Haleellaa barsiisaa Faransaay: Viidiyoo gadhiifameen walqabatee mootummaan masjiida cufe

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Faransaay viidiyoo barsiisaa gaafa Jimaataa ajjeefamen walqabatee gadhiiseen akka masjiidni cufamu ajaje.
Masjiidni kuni Kaaba magaalaa Paarisiitti kan argamu yoo ta'u gaafa Roobii eegalee ji'a jahaaf cufama jedhameera.
Viidiyoo barsiisichi osoo hin ajjeefamiin dura gadhiifame irratti masjiidichi tarkaanfiin akka fudhatamuufi teessoo mana barumsaa isaa qoodeera.
Boodarra masjiidni viidiyoo gadhiifameen ''gaabbuu'' ibse.
Erga barsiisichi ajjeefamee booda viidiyoo balleessuun ajjeechaa raawwate balaaleeffateera.
Ajjeechaan suukaneessaa barsiisaa seenaarratti raawwate Faransaay rifaasiseera. Namoonni kuma hedduu ta'an gaafa Dilbataa hiriira bahuun nama du'e bira dhaabbatuu ibsaniiru.
Barattoonni to'ataman
Firaansitti barsiisaa Saamu'eel Paatii mormi irraa muramee ajjeefamuu hordofee namoota to'ataman keessaa 15 barattoota jedhameera
Barsiisaa Saamu'eel kaartuunii Nabiyyuu Mohaammad falmisiisaadha jedhame barattoota isaatti agarsiisee ture.
Namoonni hidhaman biroon miseensa maatii nama barsiisaa kana ajjeesee afur, mana barumsaa sana keessaa abbaa barataa tokkoofi nama finxaalessa (Islamist radical) beekamaa ta'e tokko ta'uun himameera.
Wiixata poolisiin manneen namoota finxaalessummaan shakkamanii 40 ta'an humnaan cabsee seenuun akka sakatta'eefi ammallee kan tasa sakatta'u akka jirus gabaafameera.
Ajjeechaan gara jabeenyaa barsiisaa sanarratti raawwatame Firaansiin rifaasiseera.
Mormii guutummaa biyyattii keessatti Dilbata darbe gaggeeffame keessatti, namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman kan hirmaatan yoo ta'u, kabajaa barsiisaa Saamu'eel Patiifi qaban ibsachaa oolaniiru.
Namoonni hiriira bahan kunneen mirgi walabaan yaada ofii ibsachuu akka kabajamuufillee gaafataniiru. Sirni gaggeessaa barsiisaa umuriin ganna 47 kun Roobii Yunvarsiitii Sorbanaa Firaansitti gaggeeffamuuf jira.

Madda suuraa, AFP
Namni maqaan isaa Abdolaak jedhamuufi umuriin isaa waggaa 18 ta'e erga Saamu'eel Patii mana barumsaa isaattti dhiyootti ajjeesee booda dhukaasa Jimaata darbe poolisiin itti dhukaaseen du'eera.
Manni barumsaa barsiisaa Saamu'eel Patii kun qe'ee Conflans-Sainte-Honorine jedhamtu andaara Paaris gama Kaaba-lixaatti argamtu keessatti argama.
Qorannoon hanga ammaatti jiru maal agarsiisa?
Barattoonni afur maallaqa fudhachuun barsiisaa Saamu'eel Patii namicha isa ajjeesetti agarsiisan akka hidhaman maddeen haqaa Wiixata darbe AFPtti himaniiru.
Kun ammoo ajjeechaa barsiisichaan booda lakkoofsa namoota to'atamanii 15 akka qaqqabu taasiseera.
Haleellaan baayyee sodaachisaa akkuma gaggeeffameen yeroo gabaabduu keessatti akaakayyuun namicha ajjeesee, maatiin isaafi obboleessi isaa umuriin waggaa 17 ta'es hidhamaniiru.
Karaa toora interneetaa duula barsiisaa Saamu'eel Patii irratti baneera kan jedhame abbaan barataa tokkoofi barsiisaan amantaa, miidiyaan Firaansi finxaalessa jedhe tokkos namoota ja'a Sanbata dare to'ataman keessatti argamu.
Ministirri Dhimma Biyya keessaa Gérald Darmanin namoonni kunneen lamaan barsiisaa kanarratti murtee "fatwa" dabarsaniiru jechuun himatan.

Madda suuraa, Getty Images
Sakatta'insawwan Wiixata darbe warreen finxaaleyyiidha jedhaman irratti xiyyeeffachuun taasifaman, kanneen dirqama ajjeechaa barsiisaa Saamu'eel waliin walqabatan hin turre.
Akka Obbo Darmanin jedhanitti poolisiin namoota ajjeechaa kana deeggaruun ergaa dabarsan jedhaman 80 waliin gaaffii ni gaggeessa.
"Sochii akkasii kana murannoo cimaadhaan dhiibbaa cimaa irratti gochuufi tasgabbii dhorkuu barbaadna," jedhan Ministirri Dhimma Keessoo yeroo AFPtti himan.
Waldaalee Muslimaa Firaans 51 irrattis qorannoo gaggeessaa jiraachuu mootummaan dubbateera. Isaan keessaa kan jibbinsa babal'isan argamaan akka cufamanis dubbateera.














