Firaansi: Magaalaa Niisitti gocha 'haleella shororkeessumaati' jedhameen sadi ajjeefaman

Madda suuraa, EPA
Firaansi magaalaa Niis keessatti namootni sadii haaduun waraanamuun du'uu poolisiin hime.
Kantiibaan Niis Kiristaan Estorii haalli jiru hundi gochi raawwatame 'haleellaa shororkeessummaa handhuura mana amantii Nootar Daam Basilikaatti raawwatame' ta'uu wanti akeekuu jiraachuu dubbatan.
Poolisiin akka jedhetti haleellaa kanaan dubartiin tokko mormatu irraa kutame, kaan waraanamanii lubbuun isaanii bahe.
Kantiibichi gochicha 'islamofascism' ykn 'gocha gara jabinaa amantaa Islaamaa daheeffate' jechuun ibsan.
Namni haleellaa kana raawwachuun shakkame madaa'ee to'annaa jala kan oolfame yoo ta'u, bakka yaalamaa turetti irra deddeebiin 'Allahu Akbar [ Waaqayyo guddaadha] jechuun dubbataa ture' jedhan.
Estoriin akka jedhanitti kanneen ajjeefaman keessaa tokko nama mana sagadaa Notar Daamitti keessa hojjetudha.
Ministeerri dhimma biyya keessaa namootni naannicha akka hin deemne akeekkachiiseera.
Pireezidant Emaanu'el Maakiroon ammoo Kamisa sa'a booda kana bakkicha ni daawwatu jedhamee eegamaa jira.
Yaa'ii Biyyaalessaa ministitirri Muummee Jiin Kaasteksi waa'ee uggura sochii fi yeroo labsame irratti ibsa yoo kennan yaadannoon sammuu callisa daqiiqaa tokkoo kanneen du'aniif taasifameera.
''Gaaffii tokko malee kun qormaata guddaa biyya keenya miidhaa jirudha'' jedhanii tokkummaan akka dhaabbataniif waamicha dabarsan.
Magaalaan Niis yeroo dhiyoon as qiyyeeffannaa halaallee adda addaa keessa kan galte yoo tahu bara 2016 keessa lammiin Tuniziyaa ganna 31 tahe konkolaataa namoota baay'atanii ayyaana irratti argamanitti oofuun lubbuu namoota 86 galaafatee ture.
Guyyaa tokko booda lubni Jaakuus Hamel yeroo kadhannaa waldaa Ruheen taasisanitti morma kutamuun ajjeefaman.
Haleellaan kun jalqaba ji'a kanaatti Kaaba Lixa Paarisitti ajjeechaa mana barumsaa tokko cinaatti barsiisaa tokko irratti raawwateen duuba kan dhaqqabedha.
Barsiisaan Saamu'eel Paatii kaartuunii falmisiisaa tahe kan Nabiyyuu Mohaammad ijoolleetti agarsiisuun guyyaa tokko booda mormi irraa kutamuun ajjeefame.
Pireezidant Maakiroon ajjeechaa kana wayita balaaleffatan gocha barsiisichaa deeggaruu isaaniitin hogganoota biyyoota Arabaa fi muslimoota kutaalee addunyaa adda addaarra jiraniin balaaleffatamaa turan.












