaa Firaansi keessa deemaa jiru ta'eera.

Firaansi hawaasa muslimaa miiliyoona shanitti siqan qabaachuun Ardii Awuroopoppaa keessaa jalqabarra jirti.

Dhimma muslimoota Firaansi irratti dubbachuun kan beekamu Oliiviyer Rooy, chaartarri kun rakkoo lama qaba jedha:

Tokkoffaa dhimma muslimootaa qofa addatti baasee waan ilaaluuf amanticha qoollifataa jira, lammaffaa mirga amantii sarbaa jira jechuun ibse.

"Seeraa fi heera biyyattii kabajuun dirqama. Garuu duudhaa biyyattii hunda fudhattee ittiin boonuu dhiisuu dandeessa. Fakkeenyaaf mirga warra saalaa wal-fakkaataa qabaatanii wal-fuudhanii dhiibuu dhiisuu dandeessa.

''Yookiin isaan qoollifachuu dhiisuu dandeessa. Garuu, fakkeenyaaf, manni amantaa kaatoolikii namoonni saala walfakkaataa akka wal-fuudhan hin deggeru,'' jedha namni kun.

Dizaayinara faashinii kan taate Imaan Mestaoui, shaarbiin isheen hojjettu rifeensa dubartootaa sirnaan hin haguugu jechuun muslimootuma irraa qeeqi akka ishee mudatu dubbatti.

Ta'us garuu imaamonni akka ''duudhaa chaartaraa'' mallatteessan hin deggertu.

Bakka muslimoonni biyyattii keessa jiran akka lammii Firaansitti ilaalamuu hin dandeenyetti duudhaa biyyattii ofitti fudhachuun rakkoodha jetti.

''Kun bakka nuuf hin malle dhaabachuudha. Nuti duudhaa hawaasa Firaansitti gallee isaan ammoo ofitti si hin qaban taanaan bu'aa hin qabu''

Imaam Hassen Chalghoumi

Madda suuraa, EPA

"Homaa waan addaa gochuun nurraa hin eegamu jennee yaadna- gibira kaffalla (tajaajila biyyaalessaaf ni gumaachina)- kanuma, kun ga'aadha.

''Nama Firaansi ta'uu kee mirkaneessuuf foon booyyee nyaachuu, waayinii dhuguu, hijaabii dhiisuu, qamisii gabaabduu uffachuudha. Kun qoosaa guddaadha.''

'Haleellaa boombii finxaaleyyii'

Handaara magaalaa Paaristti kan argamu masjiida Drancy jedhamutti imaama kan ta'an Hasan Chalghoumi, mootummaan haleellaa shororkeessitootaa yeroo dheeraaf irra deddeebiin biyyattii mudateen booda karoora kana baasuuf dirqame jedhan.

Yaada jijjiirama qabu kanaaf doorsisi ajjeechaa kan irra ga'e imaami kun yeroo ammaa dhokatanii jiru.

''Uummata Firaansitti makamnee jiraachuuf deemsa dheeraa deemuu qabna. Seera kabajuu qabna. Sababa finxaaleyyii gatii kaffalaa jirra'' jedhan.

Seera shaarbii mataatti uffatamurratti mootummaan Firaansi baase irratti mormii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Seera shaarbii mataatti uffatamurratti mootummaan Firaansi baase irratti mormii

Dennai Charki, Masjiida Guddicha Paaris jirutti salaatuuf wayita dhufetti waan dubbate: ''Finxaaleyyii maqaa amantii islaamaa qabatanii haleellaa geessisan kunneeniif imaamonni waan mishaa yaadu. Seera Firaansi kabajuu dandeenya, kan amantii keenyaas ni kabajna. An gama kiyyaan kanan godha,'' jedhe.

Karoora kana hojiirra oolchuun hagam rakkisa?

Karoorri chaartara kanaa lootee seentota alaa galan ittisuu, jeequmsa ittisuu, yaaddoo mankaraarsitootaa hir'isuu akkasumas dargaggoota akka waan mootummaadhaan dagatamaniitti of ilaalan ofitti qabuudha.

Pirezidaanti Maakroon afaan Arabaa akka manneen barnootaa keessatti barsiifaman yaada dhiyeessaniiru.

Garuu muslimoota seera kana didan ammoo dirqamsiisuu fi inumaa akka muslimaatti hin ilaalaman jechuun ejjennoosaanii ibsan.

Sochii Msulimoota Firaansi keessatti yaada kennuun kan beekamu Hakiim El-Karou, pirojektiin kun akkaan bu'a qabeessa jedha.

Uummata muslimaafillee dhimma Firaansi keessa galanii, aadaa fi duudhaa uummataatti makamanii jiraachuutu bu'aa qaba jedha.

Dhimma muslimoota Firaansi irratti dubbachuun kan beekamu Oliiviyer Rooy ammoo fedhii fi dantaa hawaasa muslimaa irratti kan hundaa'u yoo hin taane seera kana hojiirra oolchuun ni ulfaata jedhe.