Firaans biyyootni Arabaa oomishaalee ishee lagachuun 'sirrii miti' jette

Suuqiiwwan Kuweet omishaalee Firaans girgijjii isaanii irraa kaasaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuqiiwwan Kuweet omishaalee Firaans girgijjii isaanii irraa kaasaa jiru

Biyyootni Arabaa lagannaa omishaalee Firaans taasifamaa jiru dhaabsisuu qabu jette biyyattiin.

Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Makiroon waa'ee 'kaartuunii fakkii Nabiyyuu Muhaammad' yaadni isaan kennaan musliimota guutuu addunyaarra jiran mufachiisee jira.

Lagannaan meeshaalee gurgurtaa Firaansiin oomishamanii biyyoota Arabaa keessatti taasifamaa jirus mormii yaada pireezidantichi kennaniin wal qabata.

Waamichi lagannaa oomishaalee Firaans "kan bu'uura hin qabnee fi fiinxaleeyyii muraasaan oofamu" jedhe ministirri haajaa alaa Firaans.

Omishaaleen Firaans suuqiiwwaan Kuweet, Joordaan fi Qaxaar keessaa baafamaniiru.

Saa'udii Arabiyaa keessatti ammoo lagannaa wal fakkaataaf marsaalee hawaasaa irratti waamichi taasifamaa jira.

Omishaalee Firaans lagachuu qofa osoo hin taane supparmaarkeetii guddicha kan Firaans ta'e 'Careffour' jedhamu biyyoota addunyaa hedduu keessaa damee qabu akka lagatanis waamichi taasifamaa jira.

Liibiyaa, Siiriyaa fi Gaazaa keessatti ammoo hiriirri mormii mul'ateera.

girgijjii duwwaa suuqiiwwan Firaans

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lagannaan kun 'bu'uura hin qabu' jette Firaans

Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Makiroon, barsiisaan Saamu'eel Paatii jedhamu kaartuunii fakkii Nabiyyuu Muhaammad ofirraa qabu daree keessatti barattootatti agarsiisee jennaan haala suukkanneessaan erga ajjeefamee booda yaadni kennan musliimota mufachiiseera.

Pireezidantichi wanti jedhan; barsiisaan kun "kan ajjeefame sababa fiinxaleeyyiin Islaamaa egeree keenya waan barbaadaniifi," Firaans garuu "kaartuunii keenya agarsiisuu hin dhiisnu".

Wanta fakkii Nabiyyuu Muhaammad ofirraa qabu kamiyyuu agarsiisuun musliimota biratti gocha fudhatama hin qabnedha.

Sababni isaas aadaan Islaamummaa fakkii Allaah akkasumas kan Nabiyyuu Muhaammad agarsiisuu cimsee dhorka.

Haa ta'u malee 'secularism' ykn dhimma amantaa irraa bilisa ta'uun ammoo aadaa Firaans isa bu'uuraati.

Miira garee tokkoof jecha mirga yaada ofii akka fedhanitti ibsachuu daangessuun tokkummaa biyyattii miidha jetti Firaans.

Dilbata pireezidant Makiroon irra deebi'uun ejjennoo Firaans kana tiwiitara irratti mul'isan; "yoomiyyuu tole hin jennu, gonkumaa" jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Hoggantoonni siyaasaa Tarkii fi Paakistaan pireezidantichi 'mirga amantaa' kabajuu dhabuu fi musliimota Firaans miliyoonaan lakkaa'aman hacuucuun qeeqaniiru.

Dilbata pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdogaan irra deebiin yeroo lammataaf, Maakiroon ilaalcha Islaama irratti qabuun wal qabatee 'rakkoo fayyaa sammuu qabaachuu hin oolu, haa ilaalamu' jedhaniiru.

Firaans yaada wal-fakkaataa Erdogaan Sanbata kennaniin dheekkamtee ambaasaaddara ishee Tarkii jiru gara biyyaa waamtee turte.

Erdogaan, namichi Maakiroon jedhamu rakkoon inni Islaamaa fi Musliimotaa waliin qabu maalinni? jechuunis gaafatan.

Hogganaan Paakistaan Imraan Kaan ammoo Makiroon 'osoo hubannaa Islaamaa tokko hin qabaatiin, Islaamaa haleelaa jira' jechuun qeeqan.

Jalqaba baatii kana osoo barsiisaan fakkii Nabiyyuu Muhaammad agarsiise hin ajjeefamiin dura, pireezidant Makiroon, kanneen yaada 'Islaamummaan adda qooduu' qaban to'achuuf seera jabaa akka baasan dubbatanii turan.

Islaamni amantaa rakkoo keessa jiru jechuun gareen musliimota biyyattii miliyoona jaha ta'an hawaasa kaan irraa adda qooduuf socho'u jira jedhu.

Kaartuuniiwwan fakkii Nabiyyuu Muhaammad agarsiisan seenaa siyaasaa Firaans keessatti yaadannoo gaarii hin qabani.

Bara 2015 waajjira barruu wantoota adda addaa qoosaan fakkeessee maxxansu 'Charlie Hebdo' jedhamu keessatti namoonni 12 ajjeefamanii turan. Barruun kun kaartuuniiwwan adda addaa maxxansaa ture.